Benishaangul Gumuzitti namootni rasaasaan ajjeefaman

Waajjira komunikeshinii benshaangul Gumuz

Madda suuraa, Facebook

Naannoo Beenishaangul Gumuz aanaa Daangur jedhamutti dhukaasa hidhattootni bananiin namoonni shan ajjeefaman.

"Namootni shan hidhattoota dhagaadhaan daandii cufanii dhukaasa bananin ajjeefaman" jedhu jiraataan aanaa Daangur BBCf yaada isaanii kennan.

Namootni sagal dhalootaan naannoo Amaaraa kan ta'an Sanbata xiqqaa gara galgalaa konkolaataadhaan ganda Qotaa jedhamuurraa meeshaa fe'atanii imalaa osoo jiranuu dhukaasni itti banamuusaa kan himan jiraataan maqaan isaanii akka hin himamne gaafatan kun namootni shan battalumatti yeroo du'an afur madaa'uu isaanii dubbatan.

Reefi namoota kunneennii gara naannoo Amaaraa deemuu qaba fi asumatti awwaallamuu qaba yaada jedhun waldhabdeen hawaasa fi raayyaa ittisa biyyaa gidduutti kaleessa uummamuusaa kan himan immoo, aanaa Daanguritti jiraataan magaala Maambuk inni biraan namootni biroon afur miidhamuu isaanii himu.

"Magaala Maambuk iddoo 'Balas quxir hulat' jedhamutti jalqaba hawaasni miseensota raayyaa ittisa biyyaa irratti dhagaa darbachuu eegalan.

Miseensotni raayyaa ittisa biyyaas dhukaasa bananii namoota afur madeessan" jechuun jiraataan BBCti himan.

Madoolin kunis achuma godina Matakkal gara hospitaala Paawwiitti ergamuu isaanii jiraataan kun dubbatu.

Miidiyaan mootummaa naannoo Amaaraa 'AMMA' gorsaa dhimma diinagdee pireezidaantii naannichaa kan ta'an Obbo Ayyanaw Balaay irraa odeeffadheera jechuun akka gabaasetti, ajjeechaan kun qaamolee saamicha irratti bobba'aniin raawwatame jedha.

Kana malees walitti bu'iinsa hawaasa fi miseensota raayyaa ittisa biyyaa RIB gidduutti uummameen, namni tokko ajjeefamuusaa fi miseensootni RIB jaha madaahuu isaanii AMMAn gabaasera.

Gama biraatin aanaa Daangurif ollaa kan taate aanaa Maanduuraa keessattis haalli amansiisaan akka hin jirree fi namootni qe'ee isaaniiti buqqa'aa akka jiran jiraataan aanichaa BBC'tti himaniiru.

"Haalli jiru baay'ee sodaachisaa dha. Manni barumsaa cufaa dha. Dhaabbileen daldalaa fi tajaajilli geejibaa garuu hanga tokko hojjechaa jiru" jedhan.

Ajjeechaan namoota shan irratti raawwatame dhugaa ta'uu BBCti kan himan bulchaan Aanaa Daangur Obbo Kaasaahun Poolis, namootni jaha madaa'uu dubbatan.

Shakkamtoota ajjeechaa kana rawwatan to'achuun walqabates namootni lama qabamuu isaanii fi namootni biroo lama barbaaddamaa akka jiran himan.

Ka'umsi ajjeechaa kanaa waldhabdee konkolaachisaa fi imaltoota gidduutti eebla 17 bara 2011 uummamedha kan jedhan bulchaan aanaa Daangur Obbo Kaasaahun, ega guyyaa sanaatii as yeroo garaagaraatti namootni soddomatti siiqan ajjeefamuu fi kan biroo muraasni baduu himaniiru.