Israa'el irraa beekamtii biyyummaa kan argatte Somaalilaand akkamiin Somaaliyaarraa adda baate?

Madda suuraa, Horn Dipplomats
Ofii tasgabbooftee akka biyyaatti beekamtii addunyaa argattee gadi hin dhaabbanne, garuu firri ishee hedduudha- Somaalilaand.
Garuu osoo leecalloo uumamaan hin qandu ta'ee eenyutu firoomfata? Firoonni ishee jajjaboon kunneen maaliif akka biyyaatti beekamtii hin kennineef?
Bulchiinsi humna waraanaa Pirezidant Siyaad Baarree wayita bara 1991 hunkutaa'u Somaalilaand addatti of baastee walabummaashee labsatte.
Somaaliyaan bara 1960 biyya eegumsa Biriiteen jala turteefi kolonii Xaaliyaanii irraa erga hundooftee yoomuu nagaa hin arganne.
Erga Siyaad Baarree aangoorraa ari'amee ammoo biyyattiin bulchiinsa abbaa irrummaa jalatti kufte.
Gariin ishee gammoojjii ho'aa kan ta'eefi Galoo Galaanaa Aden marsitee kan argamtu Somaalilaand bal'inni lafashee iskuweer kiilomeetirii 177,000.
Uummannishee miiliyoona 5.7 ta'an afaan Somaalii, Arabaa fi Ingilizii dubbatu.
Magaalaa guddoon Somaalilaand Hargeessaan wayita waraana waliinii uummata Somaalee guddoo miidhamte, yeroo ammaa akkaan misoomaa jirti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Somaalilaand walabummaashee labsattee adda ba'uu hordofee waraanni dhalate lubbuu kuma dhibbaan lakkaa'amu galaafate, magaalattii akkaan barbadeesse.
Humnoonni Siyaad Baarree riphee loltoota adamsuun haleellaa itti fufus, kanneen adda ba'uu fedhan garuu qabsoosaanii cimsanii itti fufan.
Hunduu garee gareen walgurmeessee waraana ijaarratee bakka qabatee walwaraanuu eegale, waraanni waliinii gosoota jiran gidduutti hammaate.
Bara 2000 keessa mootummaa qindaawaan deegarsa idiladdunyaa qabu- Somaaliyaan, naannawa kana to'annoo jala oolchuuf guddoo qabsaa'e.
Wayita kana kallattii kaabaa kan jiran Somaalilaand fi Puuntilaand nagaa qabu, birqabaan tasgabbii qabu.
Garuu Puuntilaand akka Somaalilaand biyya of dandeesse taatee addunyaan akka beekamtii kennuuf hin feetu.
Qaama mootummaa Federaalaa Somaaliyaa taatee itti fufuu barbaaddi.
Somaalilaand akka biyyaatti beekamtii idil-addunyaa dhabdus, sirna siyaasaa, jaarmiyaalee mootummaa, humna nageenyaafi maallaqa mataashee qabdi.
Duraan Biriitish jalatti bulaa kan turte Somaalilaand, adda ba'uusheetiin hookkaraafi jeequmsa Somaaliyaa raase jalaa baraaramteetti.
Somaaliilaand: Durii hanga ammaa
Waa'ee dachee Somaailaand har'aa hubachuuf taatee jaarraa 7ffaa yaadachuun barbaachisaadha. Yeroo Islaamummaan seene ture.
Haata'u malee, jaarraa 14ffaa keessa naannoon Sulxaaneetonni Islaamaa qabatanii turan Impaayera Kiristaanaa Itoophiyaa jala gale.
Bara 1527 mootiin Adaal bulchiinsa Itoophiyaatiin loluu eegale. Yeroo booda kutaalee Itoophiyaa hedduu qabate, ta'us garuu boodarra tumsa warri Poorchugaal Itoophiyaaf taasisaniin bara 1543 injifatame.
Yeroo dheeraa booda ammoo warri Biriiteen koloniif dhufan. Bara 1988 Biriiteen aanga'oota naannoo (local sultanates) waliin waliigaluun Somaalilaand of jala galchite.
Biriiteen jalatti dacheen kun Biriitish Somaalilaand jedhamaa turte.
Waggaa 10 booda bara 1899 dureen amantii Islaamaa Mohammad Abdullaahii bulchiinsa Biriiteen irratti ka'an.
Sochiisaanii itti fufuun hanga bulchiinsa Deervish (Dervish Sate) gadi dhaabuutti ga'an.
Waggaa 20tti siquuf haala kanaan turanis, garuu bara 1920 humnoonni Biriiteen bulchiinsa warri amantii gadi dhaabbatan kana barbadeessan.
Biriitish Somaalilaand fi Itaaliyaan Somaalilaand walabummaasaanii gonfachuun tokko ta'anii biyya Rippaabilika Somaaliyaa jedhamu uuman.
Garuu waggaa 30 caalaa waliin hin turre, bara 1991 Biriitish Somaalilaand walabummaashee labsattee of dandeessee akka biyyaatti of bulchuu eegalte.
Bara 2001 uummanni dhibbeentaa 97 ta'u heerri bara 1997 ba'e, kan walabummaa Somaalilaand raggaasisu, akka hojiitti hiikamu filatan.
Kun ta'ee waggaa 15 booda bara 2016 Somaalilaand waggaa 25ffaa guyyaa walabummaashee kabajatte, garuu ammallee akka biyyaatti beekamtii hin arganne.

Madda suuraa, AFP
Ollaa seenaa walfakkaataa qabdu- Puuntilaand
Dachee qullaafi gogaa rooba dheebottu- Puuntilaand naannoo bilisaafi of-dandeessuu taatee kan labsatte bara 1998 ture.
Puuntilaand kan isheen adda baateef waraana waliinii Somaaliyaa keessatti gosoota adda addaa gidduutti adeemaa ture dheessuuf ture.
Naannoon kun birqabaan nageenyishee fooyyee qaba, garuu walitti bu'iinsa hidhattootaafi saamicha galaanarraan addunyaarratti mata-duree oduu taatee turteetti.
Garba Indiyaa irratti saamicha raawwatamuuf yeroo hedduu kan komataman qaamolee Puuntilaand irraa ta'aniidha.
Kanneen sababa walitti bu'iinsaan Somaaliyaarraa buqqa'an hedduun Puuntilaand keessa daheeffatanii jiraatu.
Puuntilaand akka bulchiinsa ollaashee, beekamtii biyyummaa argachuu barbaadduu- Somaalilaand miti.
Biyya of dandeessuu ta'uurraa dantaa hin qabdu. Bakkasaa qaama Somaaliyaa ta'uu feeti.
Magaalonni gurguddoon Puuntilaand Gaarowee (kan bulchiinsaa) fi Basaasoo (kan daldalaa) yoo ta'an, baayyinni uummatashee ammoo miiliyoona 4.9 qofa.
Dacheen Puuntilaand iskuweer kiilomeetirii 212,510 diriiree handaara garba Hindii marsee argama.
Puuntilaandis akkuma Somaalilaand sirna siyaasaafi bulchiinsaa mataashee qabdi, pireezidantiin bara 2019 filannoo gaggeeffameen filataman Sa'id Abdullaahii Daanii jedhamu.
Pirezidant Daaniin hojii diyaasaa pireezidantiin isaan dura turan, Abdiwalii Gaas, hojjetaa turan itti fufsiisaa jiru.
Somaalilaandis ta'e Puuntilaand miidiyaaf walabummaa ga'aa hin kennan, gaazexeessitoonni wayita hidhaman mul'atu.
Naannoon amma Puuntilaand jedhamu kun jaarraa 17ffaa hanga 19ffaa bulchiinsa Majaarteen (Sultanate of Majarteen) jalatti bulaa turte, isaan kunneen humna daldalaan cimoo turan.
Garba Hindii fi Galoo Galaanaa Adan qabatanii dhufu.
Bara 1888 fi 1889 bulchiinsi Majarteen fi morkataa bulchiinsa kanaa kan ta'e kutaan bulchiinsaa Hobyo jedhaman bulchiinsa Xaaliyaanii jala turan.
Bara 1920 ammoo bulchiinsonni lameenuu dachee kolonii Xaaliyaanii turte- Itaaliyaan Somaalilaand jalatti hammataman.
Bara 1960 wayita Biriiteen fi Xaaliyaaniin bulchiinsota harkasaanii jiran walitti dabaluun biyyi Somaaliyaa jedhamtu ijaaramtu Puuntilaand itti dabalamteetti.
Somaalilaandis akkasuma turte.
Haata'u malee, erga biyyi Somaaliyaa goolama hamaa keessa seentee booda Puuntilaand bara 1998 adda baatee ofiin of bulchuu eegalte. Garuu akka biyyaatti addatti beekamtii argachuuf fedhii agarsiistee hin beektu.
Puuntilaand erga of dandeessee buluu eegaltee ammoo maandhee saamtota galaanarraa taate.
Keessattuu bara 2005 hanga 2012 saamtonni Puuntilaand keessaa ba'an daldala addunyaatti yaaddoo hamaa ta'anii turan.
Ergasii oppireeshinii galaanarraa sadarkaa idil-addunyaatti naannawa kanatti waan gaggeeffameef hagas mara yaaddoo ta'uun hafeera.
Barbaraa- buufata galaanaa addunyaa Somaalilaanditti firoomse

Akka waliigalaatti dacheen Gaanfa Afrikaa biyyoota Galoo Galaanaa (Araboota) biratti akka iddoo tarsimaawaatti ilaalama.
Keessattuu erga waraanni Yaman keessatti hammaatee fedhii guddaa naannawa kanarraa qabu.
Yeroo booda Galaana Diimaa fi Galoo Galaanaa Aden irraa gara kanatti fuulasaanii garagalfachuuf waan karoorsan fakkaatu.
Duraan biyyoonni addunyaa naannawa Gaanfa Afrikaa kana keessatti buufata humna waraanaa ijaarrachuuf Jibuutiin filannoosaanii jalqabaa turte.
Amma balballi itti aanee jiru- Somaalilaand, dorgommii cimaa keessa galteetti.
Buufata Barbaraa kana dhuunfachuuf kan abbalaa jiran warri Yunaayitid Arab Imireetis (UAE), Somaalilaandiif leenjii waraanaa barbaachisaafi deeggarsa barbaachisu hunda taasisuuf kutannoo akka qaban ibsu.
Humni hidhatee socho'uufi Somaaliyaa keessatti akkaan humna qabu al-Shabaab ammoo sochii kanaaf qormaata guddaadha.
Daangaa Somaaliyaafi bulchiinsa adda baatee- Somaalilaand gidduu naanna'uun sochii naannawa kanaa danqu.
Humni naannoofi idil-addunyaas irratti walga'ee balleessuu hin dandeenye.
Biyyoonni buufata Barbaraa giddugala humna waraanaa galaanarraa ijaarrachuuf qofa miti kan barbaadan.
Buufati kun babal'achuunsaa carraa diinagdee Somaalilaandiifis ta'e biyyoota ollaa, keessattuu kanneen ulaa galaanaa hin qabne akka Itoophiyaaf argamsiisa.
Itoophiyaan waggootaaf ulaa galaanaa mataashee argachuuf ifaajaa turtee tibbana Somaalilaandirraa carraa argachuu ibsiteetti.
Kana hordofee garuu mufiifi dheekkamsi Somaaliyaarraa hammaateera.
Somaaliyaan akka addunyaatti biyya taatee beekamtii hin arganne.
Qaamni olaanaan addunyaa UN, Ameerikaan, Gamtaan Awurooppaa, Gamtaan Afrikaa fi biyya isheen irraa adda baate Somaaliyaa dabalatee biyyi beekamtii kenneef hanga yoonaa hin jiru.
Itoophiyaan garuu wayita waliigaltee ulaa galaanaa fayyadamuu kana mallatteessitu Somaalilaandiif beekamtii akka kennitu ibsiteetti.
Sadarkaa biyyaatti waliigalteen biyya ofiin of bulchitu Somaalilaand waliin wayita mallattaa'u kan Itoophiyaa kun isa jalqabaati.












