Kitaabni siyaasa Afaan Oromoo fi Qubeerratti barraa'e maal hima?

Madda suuraa, Wandimmuu Taganyee (PhD)
Kitaabni mata-dureen isaa ‘Siyaasa Afaan Oromoofi Qubee Itoophiyaatti’ jedhu barreeffamee tibba kana dubbistootaaf dhiyaateera.
Kitaabichi waggoota torbaa ol kan fudhateefi qorannoo irratti kan hundaa’e akka ta’e dubbata barreessaan kitaabichaa Wandimmuu Taganyee (PhD).
Afaan Oromoofi Qubeen ''hundee Oromummaa…kallacha tokkummaa ... '' jedhamee weeddifameera.
Labati ammaafi kan darbes gatii hanga lubbuutti itti baasee walitti dabarseera; ammas ittuma jira.
Kanaaf akkuma mata-duree kitaabichi kaase, Afaan Oromoofi Qubeen Itoophiyaa keessatti siyaasa.
Dhimmi Afaan Oromoofi Qubee yoo ka’u maaliif siyaasni waliin ka’a? Kaayyoofi qabiyyeen kitaaba haaraa kanaa maalidha?
Barsiisaafi qorataa Yunivarsiitii Amboo kan ta’e Dr. Wandimmuun turtii BBC waliin taasiseen gaaffilee kanaaf deebii kenneera.
''Kitaabni kun dhimmi ijoo inni kaase Afaan Oromoofi Qubeen eessaa ka’ee garamitti deemaa akka jirudha.''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Kaleessa maal keessa ture; har’a maalirra jira; egereen isaa hoo maal fakkaata kan jedhu dhiyeessa'' kan jedhu hayyuun kun ragaa hedduu sassaabamerraa xiinxalamee kan qophaa’e ta’uu ibsa.
Kitaabni kun afaanota lamaan – Afaan Oromoo fi Ingliffaan kan qophaa’e ta'uu hima barreessaan.
Hawaasa addunyaas ta’e akkaadaamiiwwan addunyaarra jiran akka itti gargaaraman barbaadeni Ingiliffaanis qopheesse kan jedhu barreessaan kun, Afaan Amaaraatiinillee gara fuula duraatti akka qopheessu hima.
“Waa’een aadaa, afaaniifi eenyummaan Oromoo ukkaamfamaa waan tureef addunyaan waa’ee afaaniifi aadaa keenyaa hanga baruu qabu hin bariin jira.
''Kitaabonni kanaan dura dhimma kana irratti barreeffamanis hagas mara guutessa ta’anii kan barreeffaman waan natti hin fakkaanneef addunyaan waa’ee dhimma Oromoo, Afaan Oromoo, Qubee isaa akka hubatu yaadeenidha.”
Akkuma mata-dureen kitaabichaa jedhutti, itti fayyadamni Afaan Oromoofi Qubee Itoophiyaa keessatti siyaasa waliin walitti hidhataadha kan jedhu Dr. Wandimmuun, dhiyeenyuma kana namni siyaasaa tokko TV tokko irratti dhiyaatee waa’ee Afaan Oromoofi Qubee kan dubbate akka fakkeenyaatti kaasa.
Akka inni jedhutti, namni siyaasa Itoophiyaa keessatti beekamu kun Afaan Oromoof ammallee Gi'iizii fayyadamuu qabu malee Qubee kan Laatinii irraa madaqfamee fayyadamuu hin qaban jechuun dubbatuu hima.
Garuu ummanni Oromoo waggaa soddomaaf qubee kanatti fayyadamee og-barruun isaa baayyee guddatee dhaloonni tokkoyyu ittiin uumameera jedha qorataan kuni.
Dhaloonni Qubee (Qube Generation) kan Qubee Afaan Oromootiin baratee guddatee, ittiin hojiitti bobba’eeru jira jechuun Afaan Oromoofi Qubeen isaa akka bu’uura qabateeru eera.
“Kanaaf, dhaloonni kun waa’ee afaan isaa, qubee isaa sirriitti hubatee, Qubee maaliif fayyadamna, faayidaan isaa maalidha, dhugaan jiru maalidha kan jedhu sirriitti hubatee falmii irratti ka’u, qeeqa irratti ka’u beekumsaafi yaadaan bilchaatee akka ofirraa qolatu taasisuufidha,” jechuun kaayyoo kitaabichaa ibsa.
Qubeen waggaa 30 dura qorannoo dheeraafi gadi fagoon gaggeeffamee seeraan murtaa’ee hojiirra kan oole yoo ta’u, isaan dura qubee adda addaatiin beektonni fayyadamaa akka turan seenaan ni mul’isa.
Fakkeenyaaf, qubee Arabaafi Gi’iiziitiin Afaan Oromoo barreessuuf ooleera.
Bara 1950 keessa ammoo Sheek Bakirii Saphaaloo qubee addaa bocanii Afaan Oromootiif akka ta’utti yaaluu isaanii yaadata Dr. Wandimmuun.
“Bara 1970 keessa ammoo Dr. Hayilee Fidaa, Baaroo Tumsaafi beektonni kaan Qubee Afaan Oromoof kan ta’u qorannoo adda addaa biyya Awurooppaa keessatti gaggeessaa turaniiru.
''Dargiin hin fudhanneef malee Qubee Afaan Oromoo akka hojiirra oolufi gorsa kennanii turan. Bu’aa ba’ii hedduu booda Qubeen Afaan Oromoo ragga’ee har’a gahe.”
Dhimmi Afaan Oromoofi Qubee maaliif siyaasa ta’e?
Sababii dhimmi Afaan Oromoofi Qubeen Afaan Oromoo siyaasa ta’eef waan baayyee of keessaa qaba akka Dr. Wandimmuun jedhutti.
Addunyaa kana irratti afaanonni baay'een qubee sirna afaan sana qubeessuufi sirriitti bakka bu’uu danda’u filachuun ittiin barreeffatu. Afaan Oromoos bifuma addunyaarra jiru kanaan filatame.
Kan Piroofesar Xilaahun Gamtaa bara 1993 barreeffama qopheessaniin Afaan Oromoo qubee kana fayyadamuu kan qabuuf jedhanii sababa qorannoo irratti hundaa’e dhiyyeessanii akka turan yaadachiisa.
Hayyuun Oromoo buleessi Pirof. Xilaahun Gamtaa Peedaagoojiin, qabatamatti Afaan Oromoo barreessuuf akka mijatu bu’uura qorannoo Xiin-qooqaan (linguistically) ilaalamee akka filatame kaa’anii ture.
Beektonni Oromoo sagaleessuu, amalaafi uumama Afaan Oromoo waliin kan deemu qorannoon mirkaneessanii Qubee akka madaqsan kan himu hayyu Dr. Wandimmuun, bara 1991 kora Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) waameen beektonni kuma tokkoo ol Qubee kana Laatinii irraa maaqfannee akka itti fayyadamnuuf kan murtaa’e jedha.
Akka barsiisaa Wandimmuu Taganyee (PhD) jedhutti, qorannoo irratti hundaa’ee murtaa’us garuu Qubeen kun hunda biratti hin fudhatmne.
Namoonni sababa gara garaa dhiyeessuun Qubee Afaan Oromoo mormaa turaniiru. Warri morman kunneenis sababa quubsaa qabaatanii osoo hin taane ilaalchaafi siyaasaa waliin walqabsiisanii akka ta’es ni himama.
Namoonni tokko tokko biyya tokko keessatti qubee tokko fayyadamuu qabna jechuun falmaa turan. Kanaaf, sababa yeroo dhiyeessanis tokkummaa biyyaatiif qubee tokko fayyadamuun ni wayya jedhu.
Kaan ammoo, qubeen Gi’iizii kan Saabaa irraa dhufe akka ‘mallattoo biyyaa’ ykn biyyi Itoophiyaa ittiin adda baatutti ilaaluurraa akka ta’e dubbatu.
Bara Qubee Afaan Oromoo fayyadamuun murtaa’e keessa kan hayyuun Xiin-qooqaa Yunivarsiitii Finfinnee Pirofeesar Baayyee Yimaan jedhaman barreessan kaasuun fakkeenyaan ibsa Dr. Wandimmuun.
Piroofeesar Baayyee Yimaam barreeffama maxxansaniin Qubee Afaan Oromoo fayyadamuu mormanii ture jedha.
Pirof Baayyeen Afaan Oromoo qubee Gi’iiziin barressuun gahaa akka hin taane sirrii ta’uu amananii, garuu tokkummaa biyyaafi baasii hin malle hir’isuuf sababa jedhuun Qubee fayyadamuu mormaa turan.
Yunivarsiitii Michigaanitti Pirofeesara Seenaa kan ta’e Gulummaa Gammadaa bara 2020 barruu ‘The History and Politics of Qube Alphabet’ jedhu barreessee ture.
Hayyuun seenaa kunis, dhaloota tokko keessatti qofa milkaa’inni guddaan Afaan Oromoofi Qubee ilaalchisuun argamullee hanga ammaa gaaffiin Qubee fayydamuu irratti ka’uun baayyee nama ajaa’iba jedha.
Gaaffiin Qubee irrattti ka’u ammoo fedhii ol aantummaa siyaasaa durii deebifachuu duuba jiraachuu irraa kan hafe, sababa qubsaafi qabatamaa hin qabu jedha Gulummaan barreeffama isaa kana keessatti.
Erga hayyoonni Orooo Qubee Afaan Oromoo qorannoo bal’aa irratti hundaa’anii seeraan murteessanii wagga 30 boodalle gareen ‘Itoophiyaanummaa’ leellisan muraasni toora interneetiifi kora tokko tokko irratti falmuu barbaadu jedha.
Keessumaa Ministirri Muummee Abiy Ahmad gara aangootti dhufanii waliin jiraachuufi tokkumaa isaan labsaniin hamilee haaraa horatanii warri ‘Itoophiyaanistii’ ofiin jedhan Qubee fayyadamuu xiqqeessuuf yaadu.

Madda suuraa, Wandimmuu Taganyee (PhD)
Qabiyyeen ijoo kitaabichaa..
Waa’ee itti fayyadama Afaan Oromoofi Qubeen Itoophiyaa keessatti maal akka fakkaatu, kaleessa eessaa ka’e; har’a maalirra jira; egereen isaa ammoo maal fakkaata kan jedhu qaaccessee kan dhiyeesse ta’uu kaasa barreessaan kitaabichaa.
Dhimma itti-fayyadama Afaan Oromoofi Qubee yeroo baayyee siyaasa waliin maaliif akka walqabatus gadi fageenyaan isba kitaabni kun.
“Afaan Oromoo akka afaan abbaa isaatti uummanni dubbatu Itoophiyaa keessatti %40 ta’a. Uummata biroon biyya keessaa miliyoona 10 ta’us Afaan Oromoo fayyadama. Walumaa galatti uummanni Itoophiyaa Afaan Oromoo akka afaan walootti gargaaramaan walakkaa olidha.
Itoophiyaarras darbee Afaan Oromoo biyyoota hollaa akka Keeniyaa, Jibuutiifi Taanzaaniyaa keessattis waan fayyadamamuuf [Transboundary] ta’edha,” jechuun bakka gahuu qabu geessisuuf beekumsaan hojjechuu feesisa jedha hayyuun kun.
“Egereen Afaan Oromoo gaafa ka’u qafaan kun afaan Federaalaa ta’uu qabaadha. Tokkumaa biyyaa, dinagdeefi hawaasummaa cimsuudhaaf baayyee barbaachisaa ta’ee osoo jiruu garuu gaaffiin kun yeroo ka’u mormiin yeroo ka’u ni dhaga’ama.
“Dhimma kana dhimma siyaasaa godhu. Nu dhuunfachuuf kan jedhu kaasuun siyaasa waliin walqabsiisu.
Kitaaba kana namni kamiyyu osoo dubbisee gariidha. Keessumaa ammoo barattoonni, barsiisonni, qorattoonni, warri imaammata baasan, Dhaloonni Qubee kun dhimma afaan isaafi qubee isaa sirriitti barachuutiin qeeqa ka’uuf deebii sirrii kennuuf osoo kitaaba kana dubbisaniin jedha,” jechuun dhaama barreessaan kitaabichaas.












