'Waraanichi xumuramuu kan murteessu nuyi malee Ameerikaa miti'- deebii Iraan Ameerikaaf deebifte

Madda suuraa, Getty Images
Iraan haleellaan Ameerikaa fi Israa'el yoo itti fufe boba'aan liitirri tokkollee Baha Giddu Galeessaa irraa alatti akka hin baane akeekkachiifteetti.
Akeekkachiisni kun Kibxata kana Eegdota Warraaqsa Iraan irraa kan kenname yoo ta'u, dubbii pireezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp haala waraana Iraan ilaalchisee kennaniif deebii kennamedha.
Tiraamp Iraan ulaa boba'aan addunyaa keessa darbu Hormuz cufuu isheef adabbii cimaan akka ishee eeggatu akeekkachiisan.
Dubbi himaan Eegdota Warraaqsa Iraan ammoo Eegdonni Warraaqsa Iraan Teehiraan xumura waraana kanaa akka murteessituuf, humnoonni waraanaa Iraan boba'aa fi nageenya naannoo eeguuf qophiidha jedhan
Dubbi himaan Eegdota Warraaqsa Iraan Ali Mohammad Nahiini akka jedhanitti: "xumurri fi egereen waranaa kanaa humnoota Ameerikaa harka utuu hin taane, harka humnoota hidhatee keenya keessa jira," jedhan
Tiraampi sababa Iraan ulaa kana cufteen gatiin bob'aa haala ta'ee hin beekneen dabaluu fi haalli faayinaansii addunyaa jeeqamuu hordofuun dubbii kana kan dubbatan
Dabalaataan ammoo gareen Egdota warraqsaa Iraan Hoogganaa Olaanaa haaraa Mojtabaa Kamenii waliin hiriiraa jiraachuu fi yeroo dhiyootti xumurarra ga'uu kan hin dandeenye ta'uu erga mul'ateen booda waan Ameerikaan gochuuf deemtu kan ibsan.
Tiraamp ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, Ameerikaan waraana Iraan irratti miidhaa guddaa geessifteetti jedhan. Walitti bu'iinsi kunis yeroo dhihootti xumuramuu akka danda'u ibsanis akkamitti xumurama isa jedhurratti garuu ibsa bal'aa hin kennine.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waraana kana keessatti kaayyoon Israa'el hoggansa abbootii amantaa Iraan kaasuun sirna jijjiiruu yoo ta'u,Kaayyoon qondaaltota Ameerikaa inni guddaan ammoo sirna misaa'elaa fi sagantaa niwukilaraa Iraan balleessuudha.
Traamp waraanni kun kan xumuramu gaafa Iraan mootummaa isaanii waliin waligaluuf fedhii qabaattu qofa jedhu.
Akka Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti ambaasaaddarri Iraan jedhanitti, hanaga xumura baatii Guraandhalatti haleellaan qilleensaa fi misaa'elaa Ameerikaa fi Israa'el erga jalqabanii as yoo xiqqaate lammiileen Iraan 1,332 ajjeefamaniiru.
Namoonni kumaatamaan lakkaa'amanis dabalataan madaa'aniiru
Tiraamp akeekkachiisa isaanii toora miidiyaa hawaasummaa irratti maxxansaniin, Iraan boba'aa ulaa Hormuz keessa darbu yoo cufte, Ameerikaan Iraan kan duraanii caalaa "dachaa digdama cimsitee" akka rukuttu dubbataniiru.
Lolli kun duraanuu dooniiwwan ulaa Hormuz keessa boba'aa gejjibsiisanjeeqeera.
Torban tokkoo oliif dooniiwwan boba'aa fe'an achiin darbaa hin jiran. Oomishtoonni boba'aa tokko tokkos bakki kuusaa waan guuteef yeroof oomisha isaanii adda kutaniiru.

Madda suuraa, Tasnim News Agency (Iran)
Tiraamp dooniiwwan daldalaas ta'e waraanaa naannicha keessa akka jiran, fi salphaatti ulaa Hormuz keessa akka darban kan himan yoo ta'u, dooniiwwan Ameerikaa fi xiyyaaronni waraanaa hundinuu misaa'elaa fi diroonii Iraan irraa of ittisuuf naannawa sanirraa fagaataniiru.
Mojtabaa Kamenii hogganaa olaanaa haaraa Iraan ta'uun muudamuun isaanii abdii waraanni kun yeroo gabaabaa keessatti xumurama jedhu hir'isee jira.
Ibsa Tiraamp waa'ee dandeettiin misaa'ela Iraan gadi bu'aa dhufuu irratti kenneefis gareen Eegdota Warraaksaa kun, misaa'eloonni Iraan kan jalqaba waraanaa caalaa humna guddaa akka qaban ibsan.
Misaa'elootni ciccimoon inumaa kana booda kan dhukaafaman ta'uu fi buufataalee Ameerikaa fi Israa'el irratti akka xiyyeeffatan dubbataniiru.
Akkasumas humnoonni waraanaa Iraan "hanga beeksisa biraa kennamutti boba'aan liitira tokkollee naannicha irraa gara diinaa fi michoota isaanitti akka ergamu hin hayyamnu'' jedhan.
Iraan, "Humni waraanaa Iraan humna galaanaa Ameerikaa ulaa Hormuz keessatti eegaataa jira jechuun Waashingitan akeekkachiiste.
Akkasumas doonii Ameerikaa xiyyaara fe'u kan Gerald Ford adamasaa jiraachuu eeruun kanaaf ''waraana kana xumuruun harka Iraan keessa jira" jedhan.
Ibsi Iraan kun kan ba'e erga gaazexeessitootni Pirezidaanti Tiraamp "dulli waraanaa" Ameerikaan Iraan irratti raawwattu hanga yoomiitti akka turu gaafataniif Tiraamp deebii "yeroo dhiyootti" xumurama garuu torbee kana keessa miti'' jechuun deebisan hordofeeti














