Godina Wallagga Bahaa magaalaa Harootti haleellaa raawwateen yoo xiqqaate namoonni 15 ajjeefaman

Danaa bakka itti argama Kiramuu agarsiisu

Sanbata darbe ALI Fulbaana 30, bara 2014 Godina Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuu magaalaa Harootti haleellaa banameen lammiileen nagaa hedduun yoo ajjeefaman, kanneen kumaan lakkaahaman ammoo qe'ee isaaniirraa buqqa'uu jiraattotniifi aanga'oonni himan.

Haleellaa magaalaa Harootti qaqqabe kanaan lubbuun namoota 15 darbuu Mootummaan Naannoo Oromiyaa ibseera.

Hogganaan Biiroo dhimmoota kominikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa BBC'tti akka himanitti haleellaan Harootti mudate gocha ergamtoonni TPLF raawwatanidha jedhu.

Jiraattotni BBC'n dubbise gama isaaniin haleellaa kanaan lakkoofsi namoota du'anii kan mootumman ibsameen ol akka ta'u dubbatu.

Jiraataan magaalaa Haroo Obbo Firaa'ol Fayyisaa BBC'tti yoo himan yeroo magaalichaa baqatanitti reeffa namoota 29 ija isaanitiin akka arganii lakkaahani himan.

Haaleellaan kun hidhattoota naannoo Amaaraa irraa dhufaniin raawwatame jedhu.

Faallaa kanaan dhalattootni Amaaraa naannicha jiraatan ammoo hidhattootni 'ABO-Shanee' haleellaa sabummaarratti xiyyeefate raawwachuu sabaa himaan naannoo Amaaraa, Amaaraa Miidiyaa Koorporeeshin, gabaaseera.

''Aanaa Kiiramuu keessatti gareen shorokeessaa ABO-Shanee haleellaa sabummaarratti xiyyeefate raawwateen, Amaara irratti miidhaa geessisaa jira'' jechuun jiraattota naannichaa waabeffachuun gabaase.

Jirattotni naannichaa dubbise, ''ALI haleellaa Fulbaana 30 irraa jalqabee itti fufeen namootni nagaa ajjeefamuu, buqqa'uufi qabeenyi isaanii saamamuu himaniiru'' jedha.

Jiraataan magaalaa Haroo Obbo Firaa'ol yoo BBC'tti dubbatan haala kamiin haleellichi akka raawwate ibsaniiru.

"Sanbata xiqqaa lola hamaatu nurratti baname. Qabeenya kan Oromoo ta'e saamanii makiinaadhaan fe'achaa turan. Kilaashii fidi jedhu. Lafti kuni hanga bishaan Hangaritti kan keenya jedhu.

Mana tokko keessaa nama sagal faa kan ajjeefametu jira. Isa kaan mana itti qollofanii biraa deemani," jedhan.

Sodaa qaburraa dursee naannichaa baheen jiraachaa ture kan jedhan jiraataan kun, lolli magaalichatti jalqabnaan haadha warraa isaanii guyyaa tokkoon dura deesse jedhan qabatanii bosona keessa guyyaa lama bulanii miliquu dubbatan.

''Haleellaa kanaan namoota ajjeefaman ammoo karaa miidiyaa isaaniitiin agarsiisuudhaan Oromootu akkana godhe jechuun deebisanii numa maqaa balleessu,'' jedhan jiraataan kun.

'Kan ajjeefaman garri caalu maanguddoof daa'immani'

Namootni balaa achitti ka'e kanaan du'an garri caalaan mana keessatti gajaraadhaan akka ajjeefaman obbo Firaa'ol himaniiru.

"Lolli suni kaanaan namni humna qabu jalaa baqate. Baay'inaan maanguddoonnii fi ijoolleen mana keessatti hafani kan gajaraadhaan qalaman. Eessummoonni kiyya akkanatti ajjeefaman. Haalli ajjeechaa ture sukanneessaadha," jedhan.

Lola kana baqatanii kan bahan jiraataan biraa Asaffaa Ayyaanaa jedhamanis, haleellaan Harootti gahe sabummaa irratti kan xiyyeeffatee fi Oromoota magaalattii keessaa baasuu kan kaayyeffate fakkaata jechuun dubbatan.

"Haallii amma magaalaa Haroo jiru jibbisiisaadha. Oromoon sodaatee amma achii bahaa jira. Hidhattoonni Amaaraa ammoo karaa barbaadan seenanii waan jiru saamanii gara bakka Baagin jedhamtutti deemu," jedhan.

Magaalaa Harootti haleellaan saboota lamaan gidduutti dhalate kuni marsaa lammaffaadha kan jedhan jiraataan kuni bara 1989 rakkoon walfakkaataan mudatee turuus yaadatu.

Rakkoo nageenyaa naannawa sanitti irra deddeebiin uumamuun daandii guddaan Naqamteedhaa Buree geessu erga cufamee Ji'a shan caaleera jedhu jiraattonni.

"Daandiin Naqamtee fi Buree walqunnamsiisu cufaniiru. Agamsarraa Haroo kan walqunnamsiisus cufameera. Asirraa Naqamtee deemuunis rakkisaadha. Qaama rakkoo kana nuuf furu hin arganne," jedhan obbo Asaffaan.

Haleellaa Sanbata darbe Harootti qaqqabe kanaan jiraattonni hedduun gara Kiiramuu, Giddaa fi Naqamteetti magaalattii dhiisanii baqachuu himu jiraattonni.

Namootni miilaan baqatanii Kiiramuu qubatanis gargaarsi isaan waan hin qaqqabneef rakkoo keessa jiraachuu BBC'tti himaniiru.

'Rakkoon Harootti mudate ergama TPLF malee lola sabaa fi sabaa miti'

Hoogganaan Kominikeeshinii Naannoo Oromiyaa dhiyeenya muudaman obbo Haayiluu Addunyaa rakkoo kana duuba kan jiru ''ergama TPLF'' jedhan.

"Rakkoon Harootti gahe rakkoo humni Shanee fi humni finxaalessaa uumaniini. Humni shororkeessaa Shanee naannicha keessa socho'u ergama TPLF irraa fudhate galmaan gahuuf saba lamaan walitti buusuun bu'aa siyaasaa keessa argachuuf sochii taasiseen kan walqabatudha," jedhan.

Naaannichatti humni finxaalessaa hidhatee fi Shanee wajjin walsimee ajandaa Oromoo fi Amaara walitti buusuu hojjetu jira jedhan obbo Haayiluun.

Haleellaan gahe saba lamaan walitti buusuu kan kaayyefatedha kan jedhan obbo Hayiluun Lubbuun lammiilee nagaa 15 ajjeefamuu fi yeroo ammaa humni nageenyaa bakkicha qaqqabee tasgabbeessaa jiraachuus eeran.

''Naanoo sana jeequun Oromoo fi Amaara walitti buusuuf kan hojjetu Shanee fi humnoota Finxaaleyyiiti malee rakkoon Harootti gahe lola sabaa fi sabaa miti'' jedhan.

Daandiin Naqamtee fi Buree walqunnamsiisu yeroo adda addaatti tarkaanfii shororkeessitootaan kan gufatu jira malee daandichi guutumatti hin cufamnes jedhan angaa'an kun.