Nageenya Oromiyaa: Qondaaltota mootummaa Lixa Oromiyaatti eenyutu ajjeesaa jira?

Madda suuraa, Russian Federal Security Service
Haleellaan addatti qaamoota nageenyaa fi aanga'oota mootummaa irratti Godinaalee garaa garaa Lixa Oromiyaa jiranirratti raawwachuu erga eegalee bubbuleera.
Ajjeechaan akkanaa guyyaa saafaa, marfata magaalaa gubbaatti, ykn daandii guddaa namootni hedduun wal keessa yaa'an irrattillee ni raawwata.
Torban darbe gaafa Jimaataa qondaaltonni mootummaa afur dhihoo magaalaa Najjootti yeroo ajjeefaman isa dura immoo torban Dilbata darbe poolisii hawaasaa tokko magaalaa Naqamteetti ajjeefameera.
Poolisiin magaalichaa akka jedhetti osoo inni daandii cinaa taa'ee kophee qulqulleesifachaa jiruuti rukutamee kan ajjeefame.
Waajjirri poolisii magaalichaa ajjeechaa kanaaf qaamni to'atame akka hin jirre BBC'tti himeera. Ajjechaan akkanaa garuu haaraa miti.
Magaalaa Naqamtee keessatti ji'a Bitootessaa keessa hogganaan duraanii Dhimma Bulchiinsaa fi Nageenyaa magaalichaa Obbo Tashoomaa Gannatii mana isaanii fuulduratti daandii irra osoo dhaabatanii rasaasaan rukutamuun ajjeefamani ture.
Ajjeechaa isaanii kanaan qaama to'atames tahe seeratti dhiyeesse poolisiin ifa hin taasisne. Dabalataan magaalichatti ji'a Sadaasaa darbe qorataa yakkaa magaalichaa kan tahan Komaandar Caalaa Dagaagaa ajjeefamaniiru.
Yuunvarsiitii Wallaggaatti hoggansa ol aanaa irra kan turan Obbo Darajjee Olaanaas akkasuma rasaasaan daandii irratti rukutamuun ajjeefamaniiru.
Dabalataan barnoota PhD isaa yuunvarsiitii Wallaggaatti xumuraa kan ture Hogganaan Itiyoo Telekoom Zoonii Lixaa Gammachiis Taaddasaas bifuma wal fakkaatuun mana isaa fuuladuratti rasaasaan ajjeefamuu maatii fi poolisiin magaaliitti BBC'tti himanii ture.
Kanneen eeraman qondaalota mootummaa keessaa haa tahan malee magaalittiitti namootni hojii garaagaraa irratti bobba'an kaanis ajjeefamaniiru.
Ajjeechaan wal fakkaataan akkasii magaalaa Dambi Doolloo, Gimbii, Shaambuufi magaalota aanaa kaan keessattis bifuma wal fakkaatuun raawwatamaa tureera.
Haa tahu malee, battala ajjeechaan raawwatutti qaama akkasiitu raawwate ykn yakkamaan to'atamee seeratti dhiyaateera yeroo jedhamu hin dhagahamu.
Ajjeechaan rasaasaan guyyaa bakka namootni hedduun jiranitti raawwatu akkamiin icciitii tahee hafuu danda'a? Gaaffii qondaalota mootummaaf dhiyeessinedha.
''Ajjeechaan akkasii safuu keenya keessaa kan bahedha''
Bakka ajjeechaan kun irra deddeebiin dhagahamu magaalaa Naqamtee yoo taatu Kantiibaan magaalittii Obbo Barisoo ajjeechaan akkasii safuu ummata keenyaallee kan cabsedha jedhan.
Magaalittii keessatti ajjeechaan akkasii irra deddeebiin raawwachuun invastaroonni bakka sana akka hin dhufne akka godhu amanu. Bakkichis akka hin misoomne gufuu akka ta'u himu.
Yeroo ammaa 'seer-maleessummaan ['anarchy]' akka malee dabaleera,' jechuun ibsu Obbo Barisoon.
Haa tahu malee, ajjeechaan raawwatu sababa siyaasa tahuufi dhimma dhuunfaan tahuu adda baasanii himuuf nama rakkisa jechuun himu.
Abbaa Torbee … hanga Sonsaa…
Lixa Oromiyaa godinaalee Wallaggaa keessa loltootni duraanii ABO kanneen waamicha araaraa jaarsolii biyyaa fi abbootii Gadaa irraa hafan hidhatanii socho'u. Waraana mootummaa waliinis akka walitti bu'an himama.
Haa tahu malee, humni magaala keessatti qondaaltota mootummaa irratti tarkaanfii ajjeechaa fudhatu kun eenyu?
Qaamni gochaa kana raawwatu akkamiinis beekamuu fi to'atamuu dadhabe kan jedhu hubachuuf Itti Gaafatamaa Biiroo Dhimma Bulchiinsaa fi Nageenyaa Naannoo Oromiyaa Obbo Jibril Mahaammad gaafanneerra.
Obbo Jibril humni riphee lolaa lixa Oromiyaa keessa socho'u ''damee hidhatee bosona socho'uu fi kan magaala keessaa shororkeessu qaba'' jedhan.
Qaamni magaala keessa socho'u ajaja fudhachuun nama abalu jedhamu ajjeesneerra jechuun miidiyaalee hawwaasaa irratti maxxansaa oola waan taheef ofumaa ragaa of irratti bahu jedhan Obbo Jibril.
Isaanis maqaa Abbaa Torbee, Sonsaa fi maqoota biroo walumatti gara shanii tahaniin beekamu jedhan. Isaan ajaja kan fudhatan ajajaa waraana hidhatee bosona jiru Marroo Dirribaa irraati jedhan.
Ammaaf maqoota kaan ibsuun hin barbaachisu kan jedhan Obbo Jibriil, ''Abbaa Torbee jechuun damee shororkeessaa magaalaa waraana shanee bosona jiruuti'' jechuun himan.
Kanaafis ajjeechaa qondaalota mootummaa Godinaalee Wallaggaa bakka garaagaraatti raawwataniif itti gaafatamummaa fudhatu jedhan.
'Qaama haleellaa raawwatu irratti leenjii addaa hin agarre'
Qaamni haleellaa magaala keessatti raawwatu yeroo baay'ee hin mul'atu ykn salphaatti yeroo to'ataman hin dhagahamu.
Rasaasa dhukaasanii erga ajjeesanii akkamiin to'atamuu dhaban kan jedhuuf Obbo Jibril yeroo hundumaa balleesanii deemu jechuu miti jedhan.
Abbaa Torbee kanneen jedhaman badii geessisuuf osoo qophaa'aniis to'atamaa turan waan taheef meeshaa isaaniis argineerra jedhan.
Kanaaf meeshaa addaa fayyadaman hin qaban jedhanii garuu tooftaan fayyadaman miliquuf haala mijeeffachuu isaaniiti jedhan.
Namni qiyyeeffannaa keessa galu hojiif yeroo deemu ykn hojii irraa yeroo bahu waan taheef kana irraa of eeguuf qophaa'aa hin tahu jedhu.
Qaamni haleellicha raawwatu ammoo bakka miliquuf mijatuufi salphaatti rukutuu danda'u waan qabataniif gochaa akkasii raawwataa turan jedhan.
Haa tahu malee, ammaaf lakkoofsa isaa ibsuu hin barbaachisu malee namoota hedduu to'annee jirra, meeshaa isaanii waliin jedhan Obbo Jibril Mohaammad.
Kanaanis leenjii addaas tahe meeshaa adda tahe fayyadaman irratti hin argine jedhan.
''Namni caasaa nageenyaa keessa galu 50% murteessee itti gala''
Obbo Jibiril 'gochaan shororkeesitootaa' namoota aangeffamanii uummata tajaajilan irratti tarkaanfii fudhachuudha jedhan.
Kun ammoo hawwaasa abdii kutachiisuufi mootummaan akka jilbeenfatu gochuuf kana raawwatu dha. Namoota caasaa nageenyaa keessa jiraniif ammoo haaraa miti jedhu.
''Namni caasaa nageenyaa keessa galu %50 murteessee gala. Kaayyoo isaa isa qofatu fiixaan baasa miti. Hamma danda'e irraa dalagee nama biraan ammoo kan fiixaan bahu tahuu danda'a.''
Yeroo ammaa kana haleellaan caasaa nageenyaa irratti gaggeefamu xiqqaatera kan jedhan Obbo Jibril caasaan mootummaas aanaalee Wallagga Lixaa naannoo qaamni hidhatee haalaan socho'aa turetti irra deebiin ijaarameera jedhan.
Amma qaama shororkeessaa magaala keessa socho'u kana balleessuu kan dandeenyu madda isaa balleessudhani kan jedhan Obbo Jibril humna nageenyaan qofa osoo hin taane sammuu namaa irratti hojjechuuni jechuun ibsu.
Kunis akka jalqabe himanii madda galii isaas balleessuudha jedhan. Sadarkaa Aanaatti qofa osoo hin taane sadarkaa gandaatti caasaan nageenyaa tajaajila kennaa jira kan jedhan Obbo Jibril sodaadhaanis baqatee hin bahu jedhan.
Du'uus danda'a tajaajila kana keessatti jechuun himu.
Wal dhabdee dhuunfaaf maqaa Abbaa Torbeen wal ajjeesisu...
Namootni hoggansa irra hin jirre biroos tasa yeroo ajjeefaman ni dhagahama. Kun keesumattuu magaalaa Naqamtee keessatti bal'inaan dhagahamaa ture.
Aanolee Wallagga Lixaa bakka garaagaraattis akkasuma namootni nagaan ni ajjeefamu.
Jibba dhuunfaaf jecha namoota hoggansa keessa jiraatanis tahe namootni kaan maqaa kanaan wal irratti nama bitu oduu jedhu Obbo Jibril qaamni kun kallattiin ajajaja fudhachuun lubbuu namaa kan balleessan Marroo irraati jedhan.
''Daldaaltota tahanii namootni jara kana waliin hojjetan jiru. Caasaa mootummaa keessas namootni humnoota kanneen waliin hojjetan jiru. Isaan immoo odeeffannoo adda addaa kennu waan taheef kan manaa baheef yoo dhabu nama gara biraa balleessuu danda'a.''
Haa tahu malee, kun lakkoofsaan xiqqaadha jedhu Obbo Jibril. Qaamni qorannoo gaggeessuufi qaamni tarkaanfii fudhatu garaagara jedhan Obbo Jibril Mahaammad.
Waggoota sadii darban keessa maqaa 'Abbaa Torbee' jedhuun maqaan namootaa tarree galuun maxxanfamee ajjeechaan raawwachuu kan jalqabe magaalaa Dambi Doolloo keessatti ture. Irra caalaan isaas bal'inaan achii dhagahamaa ture.
Ajjeechaa raawwatamaniif mootummaan hidhattoota himatus dhaabni ABO's ta'e hidhattoonni dur dhaabciha jala turaniifi amma qofaa sosso'an garuu himannaa akkanaa ni balaaleeffatu.
Tibbana mootummaan akka ibsetti bakkeewwan hidhattoonni sosso'an kanatti turtii waggaa tokko ol keessatti namoonni 770 du'anii yeroo argaman, kanneen 1,344 ammoo miidhamaniiru.
Dabalataan, 72 kan ta'an hidhattootaan ukkaamfamaniiru jechuun ibsuun isaa ni yaadatama.
Gareen mirga namoomaa Aminastii Intarnaashinaal badii hidhattootaan raawwatuuf mootummaan akka qoratu yaada dhiheessuun isaa ni yaadatama.
Dhaabbati garee mirga namoomaa Humaan Raayitis Waach jedhamus kana dura himannaa hidhattoota irratti dhihaatu akka quba qabu BBC'f ibsuun isaa ni yaadatama.















