Haleellaan Wallagga Bahaatti lubbuu namoota hedduu galaafate akkamiin dhaqqabe?

Tibbana Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuutti haleellaa dhaqqabeen lubbuun namoota hedduu darbuun namootni baay'een ammoo qe'ee isaanii irraa buqqa'uu qondaalonni mootummaa fi namootni BBC'n dubbise himan.
Haleellaan kun guyyoota shan dura dhaqqabuu kan himan Bulchaan Godina Wallagga Bahaa Obbo Alamaayyoo Tasfaa, haleellichi garee finxaaleyyii Amaaraa fi Oromoo; keessaamoo hidhattoota WBO isaan ''ABO Shanee'' jedhaniin raawwachuu himan.
Dhaabni mootummaan muude Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaas finciltoonni WBO namoota namoota 150 ajjeesuu dubbata.
Komishinichi haleellaan kun sabummaarratti kan hundaa'edha jechuun rakkoo dhalate kanaaf caalaa WBO itti-gaafatamaa godheera.
Akka Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa kun jedhutti gareewwan Amaraas haaloo bahuudhaan namoota 60 ajjeesaniiru.
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n ammoo himannaa kana haaluun, "ummata nagaan ajjeesa osoo hin taane, milishoota hidhatanii ummata nagaatti dhufanan irraa ittisa," jedheera.
Taatee kanaan lakkoofsi namoota lubbuu dhabaniifi miidhamanii ifatti taa'uu baatus, namoonni ijaan argineerra jedhan BBCtti akka himanitti, yoo xiqqaate lubbuun namoota 150 darbeera.
Kaayyoon garee lameenii saboota lamaan waggoota dheeraaf nagaan waliin jiraataa turan walitti buusuudha kan jedhan Obbo Alamaayyoon, lubbuun namootaa darbuu himuun hedduunis gara aanolee ollaatti baqataniiru jedhan.
Jiraataan BBC'n dubbise tokko bakka Hagamsaa fi Haroo jedhamu gidduutti Kiiramuu dabalatee rakkoon nageenyaa jiraachuu hima.
Amaaraa fi Oromoo gidduu wal dhabdeen ture jira ture. Saba Amaaraa irraas achumatti dhalatanii waggaa dheeraa kan jiraatan jiru. ''Sababa wal dhabdee tureen ijoollee fi dubartoota naannoo Amaaraatti galchanii booda hidhatanii dhufanii jiraattota naannichaa Oromoo tahan irratti dhukaasa banan,'' jedhe.
Maatiin isaas naannichaa baqatanii jiru kan jedhu dhalataan naannichaa, ofiis naannicha akka hin jirre himee maatii achitti hafan irraa dhukaasni dhagahamaa akka ture hime.
Jiraataan biraa saba Amaaraa irraa tahe BBC'n dubbise Wallagga bahaa aanaa Kiiramuutti dhalatee guddachuu hima.
''Obboleessi abbaa koofi obboleettiin haadha koo maatii isaanii guutuu waliin du'aniiru. Maatiin koo garuu hafaniiru.
Naannoo sana humni shororkeessaa ABO Shanee jira, akkasumas humnooti addaas jiru ture, isaaniis aarsaa kaffalaa turan garuu meeshaa fi humnaan ijaa wal-hin gitneef shira garaagaraan akka bahan godhame,'' jedhe.
Jiraataan kun itti dabaluun humni addaa akka har'aa bahee borumtaasaa warri hidhattootaa ''finxaaleyyii'' gaafa Hagayya 12, 2013 dhufan jedhe.
''Namooti nagaa gajaraadhaan du'an jiru, qabeenyis barbadaa'eera, hanga yoonaa reeffi 150 tahu awwaalameera.''
Jiraataan BBCn dubbise akka jedhanitti, namni hedduu bakkuma jirutti meeshaa hidhatee socho'aa ture jedha.
''Dhalataan Amaaraa naannoo hidhatee jirutti namni baayyee lubbuu olfachuu danda'eera, iddoo hidhannoon muraasa turetti garuu warri Shanee itti marsan, nuti immoo akka carraa lafa hawaasni hidhatee jiru otoo waraanaa jiruu gatii turreef baqannee baane.''
Bulchaan Godina Wallagga bahaa Obbo Alamaayyoo Tasfaa haleellaa kanaaf sababa kan tahe garee finxaaleyyii gama Oromoonis gama Amaaraanis jiran jedhan.
Gama Oromoon WBO kan mootummaan ''ABO Shanee'' jedhuu fi dhiyeenya shororkeessummaan farrajan himatu. Gama saba Amaaraanis finxaaleyyiin hidhatanii socho'an saboota lamaan walitti buusuuf hojjechaa ture jira jedhan.
''Uummata Amaaraa fi Oromoo waggaa dheeraaf nagaan wal faana jiraachaa turan akka walitti bu'an godhan. Abbummaan ABO Shanee fi hidhattoota gama Amaaraan jirantu dhukaasa bane. Oromoo irraas Amaara irraas namni du'e jira. Namootni baay'eenis buqqa'aniiru, qabeenyi saamameera'' jedhan.
Waliigalaan lubbuu nama darbee fi qabeenya manca'e adda baasaa jiraachuu himan. Lakkoofsi namoota du'anii hanga ammaatti hin baramne jedhan.
Obbo Alamaayyoon hidhattootni haleellaa dhaqqabsiisuu himanii, wal dhabdeen uummata lamaan gidduutti uumamuus akeekaniiru.
Uummata qe'ee isaa irraa buqqa'e gara qe'ee isaatti deebisuuf caasaaleen mootummaa godinichaa hojjechaa akka jiranii fi uummata waliinis marii irra akka jiran himan.
Haalichi amma tasgabbaa'uus himaniiru.
Dubbii himaan WBO Odaa Tarbii ibsa karaa fuula Tiwiiterii isaa maxxanseen, godina Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuu fi godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti kan argamu aanaa Amuruu keessatti WBO humna waraanaa federaalaa fi milishaa naanoo Amaaraa irraa bobbafame waliin lola gaggeessaa turuu hime.
Odaa Tarbii ''humni waraanaa mootummaa dirree lolaa irratti mo'ame manneen jireenyaa namoota nagaa 100 olii gubuun namoota nagaa bakka Ukkee Qarsaatti ajjeesaniiru,'' jedhe.
Kaabni Wallagga Bahaa to'annoo WBO jala jiraachuus hime.
Bulchaan godina Wallagga Bahaa Obbo Alamaayyoo Tasfaa hidhattoota kanneen uummata waliin tahuun balleessuuf hojjetamaa jira jedhan. Godina isaanii jala bakki humnoota WBO to'annoo jala oole akka hin jirre himanii, gammoojjii Kiiramuu fi Bureetti ceesisu gidduu akka socho'an himan.
Daandii guddaan Wallagga Bahaa irraan naannoo Amaaraa Buree wal qunnamsiisu eegumsi godhamee uummatni socho'aa jira jedhan.
Miidiyaa hawaasaa irratti humni addaa naannoo Amaaraa daangaa ce'uun jiraattota naannoo Oromiyaa irra miidhaa gahu oduun jedhus dhagahamaa ture.
Obbo Alamaayyoon kun sadarkaa oduutti miidiyaa hawaasaa irra kan jiru malee qabatamaatti humni naannoo biraa dhufee argame hin jiru jedhan. Qoratanii yoo jiraates kan adda baasan tahuu himan.
Godinaalee Wallaggaa keessatti haleellaan saba irratti xiyyeeffatee lubbuu namootaa galaafate irra deddebiin dhaqqabeera.
Godinaalee Wallaggaa arfan keessa humni WBO kan mootummaan ''ABO Shanee'' jedhuun bal'inaan akka socho'u himama. Tibbanas godinaalee kanneen irraa bakka baay'eetti tajaajilli interneetii adda citee jira.















