Waliigaltee Itoophiyaafi Somaalilaand mallatteessan ilaalchisee qabxiiwwan ijoo

Madda suuraa, Getty Images
Erga Itoophiyaafi Somaalilaand waliigaltee walhubannoo fayyaadama ula agalanaa ilaalchisuun walmallatteessanii gama qaamolee lamaanirraan gammachuun dhagahamaa jira. Somaaliyaan garuu mufii akka qabdu ibsuun kaabinee biyyattii kora atattamaaf waamaniiru.
Waliigaltee Itoophiyaafi bulchiinsa ofiin akka biyyaatti of waamtu Somaalilaand gidduutti raawwate kanaan kan mufatte Somaaliyaan ambaasaaddarashee Itoophiyaa jiran biyyattii waamteetti.
Waamichi kun walgahii atattamaa kaabineen biyyattii Ministira Muummee Hamzaa Abdii Barreen taasifame waliigaltee Itophiyaafi Somaalilaand baasan akka hin fudhanne ibseera.
Gahee Daandii Qilleensaa Itoophiyaa kennuu
Itoophiyaan waliigaltee carraa ulaa galaanaa isheef argamsiisu kan mallatteessite, qooda daandii xiyyaaraa kennitee lafa qarqara galaanaa kiilomeetira 20 haguugu harka galfachuuf akka ta'e ibsame.
Biluumbarg Itoophiyaan waliigaltee ulaa Galaana Diimaa qooddachuuf biyya ofiin of bulchitu Somaalilaandi waliin mallatteessiteen, daandii xiyyaaraa keessaa qooda hammisaa hanga ammaatti hin ibsamne kennuuf waliigalteetti jedhee gabaase.
Itoophiyaan biyya Somaaliyaarraa baatee of dandeessee bultu garuu beekamtii biyyummaa hin qabne Somaalilaand waliin akkaataa carraa ulaa galaanaa argachuu dandeessurratti erga wlaiigaltee mallatteessitee booda, waajjirri ministeera muummee biyyattii akkas jedhe:
''Sanadi waliigaltee kun fedhiin Itoophiyaan haala amansiisaa ta'een ulaa galaanaa fayyadamuuf qabdu akka milkaa'uuf kan dandii saaquudha.''
Sirna sanada waliigaltee mallatteessuu kaleessa (Amajjii 1, 2024) raawwaterratti gorsaan nageenya biyyaalessaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen, Itoophiyaan carraa ulaa galaanaa argattuuf bakkasaa Somaalilaand ammoo teelee yookiin daandii qilleensaa keessaa qooda ni argatti jedhan.
Ambaasaaddar Reeduwaan ga'een Somaalilaand argattuu hagam akka ta'e fi yeroon liizii Itoophiyaan ittiin qooda ulaa galaanaa kana argatte hangam akka turu marii fuulduratti gaggeeffamaniin akka ibsamu eeran.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad ALI Sadaasa 04, 2016 dhimma ulaa galaanaarratti ibsa miseensota mana maree bakka bu'ootaaf kennaniin, ''Eenyuunuu weeraruuf fedhii hin qabnu,'' jedhan.
Ministirri Muummee kun erga kana jedhanii booda ''garuu akkaataa seera biizinasiin filannoo hin raafamne ni barbaanna,'' jechuun ibsaniiru.
Itti dabaluun fedhiin ulaa galaanaa Itoophiyaa, ''waliin dubbii fi seera biizinasiin yoo furmaata hin arganne maaltu akka mudachuu malu tilmaamuun rakkisaadha.
''Garuu Itoophiyaa gara Ertiraa, Jibuutii, Somaaliyaa, Keeniyaa yookiin gara biyya ollaa kamittuu rasaasa tokkollee dhukaasuuf fedhii hin qabdu,'' jedhan.
Itoophiyaan fedhiishee galmaan ga'uuf daandii qilleensaa fi hidha haaromsaa dabalatee misoomaawwan bu'uuraa kaan waliin fayyadamuuf yoomiyyuu qophiidha jedhanii turan Ministirri Muummee Abiy.
Kennanii fudhachuu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ambaasaaddar Reedwaan Huseen mootummaan Itoophiyaa sanada waliigaltee kana Somaaliilaandi waliin wayita mallatteessu qajeeltoo kennanii fudhachuu jedhu bu'uura godhachuun akka ta'e ibsaniiru.
Itoophiyaan waan harkaa qabdu kennitee, bakkasaa lafa ulaa galaanaa argatterratti buufata waraanaa ijaaruu akkasumas buufata doonii misoomfachuu dandeessi jedhan.
Ambaasaaddar Reedwaan sanadi waliigaltee kun waliigaltee liizii waggaa 50n haaromu of keessaa qaba jedhan, kana keessatti Itoophiyaan buufata waraanaa ijaarrachuu dandeessi, akkasumas buufata doonii daldala galaanarraaf ishee fayyadu gaggeessuuf carraan isheef banama jedhan.
Sirni waliigaltee kaleessa gaggefefamerratti Ministira Muummee Abiy waliin sanada waliigaltee kan mallatteessan Pirezidantiin biyya of dandeessee of bulchitu Somaaliilaandi, Itoophiyaan ijaarsa buufata waraanaa fi doonii handaara galaanaa lafa kiilomeetira 20 haguugu liiziidhaan akka fudhattu ibsaniiru.
Ambaasaaddar Reedwaan Huseen Itoophiyaan hojii itti aansitee hojjettu, buufata doonii ijaaruu, dursitee daandii baaburaa fi konkolaataa biyyoota lameen walquunnamsiisu ijaarti jedhan.
''Qabeenyi biyyoonni naannawa kan jiran qaban ga'aadha. Qabeenyi keenya hundaa yoo walitti cimmifame gabaa addunyaaf ga'uu danda'a. Kana dhugoomsuuf biyyoonni naannawa kana jiran hundi qindoominaan hojjechuu fi tokko isa kaan kiisuun waliin duroomuun danda'ama,'' jedhan.
Somaaliilaandiif beekamtii kennuu
Itoophiyaan misoomaawwan bu'uuraa faayidaa hedduu argamsiisan Somaalilaandiif qooduuf waliigaluun dabalatatti beekamtii biyyummaa kennuun sanada waliigaltee keessa jira.
Somaalilaand bara 1991 Somaaliyaarraa adda baatee 'ofumaan biyya walabaa ofiin jechuun' bulchaa jirti, garuu Itoophiyaa dabalatee biyyi hanga yoonaa beekamtii kenneef hin jiru.
Haata'u malee sanadi waliigaltee kun kana akka jijjiiru Pirezidantiin Somaaliilaandi Musee Bihii sirna waliigaltee mallatteessuu kaleessa turerratti dubbataniiru.
Pirezidantichi Itoophiyaan ''Rippaabilika Somaalilaandiif ifatti beekamtii kennuun Afrikaarraa biyya jalqabaa ni taati,'' jedhan.
Somaaliyaan akka bulchiinsa isheetti kan ilaatu Somaalilaandiif beekamtii kennuun dheekkamsiisuu danda'a.
Waliigaltee Itoophiyaa fi Somaalilaand irra ga'an hordofee mootummaan Somaaliyaa Kibxata har'aa (Amajjii 2, 2024) walga'ii hatattamaa waameera.
Erga Ertiraan Itoophiyaarraa cittee Itoophiyaan ulaa galaanaa malee hafteetti.
Itoophiyaan biyyoota ishee daangessan saddeet keessaa Sudaan Kibbaarraa kan hafe biyyoonni kaan- Somaaliyaa, Ertiraa, Sudaan fi Keeniyaan ulaa galaanaa qabu.
Ulaa galaanaa kan mataashee kan hin qabne Itoophiyaan waggaan doolaara biiliyoona 1.6 kaffaluun kan Jibuutii fayyadamti.












