Godina Shawaa Bahaatti bulchaan Aanaa Dugdaa rasaasaan ajjeefamuu poolisiin hime

Godina Shawaa Bahaatti Bulchaan Aanaa Dugdaa Obbo Lataa Fiixee Kibxata kaleessaa galgala gara mana isaanii galaa osoo jiranii qaama hin beekamneen rasaasaan ajjeefamuu isaanii poolisiin BBCtti himeera.
Ajajaan poolisii Magaalaa Maqii Ismaa'el Abaadir bulchaan aanaa kun galgala rasaasan ajjeefamuu mirkaneessanis, dhimmichi qorannaarra waan jiruuf odeefannoo bal'aa ammatti hin kenninu jedhan.
Fuulli Facebook Komunikeeshinii Aanaa Dugdaa taatee kana hordofee barreeffama maxxanseen, bulchaan kun ''kabaja ayyaana daawwii dirree maasii qonnaan bulaa gaggeessaa oolanii galgala naannoo sa'aatii 2:30tti gara mana isaanitti osoo galaa jiranuu qaama hin beekamneen rasaasaan dhahamanii ajjeefaman,'' jechuun barreesseera.
Komunikeeshiniin Godinichaa gamasaatiin: ''Obbo Lataan hanga lubbuun jirutti misoomni ariifachiisaan, nageenyi amansiisaafi jijjiiramni hawaasummaa akka dhufu gumaachaniiru," jedheera.
Obboo Lataa Fiixee guyyaa kaleessaa daawwannaa ayyaana qonnaan bultootaa jedhamuun qophaa'erratti akka hirmaatan Komunikeeshiniin aanichaa ni hima.
Sagantaa daawwannaa kanarrattis bulchaan kun argamuun ergaa qonnaan bultootaaf dabarsaniin: ''Aanichatti boonaafi ganna oomishuun akka danda'amu qonnaan bulaan keenya hubatee, qophii oomisha qamadii jallisii boneetiif ammumarraa of qopheessuu qaba,'' jechuun dubbachuusaanii gabaaseera.
Ajjeechaa kana hordofee namni shakkameefi to'atame yoo jiraate jennee ajajaa poolisii magaalaa Maqii gaafannus, qorannoon yeroo xumuramu ibsina jechuun deebisan.
Oromiyaa keessatti aanga'oonni mootummaa 'qaama hin beekamne' jedhamuun rasaasaan ajjeeffamuun kun kan jalqabaa miti.
Haaluma walfakkaatuun bitootessa 17, 2021 godina Arsii Lixaatti bulchaan aanaa Heeban Arsii Obbo Bariisoo Buliyyee 'namoota hin beekamnen' ajjeefamuun isaanii ni yaadatama.
Yeroosis bulchaa aanaa Heeban kun 'rasaasaan' balbala mana isaaniitti dhahamanii akka ajjeefaman kan himame yoo ta'u, abbaan ajjeechaa sana raawwate ifatti hin baramne jedhame.
Ji'oota muraasa duras Godina Shawaa Kaabaatti Itti-gaafatamaan waajjira dhimma hojjetaa i hawaasummaa aanaa Kuyyuu Taaddasaa Abbabaa jedhaman kanneen qawwee hidhataniin dhawamanii ajjeefamuu wayita sana gabaafamee ture.
Ajjeechaa amma raawwate kana duuba qaamni kam akka jiru ifatti waanti himame jiraachuu baatus, ajjeechaa Godinaalee Oromiyaa garagaraa - keessattuu Godinaalee Wallagga Lixaafi Qeellam Wallaggaa keessatti qondaaltota mootummaa irratti xiyyeeffate irra deddeebiin raawwatamuuf, mootummaan Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan Shanee jedhuun himata.













