Marii nagaa mootummaafi WBO gidduutti gaggeeffamaa jirurratti hanga ammaa maal beekna?

Mariin nagaa mootummaa Itoophiyaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti Taanzaaniyaa, magaalaa Daaree Salaamiitti gaggeeffamaa jiru “haala gaariin deemaa jiraachuu” maddeen marii kanaitti dhhiyeenyaan hordofaa jiran BBC’tti himaniiru.
Marii torban darberraa kaasee bakka qondaalonni waraanaa olaanoo gama lamaanirraa irratti argamanitti gaggeeffamaa tureera.
Haata’u malee, kaleessarraa kaasee ammoo aanga’oonni mootummaa olaanoo lama marii kanatti makamaniiru akka maddeen BBCf mirkaneessanitti.
Aanga’oonni kunneenis, Gorsaa Nageenya Biyyaalessaa Ministira Muummee Abiy Ahimad kan ta’an Ambaasaaddar Reediiwaan Huseen fi Ministira Haqaa Geediyoon Ximootiyoos ta’uun barameera.
Aanga’oonni kunneen marii kanarratti argamuunis marichi “haala gaariin deemaa jiraachuuf” agarsiistuu ta’uu keessa beektonni dubbachaa jiru.
Aanga’oonni kunneen marii nagaa waggaa darbe mootummaan Federaalaafi TPLF Piritooriyaatti gaggeesserratti mootummaa Itoophiyaa bakka bu’uun hirmaatanii turan.
Marii guyyootaaf gaggeeffamaa tureen booda amma “gara dhimmoota qabatamoo ta’anirratti” dubbachuutti ce’aniiru jechuun barruun Addis Standard maddeen isaarraa argadhe jedhe eeruun gabaaseera.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Waraanni Bilisummaa Oromoo (ABO-WBO) ibsa gabaabaa marii kana ilaalchisuun baaseen, “furmaata siyaasaa karaa nagaa hawwii saba keenyaafi kabaja jaallan keenya wareegamanii dhugoomsuuf yoomiyyu ni dhimmamna,” jechuun “ABO-WBOn mariin nagaa kun akkuma xumurameen waan irra gahame ni ibsa,” jedheera.
ABO-WBOn ibsa baase kanaan, jilli Ajajaa Olaanaa Marroo Dirribaafi Itti-aanaa isaa Gammachuu Abbooyyeen durfamu marii nagaatiif Taanzaaniyaatti imaluu mirkaneessuun, anga’oonni kunneen wayita marii kanaaf Oromiyaa adda waraanaa irraa gara bakka mariin itti gaggeeffamu deeman yeroo isaatti beeksisuun barbaachisaa ta’us nagaan dabarsuuf jecha yeroosaatti hin himamne jedheera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jilli Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa Maayik Hamariin durfamu, aanga'oota olaanoo IGAD, Keeniyaa fi Noorwey waliin ta'uun qaamoleen lamaan walitti fiduun marii kanaaf haala mijeessaafi gaggeessaa jiru.
Gama Waraanaa Bilisummaa Oromootiin Kumsaa Dirbaa (Marroo Dirribaa) dabalatee ajajjoonni waraanaa olaanoo shaniitu marii kanarratti hirmaachaa jiru.
Qondaaltoota waraanaa kanneeniin alattis, namoonni gama dippilomaasiin bakka bu'an lama, walumaagalatti namoonni torba WBO bakka bu'uudhaan maricharratti yoo hirmaatan; gama mootummaa Itoophitaatinis qondaalota waraanaa buleeyyii dabalatee aanga'oonni torba hirmaataa jiraachuu maddeen keenya mirkaneessaniiru.
Aanga'oota mootummaa Federaalaa Itoophiyaan alatti, mootummaa naannoo Oromiyaarraas namoonni lama marii nagaa kanarratti hirmaataa jiraachuu BBCn mirkanneeffateera.
Haal-dureen marii marsaa lammaaf kanaa torbanoota muraasaan dura gaggeeffammaa akka ture kan himan maddeen BBC kunneen, ammatti sadarkaan mariin kun irratti argamu kan '‘abdachiisudha’’ jedhaniiru.
Qondaalonni mootummaa Itoophiyaa lamaan amma marii nagaa kanatti makaman waliigaltee nagaa waggaa tokkoon dura Mootummaa Federalaaafi TPLF gidduutti Afriikaa Kibbaa-Piritoriyaatti mallatteeffamuun waraana Tigraayitti waggaa lamaaf ture dhaabsiserratti gama mootummaa Federaalaatiin gahee bahataniin muuxannoo kanneen qabaniidha.
Marii marsaa tokkooffaa mootummaafi WBO gidduutti ji'a jahaan dura achuma Taanzaaniyaa Odola Zaanziibaritti gaggeeffamerratti, biyyoota amma gahee jaarsuummaan taphataa jiran keessaa Ameerikaan sadarkaa miilanaatiin hirmaannaa olaanaa taasisaa akka hin turre kan yaadatan maddeen keenya, tibbana garuu dhimma marii nagaa kana kan cimsanii qaban fakkaatu jedhan.
Mariin miilanaa kun haala amma itti jiruun yoo itti fufe yeroo dhiyoo keessatti waliigalteen mallatteeffamuu akka danda’ulleen abdii qaban maddeen kunneen BBC’f mirkanneessaniiru.












