Somaalilaand Ameerikaaf buufata waraanaa kennuuf qophii ta'uu beeksiste

Pirzidantii Somaalilaand

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Somaalilaand Israa'eliin dabalataan biyyoonni kaanis beekamtii akka kennaniif sosso'aa jirti
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Somaalilaand Ameerikaan dachee ishee keessatti albuuda akka baaftuufi buufata waraanaa akka ijaartu akka eeyyamtu beeksiste.

Bulchiinsi Somaaliyaarraa adda bahuun akka biyyaatti of labsite kana Israa'el yeroo jalqabaaf beekamtii biyyaa kenniteettif.

Egaa biyyoonni biraallee faana Israa'el faana dhahuun akka beekkamti kennaniif sochii gochaa jirtuuni Amerikaaf waan dhiheessitu kan beeksiste.

Ministeerri Somaalilaand Hadaar Huseen Abdii AFP'tti akka dubbatanitti, Ameerikaan buufata waraanaa akka ijaartuufi albuuda akka baaftu akka eeyyamaniif himan.

''Yunaayitid Isteet albuuda akka baaftu eeyyama addaa kennuuf nuyi eyyamamoodha.

''Dabalataanis, buufata waraanaa akka ijaartu balballi keenya banaadha,'' jechuun fedha Somaalilaand ibsaniiru.

Akka aangawaan kuni jedhanitti, ''Ameerikaa waliin wantoota tokko tokkoorratti waliigalteerra geenya jennee amanna,'' jechuun abdii isaanii ibsaniiru.

Michuu dhihoo Israa'el kan taate Ameerikaan hanga yoonaa Somaalilaandiif beekamtii kennuuf murteerra hin geenye.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haa ta'u malee, aangawoonni mootummaa Ameerikaa keessa jiran Somaalilaandiif beekamtiin akka kennamu dhiibbaa gochaa jiru.

Israa'eel Somaalilaandiif beekamtii kennuun mirga ishee ta'uu kana dura Ameerikaan ibsiteetti.

Miseensota paartii isaanii Rippablikaanii irraa dhiibbaan irratti taasifamuus murtee walfakkaataa akka hin fudhanne Pirezidant Donaald Tiraamp kana dura dubbataniiru.

Pirezidantiin Somaalilaand Abdiraahimaan Mohaammad Abdullaahi Israa'eel bulchiinsa isaanii keessatti albuuda baasurra akka bobbaatu fedhii akka qaban dubbatanii turan.

Qorannoo walabaan mirkanaa'uu baatus Somaalilaand yeroo ammaa albuudota addunyaarratti barbaadaman keessaa litiyeemii, koltan fi albuudota kaaniin badhaadhuu ishee aangawoonni ishee dubbatu.

Haalu wal fakkaatuun Israa'elis Somaalilaand keessatti carraa buufata waraanaa ijaaruu akka qabdu ministirri Somaalilaand Hadaar Huseen Abdii himaniiru.

Israa'el baatii Mudde keessa Somaalilaandiif beekamtii waan kenniteef Somaaliyaan dheekkamteetti.

Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud Somaalilaand fi Israa'el gidduu buufata waraanaa banuuf waliigalteerra gahamuu ibsuun himataa turan.

Somaalilaand bakkee hidhattooti Huutii kan Yaman keessaa kan Israa'el irratti irra deddeebiin haleellaa raawwatan itti dhiheenyaan waan argamaniif sochii waraanaa Ameerikaafi Israa'eliif bakkee ijoodha.

Ministirichi dabaluunis Turkiin Somaaliyaa waliin sochii garagaraa taasisuu isheerra osoo Somaalilaand waliin dalagde jedhan.

Israa'el Somaalilaandiif beekamtii kennuu Gamtaa Afrikaa, Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi biyyoonniifi dhaabbileen garagaraa mootummaa Somaaliyaa bira dhaabachuun mormaniiru.

Biyyoota Baha Afrikaa keessaa kan dhimma Somaalilaand irratti ejjennoo isaanii hin ibsinee Itoophiyaafi Keeniyaadha.