Bulchaa Dammaqsaa: Paarlaamaa keessa yeroo jalqabaaf Afaan Oromootiin nama dubbatan

Yeroo bulchiinsa Hayilasillaasee Itti aanaa ministeera Maallaqaa kan turanii fi bara Obbo Mallas ammoo paarlaamaa keessatti Afaan Oromootiin dubbachuun kan beekaman Obbo Bulchaa Dammaksaa BBC Afaan Oromoo waliin turtii taasisaniiru.
Turtii keenyaaniis seenaa jireenyaa isaaniitii hanga karoora saanii gara fuula duraatti yaadasaanii nuuf qoodaniiru.
Seenaa isaanii
Maqaankoo Bulchaa Dammaqsaan jedhama. Yunvarsiitii biyya Ameerikaa keessa jiruufi Sirekiyuuz Yunvarsiitiidhaa eebbifameen gara Itoophiyaa dhufee Ministeera maallaqaa keessattin qacarame.
Kunis bara mootummaa Hayilasillaasee ta'usaati. Yeroosanattis gara waggaa 10 itti aanaa ministiraa ta'een hojjedhe.
Sana booda gara biyya alaattiin deebi'ee deeme. Sanii asitti baayyee Itoophiyaa keessa hin hojjenne. Erga ADWUI aangoo qabateen deebii'ee dhufee marsaa tokkoof paarlaamaa seeneen ture. Isaan alatti biyya kanatti hojii mootummaa hin hojjenne.
Waa'ee Paarlaamaa Itoophiyaa
Paarlaamaan Itoophiyaa ilaalumaafiin seene malee dhugaatti paarlaamaa dhugaa hin jedhamu ture. Maalifi yoo jette akka biyya biraatti, ummanni adda addaa akka lakkoofsa isaaniitti kan filataman hinturre.
Fakkeenyaaf ani Wallaggarraan filatame. Osoo dhugaa ta'ee aanaan ani irraa dhuferraa namni sadii bakka bu'uu qaba ture. Ani garuu aanaa Guddaa keessaan filatamee dhufe ture. Eenyu eessaa akka filatamu ammoo warri ADWUI murteessaniiru. Kanaaf yaannikoo ummata nafilateef afaan ta'ee dubbachuu, abjuu duwwaa ta'ee hafe.
Maaliifi yoo jette, ani waa'ee rakkina Itoophiyaan dubbachu barbaada ture. Oboo Mallas immoo waa'ee biyya xinnoo bakka irraa filatamee dhufee sanaa qofa akkan dubbadhu barbaada ture.
Ani lammii biyyattii ergan ta'eetti, paarlaamaa keessatti waa'ee Itoophiyaa guutuun dubbadha malee waa'ee iddoo xinnoo ani irraa filatame, Boojii Dirmajjii fi Laaloo Asaabii qofaadha kanin dubbachuu qabu?
Fakkeenyaas, wayitan ani maaliif biyya Somaaliyaa waraanuuf deemta jedhee gaafadhu, 'maaltu sigalche kana keessa' naan jedha. Kanaaf egaa kanan akka paarlaamaa biyya biraa miti kan keenya jedheef. Akka isaan yaadanitti paarlaamaan kanuma isaanii duwwaa ture.
Isaanis kan nuuf dubbatu fi nuuf filatu isaan qofa ta'u waan yaadaniif, kanaan ala namni dubbatu isaanii diina. Kanaaf yeroo sana paarlaamaatu jira malee dimokiraasii wanti jedhamu hinturre.
Paarlaamaan abbaa barbaadan filachiisanii waan isaan barbaadan qofa akka dubbatamu barbaadu.
Animmoo waan isaan barbaadan duwwaa hin dubbadhu, waan Itoophiyaaf barbaachisu malee. Rakkoo dinagdee biyyattii, dhimma al-ergiifi qonnaa akkasumas dhimma mana barumsaa babal'isuun dubbachaa ture.
Boodarra mana barumsaa baayisaniiru; kanaafis galateefachuun gaariidha.
Waliigalatti garuu mootummaan suni mootummaa biyya guddisu miti, mootummaa biyya xinneessuudha malee.
Paarlaamaa fi Afaan Oromoo dubbachuu
Ani gaafan filatamee paarlaamaa seenu Afaan Oromootiinan dubbadha jedheen ummatattis hime. Akkuman jedhetti dubbachuu jalqabeen ta'uu dide. Warri achi keessatti afaan hiikan waanin ani afaan Oromootiin dubbadhu afaan Amaariffaatti hiikuu dadhaban.

Madda suuraa, Getty Images
Ajajni kennameef osoo hintaane teeknikaaliima dadhaban. Kanaaf warri achi keessatti hojjatan 'maaloo Obbo Bulchaa Afaan Oromoo dubbattan nutimmoo hiiku dadhabne maaloo nu dhiisaa,' jedhanii na kadhatan.
Kanaafuu, ergan waaniin dubbadhu hin hubatamu ta'ee maaliifan dubbadharee jedheetiin, Afaan Oromootin dubbachuu hir'isaa deeme.
Sababiin ani Afaan Oromootiin dubbachuu itti barbaadeefis, Oromoon yoo afaan isaatiin hin dubbatamu ta'e waan mootummaarraa dhufu sirnii hin hubatu. Oduu namarraa dhagaha jechuudha.
Biyya biraatti ummanni waan mootummaan jedhu afaanuma ofiitiin dhagahee hubata. Biyya kanatti garuu kuni hin taane. Afaan keenyaa fi afaan isaanii tokko miti. Baayyinaan osoo hunda caalluu, kun ta'uun sirrii miti.
Jijjiirama siyaasaa dhuferratti maal jettu?
Jijjiiramni kuni hammanatti ni dhufa jedhee hin yaanne ture. Maalifi yoo jette mootummaan amma duraa suni ganaa waggoota 25 oliifaa ni turu jedheen yaadaa ture garaakootti. Malee Waaqayyo hammanatti ibsaa nuuf baasa jedhee hin yaanne ture. Ergan biyya kana dhufee waan haaraa baayyeen arge.
Tokkosaas isan amma Afaan kiyyaan BBC'tti dubbachaa jiru. Ammaan dura carraa akkanaa hin qabnu ture. Ani waggaa 20 dura BBC'f si'a lama xalayaa barreessuun' akka ummanni Oromoo lakkoofsaan guddaa, afaan keenyaan miidiyaa akka eegalaniif' gaafadheen ture. Xalayaan ani barreesseef suni tarii galmee isaanii keessaa argamuu mala.
Amma kunoo BBC'n Afaan keenyaan hojii jalqabeera, kanaaf baayyeen galateefadha. Waaqayyo nugargaaraa jira. Garuu Ammayyuu taanaan Afaan Oromoo Afaan Itoophiyaa ta'ee hin dubbatamne. Miidiyaan biyya kanaas afaan Oromootiin baayyinaan hojjechaa hin jiran kuni fooyya'uu qaba.
Ammayyuu afaan keenya afaan biyya kanaa ta'uu qaba. Kuni nan gammachiisne. Dr Abiyyis kanaratti hojjechuu qabu. Wanti maddii maddii jedhan, akka qusachuu fi dhoowwachuu ni mul'ata. Nutimmoo haa bal'atu, Oromoon biyyasaa keessatti afaansaatiin waan hunda haa dhagahu jenna.
Oromoon Amaariiffa qofa miti kan dhagahuu qabu, afaan Oromootiin gurrasaatiin dhagahuuf mirga qaba.
Itoophiyummaa fi Oromummaa akkamitti ilaaltu?
Oromoodhaan alatti Itoophiyaan hin jiru. Kana qofa miti Amaarris, guraageenis saboonni biroos Itoophiyaaf ni barbaachisu. Ani yaada Oromoo Guddisee Itoophiyaammoo xiqqeessuu hin qabu. Oromoon akka baay'inaa fi bal'ina isaatti yoo ilaalle, Itoophiyaadhaaf mucaa hangafaati.
Waan Oromoon biyya kanaaf gumaachu gama qonnaa, nama barateen fi waan hundumaan yoo ilaalle, biyyuma Oromootii dhufa. Kan Finfinnee sooraa jiru Oromoodha, Finfinnee duwwaas miti biyya biraatiifuu ni taha Oromoon. Kuni waan xiqqoo miti waan guddaadha.
Ummanni kana biyyaaf godhu gadi qabamee ilaalamuu hin qabu. Akka mucaa hangafaatti ilaalamuu qaba malee. Magaala Finfinnee kanatti miidiyaan garri caalu Afaanuma amaariffaa qofaan hojjetu; kan afaan Oromoo baayyee xiqqaadha.
Erga lakkoofsaan caallee, dinagdeenis guddaa taanee jirruu maaf gadi qabamnan jedha ammas.
Oromoon akka durii gadi qabamuun, tuffatamuun amma tasuma hin danda'amu. Waliigalatti, jijjiramani amma dhufe kuni abdachiisaadha. Garuu mootummaa kana humnaa oldhiibuu hin qabnu.
Mootummichi ofumaaf waan ta'uu malu dafee yoo raawwate malee nutis karuma hundaan dhiibbaa itti baay'isnee kufuu dandaha.
Kufaatiinsaa ammoo numiidha malee nun hinfayyadu. Amma abdii malee waan arganne hin qabnu. Waggaa torba saddeet guutuu abdii qofa taanaan garuu ummanni nuffee aaree lola kaasa.
Paartii jalqaba hundeessan
'Sochiin Dimokiraasummaa Federalistii Oromo' kaayyoonsa waan Oromoon dhabe hunda argachiisuuf ture kan hundeessine. Yeroos Oromoon hundi balbala cufateetuma taa'aa ture. Kanaaf nutis 'Oromoon jira!' jechuun agarsiisuuf yeroos kan kaane.
Ammas warri akka Pirofeesar Mararaa, obbo Baqqalaa fi obbo Mul'aatuu Gammachuufaa itti cimsaatuma jiru.
Filannoo bara dhufuu irratti ni hirmaattuu?
Eeyyee nan hirmaadha. Ani kanan dorgomu akka paartiitti osoo hintaane dhuunfaa kiyyaanan dorgomuun biyyuman duraan irraa filatametti deebi'een na filadhaa jedhaan. Qofaa koo paarlaamaa seenee waanin dubbadhun qaba.
Dhimma biyyaa baatee kan deemu, kan guddisu, kan xiqqeessus paarlaamaadha.

Madda suuraa, AWASH BANK
Kanaaf filatamee paarlaamaa seenee dhimmoota baayyeerratti yaada kiyya dhiheessuun barbaada. Dhimma Oromoorratti baayyeen dubbachuu barbaada. Yoo ormi fooqii keessa jiraatu Oromoon godoo keessa jiraachuu hin qabu.
Waa'ee baankii dhuunfaa jalqabaa hundeessuu
Ani biyya Ameerikaa fi UN keessan hojjechaa ture. Umriinkoo 60 keessa yeroo ta'un gara biyyaatti deebiinaan biyya kana baankii mootummaa malee kan dhuunfaa hin jiru.
Bakka baankiin dhuunfaa hin jirreetti qonnaan bulaan Oromoo, daldalaan Oromoo eenyurraa liqeeffata? Mootummaan ammo abbaa barbaaduuf qofa kenna.
Kanaaf baankiin dhuunfaa dhaabbachuu qaba jedheen hiriyootakoo waliin Baankii Awaash hundeesse.
Baankiin Awaashis yeroosuma baayyee guddate. Maqaan kiyya 'Bulchaa' ta'uu qofa dhagahanii 'baankii Oromoo, baankii Oromoo' jechaa turan. Nuti garuu baankii Awaash jenne malee baankii Oromoo hin jenne.
Har'a baankiin Awaash baankilee hunda caalee argamaa jira. Baankii kana hundeessuu koottis baayyeen ofitti boona, ittan gammadas.















