Qondaalli mootummaa Benishaangul 'hidhattootaan' ajjeefaman

Obbo Abdullaahi Sojaar

Madda suuraa, Beles Media

Minseensi mana mareefi walitti qabaan koree dhaabbii damee diinagdee Naannoo Benishaangul Gumuz har'a (Kamisa) ganama dhimma hojiitiif Asoosaarraa gara Naqamtee osoo imalaa jiranuu humnoota hidhataniin ajjeefamuu Itti-gaafatamaan Dhimmoota Kominikeeshinii Naannichaa BBC'tti himan.

Qondaalli mootummaa ajjeefaman kun Obbo Abdullaahi Soojaar akka jedhaman Ittigaafatamaa Waajjira Dhimmoota Kominikeshinii Naannoo Beneshaangul Gumuz Obbo Mallasaa Bayyanaa mirkaneessaniiru.

Haleellaan ajjeechaa kunis ganama keessaa naannoo sa'aatii 1:30 irratti raawwatamuu kan himan, Itti-gaafatamaan kun, iddoonsaa akkuma laga Daabbuus cee'ameen bakka Beenguwaa jedhamuutti jedhaniiru.

Qondaala ajjeefamaniin alattis dubartiifi dhiira konkolaataa keessa turan kan biraa irras miidhaan qaqqabusaa kan himan Obbo Mallasaan, isaaniis ammaaf wal'aansa argataa jiraachuusaanii himan.

Kana malees dhiheenya kana Itti-gaafatamaan poolisii tokkoos hidhattootaan ajjeefamuu isaanii ibsanii, daandii sanarra waggoota darbaniif sodaan olaanaa akka ture dubbatu.

"Gochii amma raawwatame kunis kan ummattoota naannoolee lamaanii bakka hin buneedha.

Naannolee Oromiyaafi Benishaangul hojii nageenyaafi misoomaa waliin eegalan cimsanii itti fufuu,'' jechuunis fuula koominikeeshinii naannichaarratti ergaa dhaamaniiru jedhan Obbo Mallasaan.

Gama Lixa Oromiyaa bakka garaa garaatti waggaa tokko darbe keessa ajjeechaa aangawoota mootummaa irratti xiyyeeffachuun raawwatan yeroo garaa garaatti gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.