Itoophiyaan bara bulchiinsa MM Abiy ulaa galaanaa argachuurratti maaf xiyyeeffate?

Abiy Ahmad

Madda suuraa, PROSPERITY PARTY

Eertiraan Itoophiyaarraa adda baatee biyya walabaa ta'uushee hordofee waggoota 30 darbaniif Itoophiyaan biyya ulaa galaanaa hin qabne taatee jirti.

Bara 1993tti Eertiraan buufataalee doonii lamaan Asabbii fi Matsawaa fudhattee Itoophiyaa irraa foxxoqxee.

Ergasii Itoophiyaan meeshaalee alaa galchuufi alatti erguuf buufata doonii Jibuutii fayyadamuu eegalte. Buufata doonii kana fayyadamuuf ammoo Itoophiyaa kaffaltii guddaa baasti.

Bara kana MM Abiy Ahmad Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuu akka qabduufi kuni ammoo "dhimma jiraachufi jiraachuu dhabuuti" jedhanii ibsuun wal-qabatee yaadon garaa garaa ka'aa turan.

Itoophiyaan tarii Eertiraa wajjin deebitee wal-dhabdii laata? jedhanii kan yaaddoo qaban ibsatanis jiru.

Haa ta'u garuu, MM Abiy karaa seerafi walii galteen ala kanaaf jecha Eertiraa dabalatee biyya kam waliinuu waraana keessa akka hin seenne irra deddeebin dubbataa turan.

Bulchiinsi MM Abiy Ahmad maalif ulaa galaanaa argachuurratti xiyyeeffate? Biyyoonni dureeyyin addunyaa Gaanfa Afrikaatii buufata waraanaa qabachuufi dhiibbansaanii cimaa dhufuun wal-qabatee Itoophiyaan fedhii ulaa galaanaa argachuuf qabdu kana hangam dhugoomsuu dandeessi?

Gaffilee kanneenifi dhimmoota biroo irratti hayyuu saayinsii siyaasaa dubbisuun xinxaala qopheessineerra.

'Sochiin naannoo Galaana Diimatti taasifamu kallattiin Itoophiyaarratti dhiibbaa qaba'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ragaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii akka agarsiisutti, Itoophiyaan biyyoota Afrikaa 16 ulaa galaanaa hin qabne keessaa tokkoodha.

Keessumaa biyyoonni guddataa jiran kan akka Itoophiyaa ulaa galaanaa hin qaban taanan, karaa biyya kan biraa gara ulaa galaanaa ykn gabaa addunyaatti bahuuf dirqamu waan ta'eef rakkoo daldalaafi misoomatu isaan mudata.

Kanaaf Itophiyaan buufata doonii Jibuutii fayyadamuun omisha ishee gabaa addunyaaf dhiyeessiti, addunyaarrayis bitti.

MM Abiy, Sadaasa 14, 2023, mana maree bakka bu'oota uummataatti biyyoonni guddataniifi wal-dorgoman Jibuutifi naannichatti sochiin isaan taasisan Itoophiyaaf illee yaaddoo waan ta'eef Itoophiyaan ulaa ittiin galaanatti baatu argachuun murteessaa akka ta'e kaasanii turan.

Yuunivarsiitii Finfinneetti kaadhimamaa PhD fi hayyuu saayinsii siyaasaa kan ta'an, Obbo Shimallis Hayiluu Itoophiyaan naannoo Galaana Diimatti dhiyaattee osoo jirtuu callistee taa'uu akka hin dandeenye ibsuun kanaaf ammoo sababoota garaa garaa kaasu.

Sababni jalqabaa isaan kaasan Itoophiyaan naannoo Galaana diimatti dhiyaattee argamuusheetin sochiin biyyoonni gurguddoon addunyaa achitti taasisan kallattiin Itoophiyaarratti dhiibbaa akka qabuudha.

Dhimmi Galaana Diimafi naannichaa "biyyoota Gaanfa Afrikaa jiraniifi biyyoota Arabaa naannoo sanatti dhiyaataniif murteessadha," jechuun naannichi koridara daldalaafi humni waraanaa baay'een irra socho'u ta'uu dubbatu.

"Biyyoonni Addunyaa kanarratti dhiibbaa geessisuu barbaadaniifi biyyoonni naannoo kanatti dhiyaatanii jiran nageenya biyyoolessaa isaanii waliin walitti hidhamee jira.

Itoophiyaanis naannuma sanatti argamti. Dhiibban naannoo Galaana diimatti gaggeeffamu kallattiin Itoophiyaas argata jechuudha," jedhu.

Buufata doonii

Madda suuraa, Getty Images

'Itoophiyaan imaammata Galaana Diimarratti qabdu jijjiirtetti'

Osoo Ertiraan Itoophiyaarraa adda hin bahin dura Itoophiyaa ulaa Galaana Diimaa qofa osoo hin taane, daangaa bishaanifi humna galaanaa illee qabdi ture.

Ertiraan Itoophiyaarraa cittu qaama bishaanii Itoophiyaan dur itti dhimma bahaa turte qofa osoo hin taane buufata dooniillee fudhattee Itoophiyaarraa adda baate. Kana hordofuun keessumaa bara bulchiinsa ADWUI mootummaan Itoophiyaa waa'ee ulaa galaanaa qabaachuu kaasee hin dhagahamne.

Bulchiinsi MM Abiy Ahmad garuu Galaana Diimas ta'ee biyyoota ollaa biroorraa karaa mariifi seera biizinasiin ulaa galaanaa dabalataa argachuun dirqama akka ta'e ibsaa jira.

Erga MM Abiy ji'oota muraaasa dura dhimma kana uummataaf ifa godhanii as qondaalonni siyaasafi hayyoonni garaa garaa miidiyaa biyya keessaa irratti bal'inaan irratti mariyachaa jiru.

Hayyuun saayinsii siyaasaa Obbo Shimmalis akka jedhanitti mootummaan MM Abiy Ahmad dhiibbaa naannoo Galaana Diimatti gaggeeffamu teenyee ilaalurra itti hirmaanna jechuun immaammata isaa akka fooyyesse himu.

Biyyi tokko imaammata alaashee fooyyessuuf imaammata keessaa irraa kaati kan jedhan hayyuun saayinsii siyaasaa kun bulchiinsi MM Abiy bara 2018 gara aangotti erga dhufee imaammata duraan ture kan fooyyesseefi kaan ammoo akkuma jirutti fudhatee itti fufuu kaasu.

"Imaammanni alaa imaammata biyya keessaa irraa dhufa. Mootummaan Dr. Abiy biyya guddoo ijaarra kan jedhu karoora qabatan qabu," jechuun biyya guddoo ijaaruuf ammoo naannoo Galaana Diimatti koridara qabaachuun dhiibbaa uumuun barbaachisaa akka ta'e mootummaan karoorfatee waggoota sadan arfan darban irratti hojjataa akka ture himu.

Dabaluunis, "Waggaa sadi dura buufanni galaanaa akka barbaachisu, Galaana Diimaarratti dhiibbaa gochuufi humna galaanarraa ijaaruun akka barbaachisu ifatti lafa kaa'amee ture" ture jedhan.

Biyyoonni biroo fageenyarraa dhufanii yeroo naannoo Galaana Diimatti sochii daldalaafi nageenyaa yeroo gaggeessan nuti as teenyee callisnee hin laallu jechuun bulchiinsi MM Abiy imaammata godhatee akka irratti hojjataa jiru ibsu hayyuun kuni.

"Imaammanii alaa Itoophiyaa fooyyeffameera. Mootummaan amma jiru dhiibbaa naannoo sanatti taasifamu teenyee ilaalurra itti dhiyeenyan hordofuun barbaachisaadha jedha."

Naannoo Gaanfa Afrikaarraa biyyoonni gurguddoon addunyaa 11 ta'an kanneen akka US, Chaayinaa fa'aa buufata waraanaa qabaachuu kan eeran Obbo Shimallis biyyoonni kun gaanfa Afrikaa fayyaduuf osoo hin taane dantaasaanii kabachiisuufi wal-dorgommiif akka ta'e kaasu.

"Buufannin waraanaa naannoo Gaanfa Afrikaa jiru kuni biyyoota Gaanfa Afrikaa jiran kana eeguufis ta'ee miidhuuf kan dhufee miti. Dantaa ofii kabachiisuf dhufe," jechuun maqaa lammiileefi investimentii naannoo kana jiru eeguu jedhuun buufata waraanaa ijaarratan jechuun gogaa duuban garuu sodaafi wal-dorgommii qabaniif buufata waraanaa akka ijaarratan kaasu.

Buufata doonii Masawwaa

Madda suuraa, Getty Images

MM Abiy Ahmad Sadaasa 14 dhimma kanarratti mana maree bakka bu'oota uummataatif ibsa yeroo kennan biyyoonni guddataniifi wal-dorgoman naannichaa buufata waraanaa qaban gidduutti guyyaa tokko rakkoon yoo dhalate buufanni doonii Jibuutii tokkochi Itoophiyaan itti dhimma baatu danqamuu waan danda'uuf rakkoo keessa galla jechuun yaaddoo qabaniifi ulaan galaanaa dabalataa Itoophiyaaf murteessaa akka ta'e kaasanii turan.

Sochii biyyoonni guddatan naannoo Gaanfa Afrikaatti taasisan Itoophiyaan akkaataa seerrifi seenan hayyamuun hirmaachuu barbaaddi kan jedhan Obbo Shimallis ejjannoo kana mootummaan MM Abiy kan akka tarsiimotti qabatee irratti hojjataa jiraachuu himuun gaaffin Itoophiyaan kaaste gaaffi haqa qabeessa ta'uu himu.

Baay'ina uummataa heddu qabaachufi ulaa galaanaa argachuu maaltu walitti fida?

Itophiyaan baay'ina uummataa miliyeena 120tti dhiyaatu qabaachuun Afrikaa keessaa Naayijeeriyaatti aanuun lammaffaadha.

Ulaa galaanaa argachuuf MM Abiy sababa jedhanii kan kaasan keessaa tokko Itoophiyaan biyya uummata miliyeena 120 qabdu ta'uufi waggoota dhiyyootti gara miliyeena 150tti guddachuu danda'a jedhuun Sadaasa 14 Mana Maree Bakka bu'oota uummataatti dubatanii turan.

Inumaayyuu Itoophiyaan diinagdee ittiin uummaticha jiraachistu yoo hin qabaanne "waan uumamu tilmaamun rakkisaadha" jedhanii turan.

Kuni biyyoota biroo ollaa Itoophiyaa jiraniifi qaama galaanaa qaban "sodachisuudha" jedhanii kan ilaalanis jiru.

Hayyuun siyaasaa Obbo Shimallis garuu, kun sodaachisa osoo hin taane dhugaadhuma Itoophiyaan qabduufi bu'uura imaammata kennanii fudhachuu [mariifi seera biizinasii] irratti kan hundaa'e ta'uu kaasuun Itoophiyaan baay'ina uummata miliyeena 100 ol qabaattee ulaa galaanaa dabalataa yoo hin qabaanne biyyoota Awurooppaf illee yaaddoo akka ta'e kaasu.

"Qorannoon biyyoota Awurooppaa baay'een Itoophiyaatti waraanni yoo ka'e, naannoo sanatti rakkoo guddaan ykn beelli yoo hammaate godaansa uummataa hin dandeenyu jedhanii qorannoo garaa garaa [godhaniiru]. MM [Abiyis] sanuma kaasan."

"Kanaa ol rakkoo guddaa keessa osoo hin seenin wal-ta'iinsan furuu qabna. Itoophiyaan ulaa Galaaa Diimatti baasu dhabuunshee dhimma jiraachufi jiraachuu dhabuuti malee waan nama sodaachisuu miti," jedhu.

Qaamonni wal-falleessan Jibuutirraa buufata waraanaa qabaachuun Itoophiyaaf yaaddoodha

Addunyaarratti biyyoonni humna diinagdeefi waraanaa jajjabaa qaban kanneen akka US, Chaayinaa, Faransaayi, UK, fa'aa Jibuutifi biyyoota Gaanfa Afrikaa keessaa buufata waraanaa qabu.

Biyyoonni kun kanneen guddina diinagdeefi waraanan wal-dorgomaniifi wal-qoccolanis jiru.

Biyyoonni kun buufata waraanaa biyyoota akka Jibuutii fa'ii qabaachunsaanii Itoophiyaa miidhuuf ykn fayyaduuf kan achi buufatan osoo hin taane biyyoonni ilaalcha waliif faallaa qaban gidduutti rakkoon yoo dhalate Itoophiyaa biyya buufata doonii Jibuutiitti fayyadamtuuf yaaddoo ta'uu kaasu hayyuun saayinsii siyaasaa kuni.

"[Humnoonni] Saawudiifi Yunaayitid Arab Emireetis fakkeenyaf wal-gaarreeffannaadhan achi dhufani. Humni waraanaa Chaayinaafi Ameerikaa naannoo sana jiru wal-gaarreeffannaadhani malee walii galtee tolfatee miti. "

"Wal-gaarreffannaan warra gurguddaa naannoo sana jiru gidduutti uumamu biyyoota hiyyeessa Gaanfa Afrikaarratti dhiibbaa guddaa uuma," jedhu.

Biyyoonni guddataniifi wal-gaarreeffatan Gaanfa Afrikaatii buufata waraanaa qabaachunsaanii Itoophiyaan gaaffii ulaa galaanaa akka gaafattuuf sababa bu'uuraa osoo hin taane galteedha jedhu Obbi Shimallis.

"Gaaffin Itoophiyaan qarqara galaanafi naannoo Galaana Diimatiif qabdu fedhii biyyoolessaa dhaabbataadha. Garuu yeroo garaa garaatti ji'oo polotiksiin naannoo sana jiru yaada dabalataa fiduu danda'a."

"Gaaffin Itoophiyaa inni ijoon naannoo qarqara galaanaa argachuudha malee humni waraanaa naannoo sana buufate dhiibbaa waan geessisuuf isa qolachuuf miti," jechuun dhimmi buufata waraanaa naannoo Jibuutii fa'aa jiru dhimma dabalataa malee kan bu'uuraa akka hin taane ibsu.

Itoophiyaan gaaffii ulaa galaanaa argachuu dhugoomsuu dandeessii?

Obbo Baayyisaa Waaqwayyaa ogeessa seeraa idil-adduyaafi Dhaabbata UN keessa waggoota hedduuf hojjataniidha. Itoophiyaan ulaa galaanaa akkamitti argachuu akka dandeessurratti yaada BBCf kennaniin mariifi walii galteen malee akka hin danda'amne ibsan.

Itoophiyaan biyyoota naannawashee jiran waliin waliigalteerra gahuu yoo dandeesse, ulaa galaanaa argachuudhaaf filannoowwan sadii akka qabdu kaasu.

Kan jalqabaa waljijjiruudha. Kanaanis biyyi ulaa galaanaa kennu sun lafa qaama Itoophiyaa na fayyada jedhu dabarsanii kennuudhaan karra galaanaa argachuun ni danda’ama jedhu.

Lammaffaan omishaan waljijjiruudha. Itophiyaan omishashee biyya sanaaf kennuu qabaatti. Fakkeenyaaf, buna, ibsaa, ykn omisha gara biraa kennuu dandeessi jechuudha.

Sadaffaan ammoo maallaqaan kan ta’uudha. Itoophiyaan filannoo dorgomii ykn kaffalatii gadaanaadhaan itti fayyadamtu argachuudha jechuun filannoowwan sadanuu waliigaltee walitti dhufeenya biyyoota gidduu jiruutiin kan taasifamu ta’uu jala sararuun dubbatan.

Itoophiyaan yeroo ammaa rakkoo diinagdeefi nageenyaa waggootaaf ture keessa jirti.

Gaanfi Afrikaallee akkasuma tasgabbii waaraa hin qabu. Itoophiyaan gaaffii ulaa galaanaa kaasuufi ulaa Galaana Diimaa argachuun Itoophiyaaf dhimma jiraachufi jiraachuu dhabuu ta'uu MM Abiy seenafi seera eerun akkuma dubbattaniin Ertiraan ibsa baasteen dubbicha keessaa akka hin qabne beeksifte.

Gama biraan ammoo Gaanfi Afrikaafi Galaanni Diiman lafa ji'oo polotiksii biyyoonni gurguddoo addunyaa danuun ija irra kaawwataniifi dhiibbaa gaggeessuu barbaadaniidha.

Kana hunda yaada keessa galchuun, Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuu dhuguma dhugoomsuu dandeessii? kan jedhu karaa lamaan ilaalamuu qaba jedhu kaadhimamaa PhD kan ta'an Obbo Shimallis Hayiluu.

"Tokko, waanti kun mul'ata kaa'udha. Mul'annimmoo waggaa 15, 20, 40 keessatti waan raawwatu biyya tokkoof kallattii kan keessudha.

''Inni lammaaffaan ammoo adunyaan amma jijjiirama sirnaa keessa jirti. Addunyaan Niwoo libaraalii falmii keessa jira," jechuun Itoophiyaan yaadashee addunyaaf dhiyeessuuf yeroo gaarii ta'uu himu.

"Yeroo addunyaan jijjiirama akkasii keessa jirtu, biyyoonni [akka Itoophiyaa] waan barbaadan kan argatan amma. Fakeenyaf, Ertiraan kan biyya taate, Ogaaden gara Itoophiyaatti kan deebite yeroo sirni addunyaarratti jijjiirame, yeroo addunyaan gara Waraana Hololaa keessa seentettiidha," jechuun carraa amma Itoophiyaan qabdu kaasu.

Yeroo Waraana Hololaatti aangoon addunyaa biyyoota Awurooppaa harkaa bahee Ameerikaa harka gale addunyaarratti waanti baay'een jijjiiramuu kan kaasan Obbo Shimallis, amma ammoo addunyaan jijjiirama kan biraa [olaantummaan Ameerikaa yeroo itti gaaffii keessa gale] keessa waan jiruuf Itoophiyaan kana gamnummaan itti fayyadamuu qabdi jedhu.

"Itoophiyaan ji'oopolotiksiin gara itti deemu kana sirriitti yoo hubatte gaaffiishee keessaa muraasa hamma muraasa deemuu dandeessi jedheen yaada."

Gama biraan ammoo yeroo sirni addunyaa jijjiiramu of-eeggannoon hin deemne taanan akkuma bu'aa qabu yeroo itti fira qabanuu dhaban akka ta'es yaaddoo qaban ibsu.

"Of-eeggannoodhan hiriira humna addunyaa adda hin baafne taanan, yeroon akkasii yeroo waan qabdullee of-harkaa dhabduudha," jechuun Itoophiyaan of-eeggannoo taasisuu akka qabdu gorsu.