Barsiisaan barattoota isaatiin 'prank' godhame balaa irra ga'een lubbuun darbe

Madda suuraa, CBS
Ameerikaa keessatti barsiisaan mana-barumsaa sadarkaa lamaffaa tokko gocha qoosaa (prank) barattoonni isaa godhaniin walqabatee konkolaataan rukkutamee lubbuun isaa darbe.
Akka aanga'oonni Isteetii Joorjiyaa jedhanitti, tapha 'Toilet paper prank' jedhamu Ameerikaa keessatti baratame taphachuuf barattoonni kunneen mana barsiisichaatti dhiyootti muka argamurratti sooftii gochuun tapha yeroo uumanitti ture barsiisichi akka du'uuf balaan sababa ta'e kan dhalate.
Barsiisaan umuriin isaa waggaa 40 ta'e Jeesen Huugis jedhamu kun, barattoonni kunneen naannoo mana isaatti waraqaa mana fincaanii/booliitiin mukkeen faayanii yeroo turanitti mana isaatii bahee haala ture ilaalaa osoo jiruu sababa bokkaa naannicha tureen bakka mucucaatee kufetti konkolaataan rukkutamee du'e.
Balaa kana kan qaqqabsiisan brattoonni naannoo mana barsiisaa isaaniitti piraankii qopheessan sana barsiisaan isaanii osoo isaan hin argiin konkolaataa qabatanii turaniin bakka sanaa fagaachuuf saffisaan osoo oofaa jiranii barsiisaa isaanii kufee jirurra bahanii balaa kana qaqqabsiisuusaanii poolisiin himeera.
Barattoonni kunneen yakka lubbuu namaa balleessuutiin himanni irratti banamullee maatiin barsiisa du'e kanaa garuu himannichi akka ka'u barbaaduu ibsaniiru.
Barataa yeroo sana konkolaataa barsiisaa kanarra bahe oofaa ture balaa geessisuun himanni irratti dhiyaatee turullee maatiin barsiisaa lubbuun darbe kanaa garuu himanni akka addaan cituuf gaafataniiru.
Manuma barumsaa sana keessatti barsiistuu kan taate haati warraa barsiisaa du'ae kanaa Laawuraa Ugeees, abbaan warraashee barsiisaa barattoota isaa biratti baayyee jaallatamu akka ture ibsite.
Taphni piraankiin akka godhamuu akka beekuufi ijoolleee kana waliinis dhokachoo taphacuuf hawwiin eegaa akka turellee Laawuraan dubbatetti.
Barataan barsiisihca rukkutee ajjeese Jeeyidan Riyaan Walaas jedhamu umuriin isaa waggaa 18 ta'eefi barattoonni biroo lama namoonni yeroo balaa tasa gargaarsa kennaan osoo hin qaqqabiin dursanii barsiisicha hospitaala qaqqabsiisanii ture.
Haata'u malee, lubbuu oolchuun hin danda'amne. Walaasiifi barattoonni afur biroo yakka qabeenya nama biraa oofuun himatamaniiru.
Haata'u malee, haati warraa barsiisaa du'e kanaa Laawuraan, himannaa barattoota kanaa akka addaan citu gochuuf deeggara akka gootu ibsiteetti.
"Balaa rifaasisaadha; haata'u malee maatiin keenya jireenyi ijoollee kanaa akka gaaga'amu hin barbaadu," jette Laawuraan.
"Kun Jeeseniifi ijoolleen kunneen waan isaan dadhabaaf turan [gammachuu uumuuf] uraniin faallaadha" jette.
Hawaasni naannichaa naannoo Uuges itti barsiisaafi leenjisaa ture sanatti yaadannoo kaa'uuf qophaa'aa jiru.















