Iyyaasuu fi Lalisaa Qanaatee: Obbolaa lamaan kan ajjeese kora bittineessaa ta'uu ijaan argineerra jedhan maatiin

Eebantu
Ibsa waa'ee suuraa, Eebantuutti qaamoleen nageenyaa obbolaa lamaa ajjeesan

Godina Wallagga Bahaa Aanaa Eebantuu keessatti obbolaan dhiiraa lama Dilbata galgala rasaasaan qaamolee nageenyaa mootummaan ajjeefaman jedhame awwaalchi isaanii kaleessaa bakka tokkotti raawwate.

Obbolaa lamaan Iyyaasuu Qanaateefi Lalisaa Qanaatee umuriin isaanii waggaa 16 fi 18 ta'an rasaasaan dhahee kan ajjeese humna kora bittinneessaa Oromiyaati jedhu maatiin.

''Galgala naannoo sa'aa lamaafi walakkaatti hirbaata nyaannee osoo buna dhugaa jirruu namni ollaa dhufe bahee alatti reebamuu dhageenye.

Maali jennee gaafa balbala bannu Iyyaasuun barcuma laastikiirra taa'aa ture, ol seenanii rasaasaan mudaamuddiirra rukutani,'' jedhu abbaan ijoollee ajjeefaman lamaanii obbo Qanaatee Hulluuqaa bilbilaan wayita dubbisnu.

Hangafti Iyyaasuu Lalisaaniis harmasaa jala rasaasaan rukutamee tokko Hospitaalatti tokkommoo manumatti lubbuun darbees jedhan.

''Hospitaala Giddaa geessinee Iyyaasuun asumatti du'e mucaan inni guddaan ammoo achi gahee du'ee.''

Namoonni marsaalee hawaasummaarra gaddaa fi aarii itti dhagahame ibsachaa jiru

Ollaa isaanii buna dhugee baheen qabanii waa dubbatte jechuun afaan qawwee itti qabanii reebaa turaniis nuun jedhan.

Sagalee dhagahanii wayita balbala bananii bahan kaan namicha reebuu kaan manatti dhukaasa banaa turaniis jedhan obbo Qanaateen.

Dhukaasicha kan banan balbala jala dhaabatanii akka ta'es dubbatu.

Kanneen ajjeechaa kana raawwatan ''maqaan baruu baannus kora bittineessaa Oromiyaa ta'uu isaanii ijaan argineerra ni beekna,'' jedhan.

Naannoo isaanii rakkoon nageenyaa akka hin jirre himanii, naannoo daangaa Benishaangulitti siiquu waan ta'eefi hidhattootni ABO jiru jedhame bakka yaadamu waan ta'eef, korri bittineessan bakkicha qubachuu akka hin oolles himaniiru.

Ijoolleen isaanii kutaa 10 fi 11 baratan lamaan barnootaan alatti siyaasa keessatti hirmaanna kan hin qabne akka ta'eedha obbo Qanaateen kan dubbatan.

Bulchaan Aanaa Eebantuu Obboo Asaffaa Baqqalaa ijoolleen lamaan ajjeefamuun dhugaa ta'uu quba qabna jedhanii eenyu akka raawwate qorachaa jirra jedhan.

''Jalqaba kan dhagahaa turre mana keessaa akka dho'e ture booda garuu humna addaa opireeshiniidhaaf addana jiruun akka ta'e ka'aa jiraa'' jedhan.

''Maatiin dhukaasa miseensota Kora bitteennessaan akka ta'e himaniis karaa keenya wanti raawwatame hin jiru jechaa jiru warri humna addaa nuun jedhan.''

''Nu mitii tasumaa nu hin ilaallatu'' jechaa jiru qaamoleen nageenyaa jedhan obbo Asaffaa.

Kana qulqulleessee kan beeksisu poolisii waan ta'eef poolisiitiif dhiifnee jaarsolii waliin mariyaachaa jirra, qorannoo kanaan dhugaan dubbii akka itti bahurratti hoojjechaa jirraa jedhan obbo Asaffaan.