Bulchaan Godina Arsii Lixaa Aanaa Heeban Arsii Obbo Bariisoo Bulliyyee akkamiin ajjeefaman?

Bulchaa Aanaa Heeban Arsii dhihoo ajjeefamn

Madda suuraa, Social Media

Guyyaa dheengaddaa, Roobii 17,03,2021, Godina Arsii Lixaatti bulchaan Aanaa Heeban Arsii 'namoota hin beekamnen' ajjeefaman.

Aanaa kana torban darbe Ministirri Muummee Abiy Ahimad qondaaltota federaalaa fi naannoo waliin ta'uun oomisha qamadii bona keessa oomishamuun 'modeela' jedhamte daawwatanii turan.

Yeroosis, bulchaa aanichaa dhihoo ajjeechaa irratti raawwatameen lubbuu dhaban arganii dubbisuufi 'galata galchuu' isaanii Itti gaafatamaan Kominikeeshinii aanichaa BBC'tti himaniiru.

Akka qondaala aanichaa Obbo Siraaj Aabbe Kadir jedhanitti Obbo Bariisoon 'rasaasaan' balbala mana isaaniitti dhahamanii ajjeefaman.

Odeeffannoo hanga ammaa jiruun abbaan ajjeechaa kana raawwate ifatti hin baramne.

Ajjeechaan qondaaltota mootummaarratti xiyyeeffate waggoota muraasa darban irra deddeebbiin Oromiyaa keessa mudachaa ture.

Akkamiin ajjeefaman?

Akka Obbo Siraaj jedhanitti guyyaa ajjeechaan raawwate, A.L.I Bitootessa 08, 2013, magaalaa Shaashamannee walgahii oolanii gara magaalaa Nageellee Arsiitti deebi'ani.

Bakki ajjeechaan itti raawwates naannoo mana jireenyaa isaaniittidha.

Yeroos ''Nama waliin deemaa hin turre'' kan jedhan obbo Siraaj namoota waliin oolanitti nagaa dhaammatanii osoo manatti galaniiti ajjeechaan kan irratti raawwate jedhan.

''Magaalaa Shaashamannee walgahii guddaa ture. Walgahii oolanii gara maatii isaaniitti miilaan osoo imalaa jiranii qaama hin beekamneenan,'' jedhan.

''Daa'imman isaatiif ammoo muuza bituudhaan harkatti qabatee gara mana jireenyaa isaa deemaa ture.Dallaa mana jireenyaa isaa jalatti gochi kuni kan irratti raawwatame.''

''Dhokatanii meeshaadhaan dhahani. Lubbuun isaanii akkasitti darbuu danda'ee jira,'' jechuun BBC'tti himan.

Haa ta'u malee ammatti ajjeechaa isaaniif ''ka'umsi tilmaamamu hin jiru'' jedhan qondaalli isaan waliin dalagaa turan kuni.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Obbo Bariisoo Bulliyyee Adoolessa bara 2012 hanga guyyaa ajjeefamaniitti bulchaa aanaa Heeban Arsii turan.

Sana dura sadarkaa aanaa fi Godinaatti magaalota kanneen akka Shaashamannee, Aanaa Shaallaa dabalatee hoggansa gara garaarra magaalota garaa garaatti tajaajilaniiru.

''Waggaa kudhaniif hooggansummaan tajaajilaniiru. Muuxannoo guddaa nama qabanidha. Akkasumas nama ummata birattillee jaallatamuufi dinqisiifamu'' jechuun isaan ibsu Obbo Siraaj.

Obbo Bariisoon abbaa ijoollee sadii ta'uu kan himan Obbo Siraaj yeroo ajjeechaan raawwate rakkoon nageenyaa aanicha keessa hin turre jedhan.