Namootni naannoo Benishaangul irraa buqqa'an nyaata gahaa argachaa hin jirru jedhan

Beenishaangul Gumuz

Deeggarsi midhaan nyaataa mootummaa irraa argannu gahaa waan hin taaneef darara guddaa keessa jirra jedhan namootni sababa rakkoo nageenyaatiin Naannoo Benishangulitti uumameen qe'ee isaanii irraa buqqa'an.

Rakkoo nageenyaa Naannoo Benishaangul Gumuzitti ji'a Fulbaanaa keessa uumameen sabni Oromoo fi Amaaraa godina Kamaashii keessa jiraataa turan kumaatamni qe'ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa'aniiru.

Buqqaatotni kuma 100 fi kuma 57 ol tahan godina Wallagga Bahaa aanolee akka Haroo Limmuu, Saasiggaa, Giddaa Ayyaanaa fi magaalaa Naqamtee keessa walumaa galaan kaampiiwwan 20 keessatti mootummaan deeggaramaa jiru.

Obbo Geetaachoo Kabbadaa maatiin isaanii namoota sagal akka tahan BBCtti himan.

''Mootummaa irraa gargaarsi ji'aan argannu lubbuu tokkotti daakuu Kg sadiidha'' jedhan Obbo Kabbadaan.

Qajeelfamni mootummaa nama tokkotti ji'aan Kg 15 kan jedhu yoo tahu Obbo Kabbadaan garuu namoota sagaliif deeggarsi ji'a tokko guutuuf fudhatan Kg 8-Kg 12 kan hin caalle akka tahe himan.

''Rakkina keessayyuu guyyaanis nuuf halkani, halkan silayyuu halkani'' jedhan.

Namootni biroon dubbisnes yaada wal fakkaataa nuuf kaasanii deeggarsi mootummaa irraa argatan gama tokkoon akka qajeelfamaatti nama tokkoof Kg 15 isaan dhaqqabaa akka hin jirre kaasanii gama biraan ammoo baay'ina maatii qabanii waliin lubbuu keenya tursiisuuf iyyuu nutti ulfaateera jedhan.

Obbo Kabbadaan karaa Waldaa Qaxxaamura Diimaa deeggarsa meeshaalee mana keessaa akka argatan himanii ijoolleen nurratti dhumuuf kaanaan firootatti gatii gadi bu'aan gurgurree kaan irraa immoo liqeeffanneeti kan jiraachaa turre malee jireenya tahee miti jedhan.

Itti Gaafatamaan Hoggansa Sodaa Balaa G/W/Bahaa Obbo Daargee Guddinaa dhaabbileen garaagaraa fi hawwasni naannichaas namoota qe'ee isaanii irraa buqqa'anii buufata yeroofii keessa jiraniif deeggarsa gochaa turan jedhan.

Mootummaan naannoo fi federaalaas waliin tahuun deeggarsa gochaa akka jiru himanii lakkoofsa uummataa waliin garuu gahaadha jechuun hin danda'amu jedhan.

Dhiyeessiin kunis baay'ina maatii irratti hundaa'ee nama tokkotti Kg 15tu ji'aan akka kennamaa jirutti beekna jedhani komii buqqattotni kaasan ''adeemsa rabsaa keessattimoo qaama dubbatutu dogogore kan jedhu qorannee adda baasuu dandeenya'' jedhan.

Barnoota addaan kutuu..

Nama sagal kan bulchan Obbo Kabbadaan ijoolleen isaanii sadii barnoota irra turan amma huccuu uffatanii deemanii fi kophee kaawwatan waan dhabaniif barumsa addaan kutanii akka jiran BBCtti himan.

''Qullaa tahanii, waan uffatan, waan nyaatan ,barruullee ittiin baratanii fi kophee dhabaniiti kan barumsa addaan kutan.''

Ijoolleen isaanii kunneen deeggarsaan kan argatan waan uffatanii bulan qofaadha jedhan.

Ijoollee Obbo Kabbadaan alattaii barattoota barnoota addaan kutanii jiran keessaa Qalbeessaan isa tokko.

Yeroo wal-dhabdeen eegalu barnoota kutaa 10ffaaf qophii irra kan turee fi sababa ajjeechaa tureef homaa osoo hin fudhatiin baqatee akka bahe himee amma miila qullaa uffata namoota irraa agateen akka jiraatu dubbata.

''Ragaa barnootaa keenyas of harkaa waan hin qabneef asiis nu fudhachuu hin barbaanne, kanaaf akka maraatuu callisne oliif gadi deemaa oolla'' jedhe.

Itti Gaafatamaan Ittisa Sodaa Balaa godinichaa Obbo Daargeen walumaagalaan sababa buqqaatii Kanaan barattootni kuma 35 tahan barnoota addaan kutanii akkasumatti akka jiran BBCtti himaniiru.

Gama mootummaanis dhaabbilee miti-mootummaa garaagaraa gaafachuun samisteera 2ffaatti ''mana oolanii gadduu fi yaadda'uu irra manuma barumsa illee akka oolaniif hojiin jalqabameeru jra'' jedhan.

Qabeenya Buqqaatotaa

Dirribaa Hinsarmuu jiraataa aanaa Haroo Limmuuti. Ji'a Fulbaanaa keessa obbolaan isaa afuriifi gayyaan isaa aanaa Yaasoo keessa jiraataa turan ''Gumuzootaan nu jalaa ajjeefaman'' jedhe.

Dabalataan Oomisha waggaa guutuu itti dadhabaa turanii fi saawwan 21 kan abbaa isaa guutummaatti akka dhaban himee har'a waan ittiin jiraatan dhabanii rakkoo keessa akka jiran dubbata.

Namni godina Kamashii keessaa baqatee jiru biraan dubbisne Obbo Galataan qabeenya isaanii guutuu akka dhaban himanii ''osoo deebinee deemnes lafa lafa jiruu fi yoo tole immoo qorqoorroo mana keenya irra ture yoo argannedha'' jedhan.

Saawwan namoota baqatanii akka jalaa fudhatamee fi qabeenyi isaanii kan akka boqqolloo baay'inaan gubachuu himan.

Godina Wallagga Bahaa keessaa daangaa Oromiyaa keessa dabalatee namootni qe'ee irraa buqqa'an kuma 60 ture jedhan Obbo Sabargaa Hirpaa Itti Gaafatamaan Waajjira Komunikeeshinii G/W/Bahaa.

Boqqoolloon aanaa Haroo Limmuu keessaa gubate hektaara 1700 ol tahuus BBCtti himaniiru.

Obbo Daargeenis kanuma mirkaneessanii aanolee hunda keessatti qabeenyi manca'ee jiru karaa waajjira Qonnaa ragaan funaanameera jedhan.

Haa tahu malee buqqattotni dubbisne hundinuu abdii deebi'anii qabeenya isaanii argachuu akka hin qabne BBCtti himaniiru.

Daangaa Oromiyaa keessaa raayyaan ittisa biyyaa eegumsa gochuun boqoolloon gubannaa fi badinsa irraa oole muraasni akka walitti qabamaa jirus Obbo Saabargaan BBCtti himaniiru.

Haa tahu malee kunis kan tahaa jiru waan xiqqoo gargaarsa tahuu dandeessu halkan sa'a 6:00-9:00 gidduutti dhokachuuni namootni tokko tokko kan dhaqanii boqqolloo cabsanii harreetti fe'anii galan jedhan buqqatotni dubbisne.

Dhiyeenya kana MM Abiy Ahimed biyyittii keessaa namootni qe'ee isaanii irraa buqqa'anii turan 90% ol gara irraa buqqa'aniitti deebi'aniiru jedhanii ture.

Haa tahu malee namootni Naannoo Benishangul Gumuz godina Kamaashii fi daangaa Oromiyaa irraa buqqa'an nani qe'ee isaatti deebi'e hin jiru jedhan.

Sabni Amaaraa garuu deeggarsa mootummaa naannoo isaanii irraa argataniin kan deeman akka jiran Obbo Sabargaan himaniiru.

Mootummaan yakkamtoota to'atee meeshaa seeran ala kanneen hidhatan hiikkachiisee yoo nagaa guutuu buuse malee gara sanatti deebi'uun nutti ulfaata jedha maatii isaanii keessaa nama shan kan dhaban Dirribaan.

Itti gaafatamaan Waajjira Dhimmota Komunikeeshinii G/W/Bahaa Obbo Sabargaa Hirphaa torban darbe keessa jiraattota aanaa Saasiggaa fi Naannoo Benishaangul keessaa aanaa Baloo Jigaanfoy irraa bakka buutotni uummataa walitti dhufanii akka mari'atan taheera jedhan.

Dabalataan Pirezidaantiin Naannoo Benishaangul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasaniifi Naanno Oromiyaa irraa Dr Girmaa Amantee hawwasa walitti fiduun mariisisanii ture jedhan.

Uuumatni waggaa dheeraaf waliin jiraachaa turan maaliif akka walitti bu'insa kana keessatti hirmaatan akka hin beekne illee kaasanii haala isaan deebi'uu danda'an irratti hojjetamaa jira jedhan.

Miindaan hojjettota mootummaa ji'a shaniif addaan cites kaffalameefii akka deebi'an gochuuf karoorri bahaa jira jedhan.