Hayilee Fidaa: Maqaa Qubee Afaan Oromoofi siyaasa ammayyaa keessatti hin dagatamne

Madda suuraa, Kitaaba Amaaree Tagibaaruurraa
Hayilee Fidaa Kumaa! Maqaa Qubee Afaan Oromoo fi siyaasa ammayyaa Itoophiyaa keessatti kaleessaa hanga har’aatti ka’u, boorus hin dagatamne.
Seenaa biyyaa qoratee, siyaasaafi falaasama addunyaa baratee ofiin seenaa hojjetee darbeera.
Wallagga, qe’ee itti dhalate Arjoo irraa kaasee waggaa 40 lubbuun lafarra jiraatetti karaa dheeraa deemeera.
Warri isa beekaniifi warri waa’eesaa kitaaba kataban waan baayyee dhugaa ba’aniiruuf. Barreeffama kanaan gumaacha Hayileen Qubee Afaan Oromoofi siyaasa Itoophiyaa keessatti taasise hayyuufi kitaaba seenaasaa himanirraa iyyaafannee akkasitti qixeessineerra.
Qubee Afaan Oromoofi Hayilee Fidaa
Hayileen irra caalaa hojii siyaasaan kan beekamu ta’ullee, hojii inni Afaan Oromoofi Aartii Oromoo dagaagsuu keessatti gumaches akka addaatti yaadatamu.
Keessumaa Qubee Afaan Oromoo har’a ‘mallattoo dhalootaa’ ta’e kana beekumsaafi qorannoo saayinsawaarratti hundaa’uun akka qophaa’u warra taasisan keessaa adda duree ture.
Hayileen barnoota Ji’ooloojii, Sooshiyooloofi Sooshaal Antirooppoloojii, akkasumas Falaasama barate.
Haata’u malee, beekumsa inni afaaniifi saayinsii afanii (Xin-qooqarratti) irratti qabu bal’aa akka ta’e hayyoonni isa waliin hojjetan ni dubbatu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hayileen hojii Afaan Oromoo ilaalchisuun hojjete keessaa kunneen sadan isaan ijoo turan.
- Languages in Ethiopia: Latin or Geez for Writing Afan Oromo, Tatek, 1972 (Waraqaa qorannoo)
- Hirmaata Dubbii Afaan Oromoo. Paaris, 1973 (Seerlugaafi Caasluga Afaanii)
- Bara Birraan Barihe. Paaris (Kitaaba kuusaa geerarsaafi kuusaa afoolaa biroo)
Languages in Ethiopia: Latin or Geez for Writing Afan Oromo, kan jedhu kun waraqaa qorannoo adeemsa Qubee Afaan Oromoo qopheessuu keessatti qophaa’e yoo ta’u, Hayileen beektoota afaanii biroo waliin ta’uun qopheesse.
Dr. Hayileen yeroo Awurooppaa turetti miseensa Gurumuu Barattoota Oromoo Awurooppaa kan qorannoorratti xiyyeeffatuu ture. Yeruudhuma miseensa Gurmuu Barattoota Oromoo kunis yerooma miseensa Gurmuu Barattoota Oromoo ture kanatti Tokkummaa Barattoota Itoophiyaas hundeessee gaggeessaa ture.
Gareen qorannoo kun barattoota Oromoo biyyoota akka Faransaay, Jarmanii, Siwiidin, Sooviyeet Yuuniyeen, Hangaariifi Yugoozilaaviyaa keessa turan kan hirmaachisedha.
Garee Afaan Oromoo afaan barreeffamaa akka ta'uuf qorannoo bal'aa gochaa ture kana keessatti Hayileen aadda dureedha.
Barruun qoraanoo kun seera barreeffama Afaan Oromootiif bu’uura kaa’uurra darbee, Qubee Afaan Oromoo Laatiniirraa akka afaanichaaf mijatutti madaqfame iitiin barreessuuf filatamaa ta’uu kan mirkaneessedha.
Dr. Hayileen biyya Jarmanii yeroo tureetti addatti dhimma Oromoofi Afaan Oromoorratti xiyyeeffatee hojjetaa ture jedha barsiisaafi qorataan Seenaa Yunivarsiitii Wallaggaa Tasfaayee Tolasaa (PHD).
Hayyoota Oromoo Awurooppaafi bakka garagaraa jiran waliin biyya Itoophiyaa keessatti gaheen Oromoofi Afaan Oromoo maal ta’uu akka qaburratti fuulleeffachuun hojjechaa ture.”
Akka Dr. Tasfaayeen Yunivarsiitii Wallaggaarraa jedhutti, Hayileen yeroo Qubee Afaan Oromoo har’aa kana qopheessetti hayyoonni Oromoo biroo hedduun isa gargaaraniiru.
“Mitikkuu Abboomaa, Baaroo Tumsaa, Mitikkuu Tarfaasaa, Abdullaahiifi kaan waliin ta’uun qopheeessan.
Yeroo inni hayyoota Oromoo waliin Awurooppaa taa’ee hojjechaa turetti, hayyoonni biyya keessa turanis hirmaachaa turaniiru. Sirriitti alaafi keessaan quba walqabaachuun hojjetan.”
Qubee Afaan Oromoo qorannoon raggaasisan kana fayyadamuun Dr Hayileen kitaabota lamaan walitti aansuun kan maxxanse.
Kitaabni inni jalqabaa barreesse Hirmaata Dubbii Afaan Oromoo jedhu qorannoo seerlugaafi caasluga Afaan Oromooti.
Kitaabni kun kan maxxanfame bara 1973, magaalaa Paarisitti yoo ta’u, boodarra yeroo Dargiin aangoo qabatee Hayileen biyyatti deebiye barnoota bu’uuraa barsiisuu keessatti baayyee fayyadeera.
Hayileen Dargii waliin ta’uun sagantaa barnoota bu’uuraa akka Itoophiyaatti akka diriirfamu taasise keessatti godinaalee ummanni Oromoo keessa jiraatan keessatti bifa lamaan akka gaggeeffamu godhe jedha seenaa Hayilee itti dhiyeenyaan kan qoratu Dr. Tasfaayee Tolasaa.
“Inni tokko isa kan Dargii barnoota Afaan Oromootiin garuu qubee Gi’iiziitiin qophaa’e guyyaa akka kennamu godhe [Hayileen].
Kan biraa ammoo kitaaba ‘Hirmaata Dubbii’ jedhu ofiisaa Qubee Afaan Oromoon barreesse galgala akka barsiifamu dhoksaan beektota hedduu waliin hojjechaa ture.”
Kitaabni biraan Hayileen Qubee Afaan Oromootiin barreesse ‘Bara Birraan Barihe’ kan jedhudha.
Kitaabni kun kuusaawwan afoolaa akka geerarsaa, walaloofi qabiyyee bifa diraamaan dhiyaatan of keessaa qaba.
Bara sana keessa roorroofi gidiraa uummataa ifatti waan hin dubbatamneef kitaabni Dr. Hayilee ‘Bara Birraan Barihe’ jedhu kun bifa geerarsaafi afoola biroon fakkeessuun rakkoo uummanni Oromoo keessa jiru hima jedha Dr. Tasfaayeen.
“Akkuma hiika mata-duree kitaaba kanaa ‘dukkanniifi roobni, lolaafi duumessi Ganna keessa nama rakkise’ yeroo Birraan bari’utti namaaf darba jechuudha. Ergaan keessasaa ammoo sirni hacuuccaa jiru darbee Oromooon gara fuula duraatti ifatti baha kan jedhu of keessaa qaba.
Kitaabni kun bifa diraamaa, geerarsaafi afoolaan kan barreeffame yoo ta’u, gidiraafi roorraa garagaraa kaasuun dhumarratti ifaafi bilisummaa hima.”
Hojii hin dagatamne Qubee Afaan Oromoo irratti hojjechaa ture haati warraa Hayilee Bernaadeet Hayilee Fidaa bara 2017 FBC Sagantaa Ye Dera Chaweta jedhamurratti dhiyaattee dubbattee ture.
Yeroo hedduu beektota waliin Qubee Afaan Oromoo qopheessuu irratti dabarseera kan jettu Bernaadeet, Afaan Oromoo Yunivarsiitii Firaans keessatti barsiisaa turuus ni yaadatti.
“Waa’ee afaanii, siyaasaa, tokkumma barattootaa, waa hedduu yaadaan muddamee osoo jiruu karaa deemuuf bahee bakka baabura koru gahee, kophee miila garagaraa godhatee of arge,” jechuun hangam nama hojiidhaan muddame akka ta’e dubbatte Bernaadeet.
Kanaaf, gumaacha taasiseen Hayilee Fidaa amma ‘Abbaa Qubee Afaan Oromoo’ jedhamuutti gaheera.
Barachuu-Ijaaramuu-Hidhachuu: ‘Falaasama’ siyaasa Hayilee Fidaa

Madda suuraa, Kitaaba Amaaree Tagibaaruurraa
Pirezidantiin duraanii Itoophiyaa Koloneel Mangistuu Hayile-Maariyaam waa’ee dandeettii siyaasaa Hayilee Fidaa kan dhugaa bahe qaba.
Hayilee Fidaa qophaa isaa biyya tokko uumee bulchuuf humna kan qabu hayyuu guddicha jedhee ture.
Fakkeenyaaf, ''Ani Hayilee Fidaatiif kabaja guddaan qaba. Kun gaaffii omaa hin qabu. Nama tasgabbaa’aa, kan baayyee dubbise, Maarkisistii jabaa ture.
''Sammuu gaarii kan qabu, barreeffamaanis ta’e dubbiinis taanaan hiiroo (wiirtuu) paartichaa ture. Karaa hundaan mudaa irratti hin argitu,” jedhe Koloneel Mangistuun waa’ee Hayilee gaaffiifi deebii Gannat Ayyalee Anbassee waliin taasisee kan boodarra gaazexeessituun kun bara 1994 kitaabarratti barreessiterratti.
Namni Hayilee Fidaa yeroo dheeraatiif beekuufi kitaaba waa’ee Hayilee barreesse Amaaree Tagibaaruu Bayyanaa (PhD), deeggartoota isaa qofa osoo hin ta’iin warri isa mormaniifi ‘diina ‘isaa ta’aniyyu dandeettii siyaasaasaa dhugaa bahuuf jedha.
Dr. Amaaree Tagibaaruu kitaaba ‘Hayilee Fidaa Ena Ye Gillee Taarik’ jedhu barreesseen gahee Hayileen siyaasa Itoophiyaa ammayyeessuu keessatti taasise adda akka ture kaasa.
Hiriyaa Hayilee baayyee itti dhiyeenyaan beeku kan ta'e Dr. Amaareen, hayyuu sammuu guddaa qabu, beekaa saayinsii hawaasaa, beekaa afaanii ture jedha.
Addatti ammoo siyaasa addunyaa kanaa nama dursee hubatedha jedha Dr. Tagibaaruun.
Haati warraa Hayilee, Bernaandeet, abbaan warraashee siyaasaan nama dubbiseefi bilchaataa ta’uu isaa ilaalcha siyaasaa abbaashee salphaatti jijjiiruusaarratti hubatte.
Hayileen dandeettii nama amansiisuu guddaa qaba kan jettu Bernaadeet, abbaashee Faransaay keessatti siyaasa warra leellistootaa [Conservative]n beekamu Sooshaalititti jijjiire jetti.
“Aniifi abbaan koo ilaalcha siyaasaa faallaa ta’e qabna, yeroo hundas wal lolla. Abbaan koo fakkeenyaaf, waa’ee biyya Faransaay koloneeffattee bitaa turterratti ejjennoo inni qabu faallaakooti. Ani Aljeeriyaanonni akka ofii isaanii of bulchan nan barbaada, inni garuu akkas miti.
Kanaaf, Hayileen yeroo abbaa koo jalqaba wal baru ilaalcha siyaasaa inni qabu itti himeen akka of eeggatu godheen ture. Gaafa wal baran garuu Hayileen ilaalcha siyaasa abbaakoo jijjiire. Kana obboleettii kiyya waliin baayyee nu ajaa’ibee kolfine,” jechuun dandeettii isaa dinqisiifatti.
Hayileen Awurooppaatii biyyaatti deebiye
Sirnni mootii Hayile-Sillaasee kufee akkuma Dargiin aangoo qabateen Hayilee Fidaa Awurooppaarraa biyyatti deebiyuun dhaaba siyaasaa Warraaqsa Sooshaalistii Itoophiyaa Guutuu kan maqaa Amaariffaa "ME'ISOON" jedhamuun beekkamu hundeesse.
Kaayyoon guddaan dhaaba Hayileen hundeesse kanaa saboota Itoophiyaa garagaraa cunqursaa bara dheeraa jalaa baasuudha jedha Dr. Tasfaayeen.
Akka ibsa Dr. Tasfaayeetti, dhaaba kana qofaa qabatanii rakkoo saboota cunqurfamoo furuun waan hin danda’amneef Hayileen Dargii waliin walta'uun hojjechuu murteesse. Hayileen Dargii waliin ta'e jechuun itti makame osoo hin taane wal hubannaatiin waliin hojjechuu akka ta'e dubbata hayyuun seenaa kun.
Hayileen erga Dargii waliin qindoominaan hojjechuu jalqabee itti gaafatamaa ‘Poolit Biiroo’ kan dhimma siyaasaa ijoo ta'erratti hojjetu ture ta’e.
Gumaachasaa keessa inni guddaan Dargii bakka bu'uun Sagantaa Warraaqsa Dimokiraatawaa Biyyooleessa baasedha.
Hayileen eenyu akka ta’e kan ilaalamu erga ME'ISOON hundeessee wantota inni hojjetedha jedha Dr. Tasfaayeen.
Siyaasaa Itoophiyaa keessatti saba hacuucame hacuuccaa jalaa baasuuf yaada 'Falaasama' sadii – Barachuu, Gurmaa’uufi Hidhachuu’ jedhu karoorsee lafa qabsiisuu jalqabe [Hayileen].
Barachuu yoo jedhu, saba hacuucamaa barsiisuufi dadammaqsuun nurra jiraata kan jedhudha.
Lamaffaarratti gurmaa’uufi ijaaramuu kan jedheen ammoo, sabni hacuucamaa gurmaa’uu qaba jedhee amana ture. Sabni hacuucame yoo gurmaa’e mirgasaaf falmata jedhee amana Hayileen.
Sadaffaan ammoo sabni baratee gurmaa’e kun diina ofirraa ittisuuf hidhachuu qaba jechuun hayyoota biroo hirmaachisee carraa argameen caasaa diriirsee hojjeechaa ture ayileen.
Saboota Itoophiyaa keessatti hacuucaman keessaa lakkoofsi isaa hedduu kan ta’e Oromoodha. Kanaaf, sabni hacuucame ‘haa baratu, haa gurmaa’u, haa hidhatu’ yeroo jedhamu karaa biraatiin saba Oromoo ta’a. Kanaaf, fakkeenyi tokko barnoonni bu’uuraa akka jalqabamu taasisuu Hayileeti.
Barnoota bu’uuraan alattis baruma Dargii sana keessa gama hojii aartiitiin ‘Kinat’ kan jedhu hundeeffame keessatti akkamitti Oromoonni qaroo ta’an itti makamanii uummata daddammaqsuu keessatti gahee bahatan karaa banaa tureera.
'Hayilee kanne Leencoo Lataa balaay xabbaab biheertanyaa naw...'

Madda suuraa, Kitaaba Amaaree Tagibaaruurraa
Yeroo Hayileen siyaasa Itoophiyaa keessatti dammaqinaan qooda fudhataa ture sanatti, namoonni siyaasaa Oromoo jajjaboo ta'an gurmaa'ina garagaraa keessatti qabsootti jiru. Bifti qabsoo isaanii garuu dhaaba akka saba Oromootti ijaaruun ture.
"Leencoo Lataafaa maqaa Oromoo ifatti dha’atanii qabsootti seenan. Hayileen garuu osoo maqaa Oromoo hin dha’iin hojjeta ture," jedha Dr. Tasfaayee Tolasaa.
Warri Itoophiyaa leellisan ‘Hayilee xabbaab Biheertanyaa naw’ jedhu. Innumaattuu ‘Adaganyaa Xabbaab Biheertanyaa naw’ jedhu.
“Ethiopian People's Revolutionary Party ykn kan maqaa Amaariffaan IHAPA jedhamu beekamu keessaa aanga’aa Itoophiyaanummaa leellisan keessaa tokko waliin gaaffiifi deebii taasisee akka ture kan dubbatu Dr. Tasfaayeen, 'Hayilee Kenne Leencoo Lataa balaay Xabbaab biheertanyaa naw’ jechuun akka isaaf ibsan yaadta.
Warri Oromoo jechuun qabsaa’an ammoo Hayileen Itoophiyaa leellisa, Itoophiyaanistiidha jedhu. Kanaaf, namoota siyaasaa biyya Itoophiyaa keessa jiraniin Hayileedhaaf bifa lama kennan.
Warri Hayilee akka lamaan ilaalan warra 'bakka inni qaqqabe hin qaqqabiinidha' jedhu namoonni isa beekan.
Hayileen sammuu guddicha Oromoo qofa miti, sammuu guddicha Itoophiyaa qofas miti, sammuu gudducha addunyaa guddaadha jechuun afaan guutanii dhugaa ba'uuf beektonni hedduun.
"Hayilee Fidaa sammuu addunyaati kan jennuuf, hayyuu afaan 11 danda'u, ittiin dubbisee barreessudha.
Nama saayinsii hawaasaa, saayinsii uumamaa, saayinsii afaanii, muuziqaallee osoo hin hafiin qoratedha," jedha Dr. Yeraaswarq Adimaasee ammoo Yunivarsiitii Finfinneerraa.
Dhalootaafi barnootaa Hayilee
Wallagga Bahaa, magaalaa Arjootti dhalate. Obboloota torba waliin dhalate keessaa inni angafadha.
Maatii harka-qalleessarraa nama dhalatedha. Abbaan isaa ogummaa mana ijaaruufi muka soofuutiin maatii jiraachisa.
Kitaaba isaa ‘Bara Birraan bari'e’ jedhu barreesserraa akka hubachuun danda’amutti, abbaan Hayilee barumsa idilee qabaachuu baatanis hawaasa keessaatti nama dammaqoo waan turaniif dandeettiiwwan afoolaa akka geerarsaafi walalootiin ergaa dabarsaa turuutu mul’ata.
Kitaaba Hayilee ‘Bara Birraan Bari’e’ jedhu keessatti bakka tokko tokkotti geerarsa barreesse keessatti ‘Abbaa Fidaa Ya Kumaa…’ jechuun waa’ee abbaa isaa kana akka inni hawaasa keessatti qarooma qabu ibsa.
Yeroo sanatti Raas Bitewedded Mokonnon Damisoo jedhamutti hanga kutaa shaniitti barate.
Isa booda obboleettii isaa bira taa’ee Naqamtetti barnoota isaa hanga saddeettii baratee qabxii Ministirii guddaa fidatee Finfinneetti Mana-barumsaa Janaraal Wingeet gale.
Mana-barumsaa Janaraal Wiinget yeroo sana barattoonni akka biyyaatti qabxii gaarii qaban itti barataa turanitti 9-12 qabxii olaanaa galmeessaa ture.
Seenaan isaa akka agrsiisutti, yeroo Mana-barumsaa Janaraal Wiingetitti baratutti, kitaabota hedduu seenaa addunyaafi Falaasama dubbisuun of gahoomsaa ture. Keessumaa seenaa warra hacuucamtootaa kan ilaallatu kitaabota hedduu qorateera. Kana hordofees mana-barumsaa sana keessatti falmiin siyaasa ammayyaa akka jiraatu gochaa ture.
Falmii siyaasaa manneen-barnootaafi yeroo sanatti Qadaamaawwii Hayile Sillaaseerraa dhufan waliin gama warra hacuucamtootaa goruun falmii gaggeeffamurratti hirmaataa tureera.
Yeroo sanarraa kaasee siyaasni Itoophiyaa kan irratti ijaarame fedhii saba muraasaa irratti ta’uu mul’isuu eegale.
Qormaata biyyaalessaa 12 qoramee tokko ‘B’ ta’uurraa kan hafe hunda ‘A’ fide.
Hayileen jalqaba hojii barsiisummaatiin Harargee-Dadaritti kan ramadame yoo ta’u, achittis sirni hacuuccaan uummatarra jiru kan keessatti guddate Wallagga caalaa akka ta’e hubachuun qabsoo siyaasaa cimsee itti fufe.
Hacuuccaan Wallaggaan yeroo sana ture akka sabaatti qofa ture, Harargeetti garuuu akka sabaattis, akka amantaattis hacuuccaan dacha ta’uu wagga tokko keessa jiraatee arge.
Turtii Harargee wagga tokkoon booda barumsa olaanaatiif gara Yunivarsiitii Finfinneetti deebiyee barnoota Ji’ooloojii wayita baratutti sochii barattootaas cimsaa tureera.
Barnoota Ji’ooloojii kanas qabxii 4:00n xumuree achuma Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa ta’ee itti fufe.
Osoo baayyee hin turiin ammoo carraa barnootaa biyya alaa argatee gara Faransaay deeme.
Yeroo sanatti Astiroonoomii akka baratuuf ergame ture. Inni garuu Faransaay gaafa deeme barnoota ‘Sooshiyooloojiifi Sooshaal Antirooppoloojiitti’ kan jedhus barateera. Kan kan godhe ammoo fedhiifi dandeettii siyaasaa qabu gabbifachuuf karoora qabuunidha.
Barnoota Falaasamaan ammoo PhD hojjeteeera. Hayileen Yunivarsiitii Finfinneetiin alatti Yunivarsiitiiwwan Faraansaay, akkasumas Jarman-Hamburggtti barsiiseera.
Hayileen lammii Faransaay kan taate haadha manaasaa Bernandeet irraa ijoollee lama horateera. Isaanis Saaraa Hayilee fi Yoodit Hayilee jedhamu.












