Waraanni US hanaga Sambatatti Iraan irratti haleellaa rawwachuu maluuf 'qophii xumure'- Miidiyaa US

Tiraamp

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Qophiin Ameerikaan taasisaa jirtu haleellaan Iraan waan hin oolle ta'uu akeeka.

Waayit Haawus Iraan Ameerikaa waliin daftee waliigaltee uumuun "gamnummaa guddaa" akka ta'u akeekkachiiseera.

Sochii pirezidaanti Doonaald Tiraamp Iraan irratti tarkaanfii waraanaa haaraa fudhachuuf taasisan irraa ka'uun akeekkachisa kana kennuu ibse.

Gama biraan Ameerikaan Iraan waliin waldhabdeen jiru dabalaa dhufuu hordofee loltoota ishee Sooriyaa keessaa baasuufi.

Pirees sekreetariin Waayit Haawus Kaarooliin Liiviit akka jedhanitti, pirezidaant Doonaald Tiraamp ammallee sagantaa niwukilaraa Iraan irratti furmaata dippilomaasii filatu.

Haa ta'u malee, yoo mariin hin milkoofne haleellaan waraanaa fudhatamuu akka danda'u ''agarsiiftuwwan hedduun'' akka jiran ibsan.

Ibsi Waayit Haawus kun kan dhaga'ame yeroo Ameerikaan doonii waraanaa lammaffaa gara naannichaatti ergitee fi marii Ameerikaa fi Iraan Siwiizarlaanditti taasifamaa ture xumurametti ture.

Iraan dhimma nukilaaraa ilaalchisuun "wantota ijoo ta'anirratti" Ameerikaa waliin waliigalteerra gahuu beeksifteetti. Ameerikaanis "marii kanaratti fooyya'insi mul'ateera" jechuun ibsitee turte.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haa ta'uu malee miidiyaaleen Ameerikaa Roobii kaleessaa akka gabaasanitti, Tiraamp gorsitoota dhimma nageenyaaf tasgabbii isaanii waliin filannoo haleellaa Sambata fuuldura jiru irratti mari'achuu ibsan.

Michuu BBC kan ta'e CBS akka gabaasetti, qondaaltonni olaanoo nageenya biyyaalessaa haleellaa Iraan Sambata fuulduraa kana irratti raawwachuu maluuf waraanni qophii ta'uu Tiraampitti himaniiru.

Traamp haleeluu fi dhiisuu isaanii irratti hanga ammaatti murtee dhumaa kan hin kennine ta'uu ibsamuu maddeen miidiyiichaaf himaniiru.

Liiviit akka gaazexeessitootti himanitti '' Sababootni fi walfalmiin Iraan irratti haleellaan akka fudhatamu taasisu hedduun jira''

Ganna darbe waraanni Ameerikaa dhaabbilee niwukilaraa Iraan sadii irratti haleellaa raawwachuun ni yaadatama.

Kaarooliin Liiviit haleellaa Ameerikaan baatii Waxabajji keessa raawwatte eeruun, "Iraan Pirezidaantii Tiraamp waliinis ta'e bulchiinsa isaanii waliin waliigaltee uumuun gamnummaadha" jette.

US fi michoonni ishee Awurooppaa Iraan gara meeshaa niwukilaraa hojjechuutti deemaa jirti jedhanii shakku. Iraan garuu kana haaluun sagantaan niwukilaraa ishee dhimma nagaaf qofa ta'uu irra deddeebiin ibsaa turte.

Amma Ameerikaan naannoo Iraanitti waraana ishee cimsaa jirti. Dooniin meeshaalee waraanaa fe'u USS Abrahaam Liinkan naannoo Iraanitti socho'uu BBC Verify mirkaneessera.

Dooniin fe'umsaa kun meeshaalee misaa'ela barbadeessuu fi xiyyaarota waraanaa heddu fe'ee jira.

Xiyyaara fe'umsaa kan biraa USS Gerald R. Ford jedhamus naannawa Baha Giddu Galeessaatti ergamaa jira. Dooniin waraanaa addunyaa isa guddaadha jedhamu kun torban muraasa keessatti naannawa sana ni qaqqaba jedhamee eegama.

Pirezidaanti Tiraamp dhuma torbee kanaa irraa eegalee waraanni Ameerikaa Iraan irratti haleellaa raawwachuu akka danda’u ajaja dabarsuufi

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Pirees sekreetariin Waayit Haawus waa'ee marii Jenevaa gaafatamanii, Waashingitan fi Tehran ammallee dhimmoota ijoo tokko tokko irratti "wal irraa fagaatanii jiru" jedhan.

Liiviit murtee Ameerikaa kana keessaa Israa'el harka qabaachuu fi dhiisuu ishee dubbachuu didde.

Hogganaan olaanaa Iraan, Ayaatollah Ali Kahameeni , deebii cimaa kennaniiru.

Suuraa AI hojjatame toora interneetii irratti maxxansuun Iraan dooniiwwan waraanaa Ameerikaa balleessuuf humna akka qabdu ibsan.

US bu'aa marii haqaaquun to'achuuf yaalaa jirti jechuunis himate.

Iraan gama isheen sochii waraanaa ishee dabaltee jirti. Koreen Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC) dulaa galaanaa ijoo boba'aa addunyaa irra darbu Strait of Hormuz keessatti shaakala humna galaanaa raawwatti.

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp baatii Sadaasaa keessa Waayit Haawusitti preezdaantii Sooriyaa Ahimad Al-Sharaa waliin wayita wal argan.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp baatii Sadaasaa keessa Waayit Haawusitti preezdaantii Sooriyaa Ahimad Al-Sharaa waliin wayita wal argan.

Gama biraan Ameerikaan Iraan waliin waldhabdeen dabalaa dhufuun loltoota ishee Sooriyaa keessaa baasuufi.

Ameerikaan ji'oota muraasa dhufan keessatti loltoota ishee hafan hedduu Sooriyaa keessaa baasuuf qophaa'aa akka jirtu qondaalli olaanaa Waayit Haawus BBCtti himan.

Loltoonni Ameerikaa bara 2015 irraa eegalee garee Islaamummaa loluuf Siiriyaa keessa turan.

Murteen kun kan murtaa'e yeroo waldhabdeen Iraanfi Ameerikaa dabalaa jirutti.

Qondaalli kun murtoon loltoota tilmaamaan 1,000 ta'an Sooriyaa keessaa hafan qaama ce'umsa haala irratti hundaa'e ta'uu ibsuun, US balaa naannicha keessatti mudatu kamiifuu deebii kennuudhaaf qophii ta'uu ibsaniiru.

Jalqaba bara kanaa humnoonni Ameerikaa buufataalee lama keessaa ba'anii turan.

Kufaatii mootummaan Pirezidaantii duraanii Bashar Al-Asad bara 2024 hordofee jijjiirama gurguddaa Sooriyaa keessatti mul'ate tumsuuf humni Ameerikaa naannawa sana turan.

Ergasii bulchiinsi Traamp hariiroo pirezidaantii haaraa Sooriyaa Ahmed al-Sharaa waliin qabu fooyyessuuf yaalaa ture.

Ministirri Dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiyoon dhiheenya kana ministeera dhimma alaa Sooriyaa waliin wal arganii dhukaasa dhaabuu fi lola shororkeessummaa itti fufuu ilaalchisuun mari'atanii ture.