'Tooftaa lolaa manaafi qabeenya gubuu': dararaa qonnaan bultootaa humnoota sadiin hammaate

Mana gubate

Qonnaan bultoonni Godinaalee Oromiyaa hidhattoonni keessa socho'an jiraatan qaamolee hidhatan adda addaa sadiin manni, midhaaniifi qabeenyi irraa gubachaa jiraachuu himatu.

BBC'n torbanoota darban Godinaalee Oromiyaa akka Shawaa Lixaa, Shawaa Bahaafi Wallagga Bahaa keessatti qonnaan bultoota mannii fi qabeenyi isaanii hidhattoota WBO kan mootummaan ABO-Shanee jedhee shororkeessummaan farraje, hidhattoota Faannoo kan naannoo Amaaraa irraa leenjiifi hidhannoo waraanaan Oromiyaa keessa socho'aniifi qaamolee nageenyaa mootummaan jalaa gubate jedhan dubbiseera.

Jiraattonni kunneen fedha siyaasaa qaamolee adda addaa gidduutti jireenyi isaanii rakkoo jabaa keessa galuu dubbatu.

Amma dura Godinaalee Wallaggaa keessatti lola humnoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti waggootaaf adeemaa jiruun namoonni nagaan qaama isa tokko deeggarte jedhamuun hidhamaa, ajjeefamaafi dararaawwan hedduun biroon irra gahu ilaalchisee BBC'n gabaasuunsaa ni yaadatama.

Erga yeroo dhiyoo as ammoo ''tooftaa'' haaraan amma dura Kibba Oromiyaa naannoo Gujiifi Boorana keessatti raawwatamaa ture, manneen jireenyaafi qabeenya jiraattotaa gubuun bakka sochiin waraanaa yeroo dhiyoo as itti jabaate Godinaalee akka Shawaa Lixaa fi Shawaa Kaabaatti hammaachaa jiraachuu BBC jiraattoota irraa odeeffateera.

'Abbaan warraakee quufaadha meeshaa fidi jennaan kennuu dide'

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Baakkoo Tibbeerraa qonnaan bultoonni dubbifne hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoon manniifi tullaan midhaanii jalaa gubachuu himan.

Qonnaan bulaan dubbisne tokko kana dura manni jalaa gubachuufi yeroo lammaffaa ammoo midhaan xaafii hektaara tokko bakka haamametti gubachuu BBCtti himaniiru.

Qonnaan bulaan maqaa isaanii nageenyaaf jecha hin eerrefi kan midhaan isaanii jalaa gubatee kunis magaalaatti akka baqatanii jiran himan.

"Manni gubateera. Wanti hafe hin jiru. Manni kiyya Sadaasa bultii 30 gubate. Guyyaa kaleessaa immoo xaafiin hektaara tokko haamame gubateera. Kan na jalaa gube ABO - Shaneedha,'' jedhan.

''Waaree booda naannoo sa'aatii sagalii erga nu ari'anii booda galgala sa'aatii afuritti guban. Nuti baqannee magaalatti galle, maal goona. Kan oollaas gubateera."

Qonnaan bulaan biraa dubbisne immoo milishaa ta'uufi manni jireenyaa isaanii bineeldota, akkasumas qabeenya qaban waliin jalaa gubachuu himan. Qawwee mootummaan isaan hidhachiiseen milishaa ta'un hojjetu. Mootummaa waliin hojjechuu isaaniif irratti xiyyeeffatamuu dubbatan.

''Haati warraa koo ollaa jirti ture waamanii 'abbaan warraa kee quufaadha meeshaa fidi jennaan kennuu dide' jedhanii ishiis ijoollees reebanii fudhatanii deemanii ture'' jedhuun bakka isaan hin jirreetti maatiin miidhamuu yoo himan.

''Xaafiin dhahamee bakka lama jira, garbuunis dhahamee ture ni barbadaa'e, manniifi miini manaa hunduu ni barbadaa'e.''

Kan na yaaddessu tokko nageenyi kun baduun itti fufaa laata kan jedhuudha. Kan biraan ammoo gargaarsa argacuudha jedhan.

Qondaalli aanaa BBC'n dubbises, tuullaan midhaanii namoota garaa garaa humnoota mootummaan ABO - Shanee jedhee waamuun gubachuu dubbataniiru.

Waraana Bilisummaa Oromoo ammatti dhimma kanarratti kan dubbate dhibuus kana dura himannaa akkanaa keessaa hin qabnu jechuun irra deddeebiin waakkachunsaa ni yaadatama.

Gumbii midhaanii gubate

Hoogganaan Kominikeeshinii Aanaa Baakkoo Tibbee Obbo Shibbiruu Addunyaa kanaan duras hidhattoonni manneen jireenyaa gubaa turuu himu. Ta'us, midhaan gubuun kana dura hin baratamne jedhu.

''Naannoo sanitti midhaan namoota sadii tuullaan 26 gubachuu quba nan qaba. Manaafi midhaan gubuun yeroo duraaf kan mudateedha.''

Gama kaaniin ammoo waraanni Kaaba Itoophiyaa dhalachuun walqabatee hidhattoonni naannoo Amaaraa naannolee Godinaalee Wallaggaa fi Shawaa keessa socho'uun balaa geessisaa jiraachuu jiraattonni BBC'tti himaniiru.

Amajjii 23 bara 2014 Godina Shawaa Lixaa Aanaa Daannoo ganda Adilaa Daallee jedhamtu keessatti, haleellaa hidhattoonni Amaaraa jalqaba torban saniitti raawwataniin namoonni 13 ajjeefamanii, manneen 97 gubachuu bulchiinsi Aanaa Daannoo BBC'tti himanii jiru.

"Beekkamtii bulchiinsa aanaa fi qaama nageenyaa aanichaa malee, maqaa oppireeshinii Shanee/diina barbadeessina jedhuun dhukaasa banameen lubbuun namoota nagaa 13 darbeera," jedhan aanga'aan kun.

Lubbuu namaa darbeen alatti manneen jireenyaa 97 gubachuu, midhaan dabalatee qabeenyi mana keessa ture barbadaa'uu himu.

Hidhattoonni sabaan Amaara ta'an kan mootummaan 'finxaaleyyii Amaaraa' jechuun ibsu Guraandhala 16, 2022 haleellaa Godina Wallagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaa gandoota Nageessoo fi Haroo Ayyaanaaniis namoonni saddeet ajjeefamanii manneeniifi midhaan jiraattotaa hedduu gubachuu jiraattonni BBC'tti himaniiru.

Tuullaa midhaanii gubate

Madda suuraa, Komunikeeshinii Baakkoo Tibbee

Dhiyeenya kanas ta'iin manaa fi midhaan jiraattota nagaa gubuu hidhattoota naannoo Amaaraan raawwatamu itti fufee akka jiru ragaaleen BBCn odeeffate ni mul'isu.

Torban muraasa dura dhalataan naannoo Tigraay naannoo Beenishaangul Gumuu keessatti osoo lubbuun jiruu gubachuun ammoo rakkoon nageenyaa Itoophiyaa keessa jiru sadarkaa sukkaneessaafi rifaasisaarra gahuu dubbatu xinxaltoonni.

'Shanee qallaba jedhanii manaafi qabeenyakoo guban'

Humnoonni nageenyaa mootummaa qaamolee biroo hidhannoon uummata dararan dhaabsisuuf dirqama qabaniis ofii isaanii gocha hidhattootaan walfakkaatu akka raawwatan jiraattoonni kan himan.

Akka fakkeenyaatti ji'oota muraasa dura Shawaa Kaabaatti ilmikee miseensa WBO'ti jedhamuun abbaan aartiist Jaallee Amantee (Kabbitoo) torban lamaaf hidhaa erga turanii booda, qaamolee nageenyaa mootummaan mana hidhaatii baafamanii daandiirratti ajjeefamuu maatiin BBC'tti himuun ni yaadatama.

Maatii namoota siyaasaa beekamoo dhaaba mormituu hiraarsuu, manaafi qabeenya gubuun bira darbees, ijoolleen keessan ABO-Shaneedha jechuun miseensa maatii ajjeesuu fi hiraarsuun qaamoleen mootummaa irra deddeebiin komatamu.

Ofii badii nama tokkoof maatiin yookiin miseensi maatii gaafatamaa?

Barnoota seeraatiin barataa digirii sadaffaa kan ta'aniifi yeroo ammaa biyya Xaaliyaanitti qorannoo taasisaa kan jiran Obbo Abdii Gurmeessaa, badii qaamni biraan raawwatuuf miseensi maatii gaafatamuun akkamiin ilaalama jennee gaafannaan seerri kana hayyamu hin jiru jedhan.

''Qajeeltoowwan seeraa (principles of legality) seera yakkaa keessatti kaahamee kan jiru yakki uumamusaarraa kaasee kan dhuunfaati kan jedhu. Maatiinis ijoollee isaanii bakka bu'anii gaafatamuu hin danda'ani'' jechuun badii yakkaa raawwatamuuf qaamni yakkicha raawwatetu seeraan itti gaafatama qaba jedhan.

Akkasumas torbanoota duras Godina Shawaa Lixaa aanaa Abunaa Gindabarat ganda Gaagoo Osolee jedhamu keessatti humnoonni mootummaa hidhattoota WBO lolan ''ABO-Shanee qallabdu'' jedhamuun manaafi midhaan isaanii jalaa gubuu jiraattonni qabeenyi jalaa manca'e BBC'tti himaniiru.

Maanguddoon maatii hedduu qabaniifi aanaa Abuunaa Gindabarat jiraatan, ji'a Guraandhalaa keessa qaamoleen nageenyaa mootummaa mana isaanii marsanii eegaa bulanii ganama maanguddoo ganna 100 baqachuu hin dandeenye manaa baasanii miidhaaniifi manatti ibidda qabsiisuu BBC'tti himaniiru.

''Shanee qallaba, isaanitti bobbaasa jedhanii halkan sa'aa torbatti dhufanii manakoo marsanii hanga ganaamtti eeganii ibidda itti kaahan.''

Ofii dursanii odeeffannoo argatanii baqachuufi hidhattoonni mootummaa 200 ta'an manaafi qabeenya isaanii gubuu jiraattota ollaarraa dhagahuu dubbatan.

''Kan koo mana lamaa fi kan mucaakoottis ibidda kaahanii darbanii.'' Ganda ollaa isaanii keessattis namoonni Shanee qallabdu jedhaman ajjeefamuufi mannii fi qabeenyi hedduun gubachuu himaniiru maanguddoon kun.

Kanneen kana raawwatan ''humna addaa Oromiyaafi makkalaakayaa afaan Amaaraafi afaanota biroos dubbatan,'' jedhan. Midhaan dhahamee taa'e xaafiifi mishingaa kuntaala 30 jalaa gubachu himu.

Dhimma kana qululleeffachuuf bulchiinsa aanaa Abuunaa Gindabaratitti bilbillus deebii argachuu hin dandeenyi.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa maal jedha?

Himannaawwa jiraattoonni naannoo Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti sababa waraana WBO fi mootummaa akkasumas hidhattoota Amaaraa gidduutti deemuun irra gahaa jiraachuu himatan kanaaf, sadarkaa naannichaatti deebii argachuuf yaaliiwwan taasifne hin milkoofne.

Haata'u malee Bulchiinsonni aanaalee wayita haleellaan humnoota hidhataniin raawwate jedhamurratti yaada kennuun, himannaa gama humnoota mootummaan raawwate jedhu ilaalchisee yaada kennuurraa of qusatu.

Ta'us ammoo haasaan Pireezidantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Yaa'ii Caffee Oromiyaa 2ffaa bara hojii tokkoffaa Bitootessa 21, 2022 gaggeeffame irratti taasisan, komii jiraattoonni kaasan kana hanga tokkoo kan mirkanneesse fakkaata.

Obbo Shimallis haasaa isaanitiin: ''Guyyaa guyyaadhaan uummanni keenya aarsaa kaffalaa jira. Guyyaa guyyaadhaan caasaan nageenyaa akka baalaatti harca'aa jira. Qaamni nageenyaa madaa'ee, aarsaa kaffalee jiru lakkoofsa hin qabu,'' jedhan yoo haala naannicha keessaa ibsan.

Itti dabaluunis ''Tooftaa lolaa riphee loltootaa dura dhaabachuuf karoorri adda addaa qophaayee hojiitti galamaa jira, ji'oota muraasa keessatti jijiiramni guddaan akka dhufu abdii guddaa qabna,'' jechuun dubbatan.

Waggoota sadan darban dhimmi ijoon nammoonni siyaasaa naannichaa fi dhaaba biyya bulchuu irratti mari'atan nageenya ta'uu kaasanii ''Samiidhaa gaditti waan godhamuu qabu hunda goonee uummanni keenya akka nagaa argatu ni goona'' jedhan.