'Uummanni Oromoo dhukkuba namni isaaf hinbeekne dhukkubsachaa ture' - jiraattota

Mariin nagaa Mootummaa Federaalaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti Taanzaaniyaa magaalaa Dar es Salaamitti adeemaa jiru jiraattota naannoo Oromiyaa hedduutti abdii horeera.
Battala odeeffannoon marii nagaa dhagahamettis namoonni gama miidiyaa hawaasaatiin gammachuu isaanii ibsataniiru, hawwii milkaa’ina marichaaf qabanis barreessaniiru.
Waraanni humnootii mootummaa fi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti waggoota darbaniif kutaalee Oromiyaa garagaraatti taasifamaa ture lubbuu darbuu lammiilee nagaa, buqqaatii, mancaatii qabeenyaa fi rakkoolee hawaas-diinagdee hedduuf sababa ta’ee tureera.
Ofii marii nagaa Mootummaa Federaalaa fi WBO irratti jiraattonni naannichaa maal jedhu? kanaaf deebii argachuuf Oromiyaa godinaalee garaa garaa irraa dubbifneerra.
Dhimma marii nagaa kana miidiyaa hawaasaarraa arguu kan himan jiraataan godina Wallaga Lixaa Aanaa Mana Sibuu BBC’n haasofsiise, “uummanni Oromoo guutummaa Oromiyaa keessa jiru jechuu haala danda'amuun waggoota shanan kana keessa rakkoo fi gadadoo hamaa keessa ture. Dhukkuba namni isaaf hinbeekne dhukkubsachaa ture,” jedhan.
Waraanichi caasaa fi hariiroo hawaasaa diiguu kan dubbatan jiraataan maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan kun, “Beelli, buqqa’iinsi, wantoonni gurguddaan waggoota hedduuf uummata Oromoorratti hin raawwanne dhoksaadhaan raawwataa ture. Namni yoo du’e wal hin owwaalu, reeffa ol ilaalee darba” jechuun gaaga’ama rakkoon nageenyaa naannicha keessaa qaqqabsiise himu.
Gama biraatiin oduu marii nagaa yemmuu dhagahan gammachuu olaanaan akka itti dhagahame kan himan Godina Qeellam Wallaggaatti jiraataan Aanaa Gidaamii BBC’f yaadasaanii kennan, “nuti dhimma nagaa guyyaa tokko gurra keenyaan ni dhageenya jennee yaadaa hinturre,” jedhu.
Haata’u malee wayita xayyaara Fannoo Diimaa naannoo Gidaamiitti qubateen “Jaal Marrootu ittin deeme, isaafi ajjaabota isaa fudhatanii deeman jedhamee, nagaa biyyaatu dhufaa jira gaafa jedhamu gammachuu guddaatu nutti dhagahame,” jedhan.
'Diinagdeedhaan, lubbuudhaan badneerra…”
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gaaga’amni namoomaa rakkoon nageenyaa naannoo Oromiyaa keessaa uummatarratti qaqqabsiise xiyyeeffannoo hawaasa addunyaa akkasumas uwwisa miidiyaalee hagas mara kan hin arganne akka ta’e namoonni hedduu irratti waliigalu.
Haata’u malee rakkoon nageenyaa kun kutaa hawaasaa hunda kan miidhe akka ta’e yeroo garagaraatti jiraattonni himaa turaniiru.
Jiraattuun magaalaa Hoolataa BBC’n haasofsiise “Qotee bulaanillee akka garaasaatti qonnasaa qotachuu danda’aa hinjiru. Kisaaraan uummata Oromoorra qaqqabe hedduudha. Waan dubbatamee dhumu miti. Wanti lubbuu namaarra gahe, qabeenyi barbadaa’e kana kan jedhamuu miti. Kanaaf yoo araarri kun bu’e gaariidha,” jechuun BBC’tti himan.
Kana malees waraanichi sochii namootaa danquun diinagdee irrattis miidhaa geessisaa turuu kan himan jiraataan aanaa Mana Sibuu BBC’n haasofsiise, “Qaala’iinsi jireenyaa, beelli ta’ee hinbeekne keessumaa Dhiha Wallaggaarratti namni baay’ee miidhamee ture,” jedhan.
Keessattuu godina isaaniitti baadiyyaadhaa gara magaalaa deemuun akkasumas magaalaadhaa gara baadiyyaa deemuun rakkisaa ta’uu jiraataan kun himu.
“Hospitaalli qoricha dhabeera, beelli hamaan, gadadoo baay’ee keessa jira uummanni. Garuummoo araarri kun dhugaadhuma uummata Oromoof dhaabbatu yoo ta’e, gama lamaaniinuu waan uummanni keessa jiru ni fura jennee abdii guddaa irra kaayyannee jirra,” jedhu.
Gama biraatiin “Diinagdeedhaan badneerra, lubbuudhaan badneerra, qabeenyi jiru hundumtuu nu harkaa manca’eera,” kan jedhan jiraataan Aanaa Gidaamii BBC’tti dubbatan, ammatti nagaa fi haara galfii akka barbaadan himu.
“Kan firri booyee hin awaallanne jira, kan gubate jira. Waggoota shanii hanga jahaa lakkoofsise kana keessatti, barri nuti dabarsine bara abjuu jedhama malee bara lakkaa’amu miti. Saba naannoo keenya jiraatuuf bara gurraacha ta’ee darbe,” jedhu jiraataan kun.
“Waaqayyoo sammuu jaraa keessa dhufee araara kana akka nuuf milkeessu barbaanna. Isa isaan yaadan utuu hinta’in akka uummanni kun rakkateetti yaadanii gara furmaataatti akka adeemanidha kan barbaannu,” jechuunis himan.
'Marichi ofeeggannoon taasifamuu qaba…'
Marii nagaa Mootummaa Federaalaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti adeemsifamu milkiin akka xumuramu abdii qabaatanis, jiraattonni yaaddoo yookiin shakkii qaban ibsatanis ni jiru.
Mariin nagaa kun bifa ofeeggannoo qabuun adeemsifamuu akka qabu kan dubbatan jiraataan aanaa Mana Sibuu, “hattummaan yoo araara sana keessa jiraate ammas milkaa’uu hindanda’u, ammas rakkinniifi gadadoon uummata kanaa itti fufa jedheen shakka,” jechuun himan.
“Dhuguma uummatichaaf dhaabbatan taanaan, quba walitti qabuu dhiisanii qaamni lamaanuu araara kana milkeessuutu irra jiraata,” jechuunis dubbatan.
Gama biraatiin milkaa’uun marii nagaa kanaa nageenya naannoo Oromiyaa qofa osoo hintaane, tokkummaa uummata Oromoo fiduu keessatti gahee akka qabu kan himan jiraattuun magaalaa Hoolataa BBC’n haasofsiise, “Uummanni Oromoo osoo tokko ta’ee irra caalaa gaariidha yaada jedhun qaba,” jedhaniiru.












