'Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf Eertiraa irrattis tahe Jibuutii irratti rasaasa dhukaasuuf fedha hin qabdu' - MM Abiy

Ministira Muummee Abiy Ahimad irra deddeebiin hidhattooti gara mariitti akka deebi'an gaafatani

Madda suuraa, PMO

Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Muummee Abiy Ahimad irra deddeebiin hidhattooti gara mariitti akka deebi'an gaafatani

Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf biyya ollaa irratti weerara gaggeessuuf homaa fedha hin qabdu jedhan MM Itoophiyaa Abiy Ahimed.

Ministirri muummee ibsa har'a miseensota paarlaamaaf dhimmoota adda addaa irratti kennan irratti, waa'ee hulaa galaanaa argachuu gaafatamanii, ''eenyuuniyyuu weeraruuf fedha hin qabnu'' erga jedhanii ''seera biizinesiidhaan garuu ejjennoo dhaabbataa barbaanna,'' jedhan.

Dabalataan fedha ulaa galaanaa Itoophiyaan qabdu waliin dubbii fi biizinesiidhaan yoo hin furre maaltu mudachuu akka danda'u tilmaamuu hin danda'amu.

Garuu Itoophiyaan gara biyyoota ollaa ishee Eertiraa, Somaaliyaa, Jibuutii fi Keeniyaatti rasaasa tokkoyyuu dhukaasuu hin barbaaddu jedhan.

''Walabummaa isaanii irrattis gaaffii hin qabdu,'' jedhan. Itoophiyaan fedha ishee guuttachuuf jecha Daandii Qilleensaa fi Hidha Haaromsaa dabalatee waloon itti fayyadamuuf qophiidha jedhan.

“Eenyuun iyyuu hin weerarru, rakkinichi osoo hin dhufiin, beelli osoo hin dhufiin mari'anne furmaata lafa keenyadha kan jenne.

''Yoo rakkinichi dhufe hoo yeroo sana seerri hin hojjetu. Yoo nuyi beelofnee nyaata galchuu dadhabne seerri nu ajaju hin jiraatu. Waan arganne nyaannee hiree keenya itti fufsiifna,'' jedhan.

Kun akka milkaa'uuf Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaniiyyuu deeggaruu qaba erga jedhanii, biyyi ollaa kamiyyuu as irratti mari'achuu barbaadu yoo jiraate bakka hundatti mari'achuuf qophiidha jedhan.

Itoophiyaan hidha haaromsaa kan ijaarte walabummaa Sudaan tuquuf miti jedhanii dhimmi galaana Diimaas akkasumatti ilaalamuu qaba jedhan.

Waggaa 30 dura buufata doonii lama biyyi qabdu har'a buufata tokko irratti hundaa'uun, lakkoofsi uummata ishee dabaluun, biyyoot akaaniifuu yaaddoo cimaa taha jedhan.

Dhimmi ''buufata doonii yeroo hundaa na dhiphisa kan jedhan MM Abiy,kun uummta miliyoona 120dha. Yoo rakkate, yoo beela'e, yoomiyyuu tahu hin du'u, ni yaala,'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hidhattooti qawwee qabachuun qabsoo hidhannoo gaggeessaa jiran "osoo nagaa tuffachuu baatan" gaariidha jechuun, karaa nagaatti akka deebi’an Ministirri Muummee Abiy Ahimad gaafatan.

Bulchaan Itoophiyaa Kibxata har’aa Paarlaamaatti argamuun gaaffilee miseensoni mana maree gaafataa jiraniif deebii kennan.

"Qawween wal ajjeesuurra, yaadaan wal morkachuu wayya’’ jedhan, gaaffilee keessumaa nageenyaafi siyaasaa gaafatamaniif yoo deebisan.

Ta’us, marii nagaa mootummaan hidhattoota WBO waliin hookkaraafi walitti bu’iinsa waggoota shanan darbaniif Oromiyaa goole dhaabuuf taasisaa jiranirratti hindubbanne.

Bulchiinsi MM Abiy rakkoo nageenyaan kan guutame yoo ta’u, walitti bu’iinsi bakkeewwan biyyattii garagaraatti mudatuu itti fufeera.

"Waggoota shanan darban walitti bu’iinsa tokkoyyuu ofiin kaasnee hin beeknu’’ jechuun rakkoo dhalaterraa harka akka hinqabne waakkatan.

Mootummaan dureewwan paartii mormituu sadii kaabinee keessa galchuu isaa kaasuun, hidhattoonni qabsoo hidhannoo keessa jiran dirree karaa nagaatti akka deebi’an gaafatan.

Rakkoo nageenyaa

Miseensonni Paarlaamaa gaaffiiwwan siyaasaa, nageenyaa, diinagdeefi kaan kaasaniiru.

Miseensonni Mana Maree irra-deddebiin ‘rakkoo Naannoo Amaaraafi Oromiyaa’ dubbatan.

MM Abiy rakkoon nageenyaa bakkeewwan biyyattii biroos akka jiru ibsuun "safara keessa walitti bu’insoonni ni mul’atu,’’ jedhan.

"Seenaa siyaasaa qofarratti xiyyeeffachuun,’’ furmaatatti akka hin geessineefi biyyattiin seenaa hawaasummaa dabalatee akka qabdu kaasan.

"Waraana Addunyaa Lammaffaa booda qaamoleen hidhatan lolanii mootummaa injifatanii hin beekan,’’ jechuun hidhattooti kana akka hubatan eeran.

"Bakkeewwan garagaraa qawwee hidhatanii obboloota keenya bosona jiran adaraa nagaa osoo tuffachuu baanne. Nagaa haa tiksinu, isatu wayya.

"Fakkeenyaaf naannawa Oromiyaa gaaffii, rakkoon jira. Paartiin KFO jedhamu, karaa nagaan magaalaa keessa taa’ee nan qabsaa’a yoo jedhe Shanee maaltu KFO’rraa adda taasisa.

"Biyya KFO qabsoo nagaan gaggeessutti, Shanee nagaan akka hinqabsoofne gochuu hin danda’u,’’ jedhan.

Naannoo Amaaraa keessa warri jiranis karaa nagaatti akka deebi’an kaasuun yeroo kamuu paartilee mormituu waliin mari’achuuf "qophii ta’uu" ibsani.

Dabalataan wal dhabdee daangaa naannoo Amaaraa fi Tigiraay tokko dallansiisanii tokko gammachiisuun akka wal dhabdeen itti hin fufneef karaa rifirandamii furuuf hojjechaa jiraachuu himan.

Mootummaan federaalaa naannolee lamaan gidduutti nagaa waaraa buusuuf ''ija jabinaan'' hojjechaa jira jedhan.

Haa ta’u malee, paartileen mormituu, KFO, dabalatee dirreen siyaasaa dhiphate jechuun komataa turaniiru.

Yeroo ammaa aangawoonni mootummaa hidhattoota WBO waliin Tanzaaniyaatti marii gaggeessaa jiru
Ibsa waa'ee suuraa, Yeroo ammaa aangawoonni mootummaa hidhattoota WBO waliin Tanzaaniyaatti marii gaggeessaa jiru

Dura taa’aa I/Aanaan dhaabichaa Obbo Baqqala Garbaa kana eeruun Ameerikaatti koolu-galtummaa gaafachuu ibsuun ni yaadatama.

Pirezidantiin Itoophiyaa Saahilawarq Zawudee, yeroo paarlaamaan barana hojii eegale dubbii taasisaniin barbaachisummaa nagaa cimsanii ibsaniiru.

''Osoomallee dubbannee waliigaluu dhabne, waraanni filmaata ta’uu hinqabu. Dirree waraanaatti kan mo’atu tokkodha. Mariitiin garuu hundatu injifata.

''Walitti bu’iinsa bakkeewwan adda addaatti mudatan dhaabsisuuf nagaa caalaa filmaati biraa akka hinjirre hubachuu qabna,’’ jedhan.

Dubbiin MM Abiy Ahimad har’aas gara caalu dhimmuma kana kan cimse ture.

'Maatiin hedduu gaddaniiru'

Dhimmoota biroo MM Abiy gaafatamaniifi deebisan keessaa tokko barnootadha. Qormaata kutaa 12ffaan waggoota lamaaf walitti aanee qabxiin gad-aanaa akka biyyaatti galmaa’eera.

Qormaata ALI Fulbaana bara 2016 ifa ta’en barattoonni 818,000 ol qabxiin 50% ol hin galmeessine - 3.2% qofatu darbe.

Kanneen hin milkoofnees waggaa dura sagantaan leenjii kennamee akka qoraman ibsamuus, ammatti qabxii kamirraa eegalee akka fudhataman ifa hintaane.

"Qabxiin qormaataa hamma tokko kan eegamudha. Sirni qormaataa, karaan itti qoran jijjiirame malee qormaati sanuma. To’annoon xinnoo itti baay’ate,’’ jedhan MM Abiy.

‘’Maatiin hedduu gaddaniiru, egereen ijoollee isaanii isaan yaachiseera. Kuni waanuma sirriidha. … Haala sadarkaa biyyaatti jiru garuu itti fufsiisuun miidhaan isaa jabaadha.

‘’Gorsi ani qabu ijoolleen keenya qormaata jireenyaan kufuu isaaniirra, qormaata bara tokkoon osoo kufan wayya,’’ jedhan.

Egeree barattoota kufanii gaafatamanii ‘’Qormaata kufan jechuun badan jechuu miti,’’ jedhan.

Dhaabbileen Barnoota Ogummaa fi Teknikaa (TVET) ‘’barattoota 600,000 simachuu qaba. Namoonni garuu tuffatu,’’ jedhan.

‘’TVET barannee of foyyeessinee maastarsiin [digirii lammaffaa] garasitti guddachuu akka dandeenyu yaaduun faayidaa waan qabu natti fakkaata.’’

Dubbii isaaniin tarkaanfii cimaa yoo itti fufe malee egeree biyyaaf gaarii akka hintaane dubbatan.

‘’Yoo cimne malee haala amma jiruun Sirni Barnootaa Itoophiyaa hin suphamu’’ jechuun ‘’garaa jabaannee’’ foyyeessuun barbaachisa jedhan.

Qabxii qormaata qofa ilaaluun akka barbaachisuufi barattoonni yeroo ammaa jiran sammuun isaanii cimaadha jechuun kaasan.

‘’Barattoonni amma kufan, kufanii hafan jechuudhaa? Lakki! Gaaffii gaafataman hin deebisne ta’a malee osoo deeggarsa xiqqoo argatanii yaada biyya jijjiiru qabu.’’

‘’Hubannoo amma ijoolleen kiyya qaban yeroo ani umrii isaaniirra ture hinqabu ture’’ jechuun sammuun ijoollee ammaa qaroodha jedhan.

Mootummaan Rood maappii barnoota haaraa hojiirra oolaa jiruun waggoota shanan darban ‘’yunivarsitii tokkoyyuu hinbanne’’ fi qulqullina fiduurratti xiyyeeffachuu himan.

'Carraan nu miliquu hinqabu'

Jalqaba waggaa kanaa Pirezidantiin Itoophiyaa walitti bu’iinsawwan bakkeewwan Itoophiyaa garagaraatti mul’atan mariin qofa furuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Kanaafis wanti ijoo Marii Biyyaalessaa humnoota siyaasaa biyyattii gidduu dhibdee uumaa tureerratti hubannoo walitti dhihaatu fiduuf kaayyeffattedha.

Haa ta’u malee, hundeeffama isaarraa kaasee paartileen mormituu komiifi gaaffii irratti kaasaa turan jiru.

Jalqaba waggaa kana gaggeessitoota komishinii kanaa waliin MM Abiy dubbatanii turan. "Mariin biyyaalessaa hunda keenyaaf barbaachisaadha,’’ jechuun hunduu akka tumsu gaafatan.

Kana dura ALI bara 1953, 1966, 1983 carraan ture darbuu ibsuun "Gorsi kiyya kuni akka nu hin miliqnedha,’’ jedhan MM Abiy.

Komishiniin Marii Biyyaalessaa waggoota 30 darban akka hundaa’u ‘’paartiin mormituu hin kadhanne’’ hinjiru jechuun hunduu qooda ofii akka gumaachu dubbatan.

Weerarri busaa eegama ture'

Miseensi Paarlaamaa Wallagga Lixaa bakka bu’an Aadde Beteel Malkaamuu lixa Oromiyaa weerarri busaa cimuufi qorichi keessumaa buufata fayyaa dhuunfaatti gatiin dabaluu dubbatan.

MM Abiy kallattiin deebii kennuu baatanis, weerarri busaa akka ka’u "Ni tilmaamama ture’’ jedhan.

Kunis, sababa jijjiirama qilleensaafi meeshaan itti qoratan immoo sanyii haaraa babal’ate jedhan waan bira gahuu dhabeef akka ta’e kaasan.

Ta’us, agoobaraafi qorichi bitamee galuu dubbatan.

Walitti bu’iinsa Oromiyaa Lixaa tureen sirni fayyaa balaarra bu’uu kana dura Dhaabbanni Fannoo Diimaa Idil-Addunyaa ibsee ture.