'Walagga Bahaa, Giddaa Ayyaanaatti hidhattoonni sabaan Amaaraa namoota ajjeesan, manneen guban'- aanga'oota

Godina Walagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaa gandoota Nageessoo fi Haroo Ayyaanaa jedhaman keessatti haleellaa hidhattoonni raawwataniin namoonni ajjeefamuu fi manneen hedduunis gubbachuu aanga'oonni mootummaa BBCtti himan.
Bulchaan aanaa Giddaa Ayyaanaa Obbo Adaanee Alaamirroo gandoota aanichaa - Nageessoo fi Haroo Ayyaanaatti miidhaan qaqqabe jiraachuu himanii, ''garuu sababa rakkoo nageenyaa ammallee qaamaan bakka rakkoon itti mudate kana qaqqabanii miidhaan hangam akka ta'e adda baafachuu hin dandeenye,'' jedhan.
Jiraattonni BBCn dubbise namoonni saddeet ajjeefamuu ammatti akka mirkaneeffatanii fi sodaaf jecha bakka rakkoo kanaa deemanii adda baafachuutu rakkisaa ta'e malee lakkoofsi namoota ajjeefamanii kana caaluu dand'a jedhan.
Haleellaa hidhattoonni sabaan Amaara ta'an kan mootummaan 'finxaaleyyii Amaaraa' jechuun ibsu Guraandhala 16, 2022 gaggeessan kana ilaalchisuun Waajirri Komunikeeshinii aanaa Giddaa Ayyaanaa ibsa fuula Facebook isaarratti baaseen, halleellaa uummata nagaa irratti taasifameen badiin lubbuu namaa fi qabeenya uummata Oromoo bakka sana jiran irratti qaqqabeera jedhe.
Akka ibsa Waajira Komunikeeshinii aanichaatti, badiin kun ganda Ejeree gooxii Nageessoo fi ganda Guutee Guddinaa gooxii Haroo Ayyaanaa jedhaman keessattidha.
Manneen hedduu gubuu kan himan jiraattonni, ammatti manneen gubatan lakkoofsaan adda baafachuun rakkisaadha jedhan.
Bulchaan Aanaa Giddaa Ayyaanaa Obbo Adaaneen, ''duraanuu naannoo sana galuun hin danda'amu waan ta'eef finxaaleyyii kanaan namoonni meeqa akka miidhamanii fi manneen ummataa meeqa akka gubatan qulqulleeffachuu rakkisaa ta'eera,'' jedhan.
Itti-gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa Obbo Misgaanaa Morkaa, bakki rakkoon kun itti dhalate duraan ''qaxanaa diinaati'' kan jedhan, ''bakka sana ABO-Shanee fi finxaaleyyiin Amaaraas jiru,'' jedhan.
"Bakka sana deemnee qulqulleeffachuu hin dandeenye, odeeffannoo dhageenyuun ammoo finxaaleyyii Amaaraatu dhukaasee ummata Oromoo buqqise kan jedhamutu jira," jedhan Obbo Misgaanaan.
''Maddi rakkoo Fixaaleyyii Amaaraa, ABO-Shanee, hidhattoota BEN''
Aanaalee Godina Wallagga Bahaa, keessattuu Aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti rakkoo nageenyaa irra deddeebiin mudatuun lammiilee nagaan miidhamaa jiraachuu himatu.
Maddi rakkoo maal akka ta'ee fi furmaati waaraa maaliif dhibe kan jedhurratti Obbo Adaaneen akkas jedhan.
"Rakkoon bu'uuraa karaa gadiin [gamoojjiirraa] kan ol itti dhufe humna finxaaleyyiiti jedhamee kan yaadamudha. Asii gadis yeroo nuti itti deemuudhaaf jennu ammoo humna 'Shanetu' ballinaan karaa cufee jira."
Akka Obbo Adaaneen jedhanitti, aanicha keessatti humnoonni ABO-Shanee, humna finxaaleyyii [Amaaraa], akkasumas karaa 'Mandara 10' ammoo humna BEN [kan naannoo Beneshaangulirra dhufu] rakkoo uumaa jira.
''Humni nageenyaa nu bira jiru bakkeewwan gara garaa kanatti waan hiramuuf lakkoofsi isaanii ni xiqqaata,'' jedhan bulchaan aanaa kun
Gandoota finxaaleyyiin kun keessatti haleellaa raawwatan keessa caasaan mootummaa akka hin jirre kan dubbatan Obbo Adaaneen, ''ABO-Shaneetu qabatee jira,'' jedhu.
Kanaan dura rakkoo ummanni aanaalee godinoota Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti hidhattoonni Amaaraa nurraan gahaa jiru jedhan ilaalchisuun kan gaafataman hogganaa Bulchiinsaafi Nageenyaa mootummaa Naannoo Ormiyaa Obbo Shaafii Huseen, "rakkoo kana kan uumaa jiru finxaaleyyii Amaarati, shiftaa Amaaraati," jedhan.
Obbo Shaafiin akka jedhanitti, ''shiftaa Amaaraafi' hidhattoota ABO-Shaneetu walitti dhufanii Oromoos, saba Amaaraas, akka waliigalaatti sabaafi sablammootaafi hojjetoota mootummaas miidhaa jiru.''
"Kanaaf, abbaan ajandaa kanaa ABO-Shaneefi Amaara keessaa ammoo warra finxaaleyyiifi shiftoota ta'aniiti jiru," jedhan.
Komii uummanni mootummaan nuuf birmachaa hin jiru jedhuuf Obbo Shaafiin komichi dogoggora jechuun, "humni nuti qabnuyyu achi jira. Raayyaan Ittisa Biyyaa jira, Poolisiin Federaalaa jira, Poolisiin humna addaa naannoo keenyaa jira, poolisiin idilee jira, milishaan jira" jedhanii ture.
Maqaa ABO-Shaneetti da'achuun warri finxaaleyyiidha jedhanis uummata nagaarraan rakkoo gessisaa jiru kan jedhan aanga'aan kun, "humni lamaanuu nuuf diinadha. Ummata keenyaaf diinadha, mootummaafillee diinadha," jedhu bulchaan aanaa Giddaa Ayyaanaa.
Ummanni Amaaraafi Oromoo aanaa sana keessa waggoota dheeraaf nagaan waliin jiraataa akka turellee kaasuun, ABO-Shaneefi finxaaleyyii karaa adda addaa lo'anii galanitu hawaasa nagaa walitti buusu jedhan.
Uummanni aanichaa rakkoo deddeebi'ee mudatuuf qaamoleen mootummaa furmaata maaliif hin kennenine jechuun gaafataa turan, ammas gaafataa jiru.
Kanarratti yaada kan kennan Itti Gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa Obbo Misgaanaa Morkaa "namni beekaa namatti ilaalu hin jiru. Erga dhageenyee booda humni bobba'ee dhaqeera, erga humni dhaqee ammoo tasgabbaa'eera. Akkam namni biyya bulchu keessatti beekaa namatti ilala?'' Jedhan.
Hanqinni humna waraanaa jira kan jedhan itti-gaafatamaan Nageenyaa kun, humni qabnu bakkawwan rakkoon uumamanitti tasgabbeessuudhaaf ni bobba'a jedhu.
Finxaaleyyiin kun gara gammoojjii bakka Alii jedhamu maandheffatanii achirraa ka'uun uumatarraan rakkoo geesisu kan jedhan Obbo Misgaanaan, humni diinaa ABO-Shanee ittiin jedhan ammoo naannoo sana keessa maandheffatee jira jedhu.
''Humni mootummaa yooo dhaqe humna ABO-Shanees, humna jara sanas ni rukkuta waan ta'eef diina lama gidduu dhaabatee akka uummanni barbaadanitti isaaniif qaqqabuu dhiisuu mala,'' jedhan.
''Dhawaata dhawaataan bosona sakatta'aa deemaa jira waan ta'eef malee uummata irratti ilaaluu miti, akkuma beekamu ammoo humni waraanaa asirra jiru ammaaf gahaa miti. Akka aanaa Giddaatti raayyaa ittisa biyyaa Guttin kan buufate malee magaalaa Ayyaanaarraa hin qabnu,'' jedhan Obbo Misgaanuun.
Ummanni miidhaa irra gahe irraa kan ka'e mufatee mootummaan nurratti ilaale jechuu danda'a jedhan.
Aanaaleen shan godina Wallagga Bahaa keessa jiran rakkoo keessa akka jiran kaasuun, humni nageenyaa aanaalee kanneen keessatti rakkoon yeroo uumamu dhaamsuudhaafis ni deema, dursee bakka argamuu qabuttis argamuudhaaf ni yaala jedhu.
Torban darbe gaafa Kamisaa rakkoo Aliitti uumamee tureef araarrri gaggeeffamaa akka ture kan dubbatan Obbo Misgaanaan, ''warri araaraaf deeme yeroo isaan deebiyan finxaaleyyiin kun odeeffannoo waan qabaniif, Sambataa kaleessaa bahanii, ummanni bakka odeeffannoo hin qabnetti nagaadha jedhee osoo taa'aa jiruu, dhufanii haleellaa raawwatan,'' jedhan.
Kanaan dura ABO-Shaneetu uummata rakkisaa ture kan jedhan Obbo Misgaanaan, amma ammoo finxaaleyyiin Amaaraas itti dabalamanii rakkoon ummataa dachaa ta'uu ibsan.
Ji'a lamaan duras qaamolee mootummaan finxaaleyyii Amaaraati jedhu kun Aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Alii jedhamutti haleellaa walfakkaatu uummata nagaarraan akka gahan gabaafameera.
Kanaan dura baatii Sadaasaa keessa godinuma Wallaga Bahaa, aanaa Kiiramuutti haleellaa finxaaleyyii Amaaraa jedhaman raawwataniin namoonni 29 ajjeefamuufi kanneen kuma 40 tahan qe’eerraa buqqa’uu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa beeksisee ture.
Haleellaan akka raawwatame kan amanan bulchaan godina Walagga Bahaa yeroo sanaa Obbo Alamaayyoo Tasfaa, haleellichi garee finxaaleyyii Amaaraafi Oromoo; keessaamoo hidhattoota WBO isaan ''ABO Shanee'' jedhaniin raawwachuu himanii ture.


















