Wallaga Bahaatti haleellaa raawwateen namoonni 29 ajjeefamuun gabaafame

Wallagga Bahaa keessatti

Madda suuraa, Hans BirgerNilsen/EHRC

Naannoo Oromiyaa godina Wallaga Bahaa, aanaa Kiiramuutti haleellaa raawwateen namoonni 29 ajjeefamuufi kanneen kuma 40 tahan qe’eerraa buqqa’uu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa beeksise.

Aanaa Kiramuu ganda Booqaatti gaafa Fulbaan 7 fi 8 2014 A.L.I haleellaa raawwateen namoonni 18 yoo ajjeefaman, ganda Ulumaayiitti immoo namoonni 11 ajjeefamuu gabaasni akka isa gahe komishinichi qaqqabe ibseera.

Kanneen nama ajjeesan baqachuudhaan jiraattonni aanaa Kiiramuu naannoo isaanii gadhiisanii gara aanolee ollaatti baqataniiru.

Haleellaa aanichatti walitti fufinsaan raawwatamu kanaan namooti nagaa nageenya isaaniif haala rakkisaa keessa jiraachuun isaanii akka isa yaaddessu Koomishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibseera.

Haala nageenyaa naannicha jiruun jiraattonni naannicharraa buqqa’an yeroo ammaa aanaalee Noolee, Haroo fi magaalawwan Kiramuu keessattu baqatanii akka jiran koomishinichi beeksiseera.

Jiraattonni qe’ee isaaniirraa fagaatanii jiraatanis deeggarsi atattamaa argachuu dhabuu irraan kan ka’ee haala rakkisaa keessa akka jiran jiraattonni koomishinichatti himuu beeksiseera.

Haala nageenyaa naannicha jiru irraan kan ka’e yeroo ammaa daandiiwwan aanaa Kiramuu magaalawwan Bureefi Naqamtee wal-quunnamsiisan cufamuu koomishinichi mirkaneesseera.

Ibsa Koomishiniin Mirgoota Namoomaa baase kanaan haleellaan ajjeechaa fi baqa namoota baayyeef sababa tahe eenyuun akka raawwate kan jedhu waan hime qabaachuu baatus naannichatti kana duras haleellaan wal-faakkaataa raawwachaa turuu hima.

Haleellaa kanaanis Waraanni Bilisuummaa Oromoo, mootummaan Shanee jedhee waamuufi shororkeessummaan farraje gaafatamaa dha jedhamuun irraa deddeebiin komatama.

Koomishinichi ibsa baaseen mootummaa federaalaafi bulchiinsi naannichaa humnooti nageenyaa aanaa Kiiramuutti warreen haleellaa raawwatan dhaabsisuuf tarkaanfii barbaachisu akka fudhatan waamicha dhiyeesseera.

Qaamoleen dhimmi kuni isaan ilaallatus haala nageenyaa mul’atuuf,’’furmaata waaraa kennuufi jiraattota irratti warreen haleellaa qaqqabsiisan seeratti dhiyeessuun tarkaanfii akka fudhatan,’’ yaadachiiseera.

Koomishinii Mirgoota Namoomaan dabalataan, sababa lola kanaan jiraattonni qe’ee isaaniirraa buqqa’an akka deebi’an, daandiiwwan cufaman akka banamaniifii deeggarsi namoomaa akka qaqqabu waamicha taasiseera.