Mararaa Guddinaa: 'Pirofeesarummaan koo waggoota 10'f hidhamee ture'

Bara Darbe yunivarsiitii irraa ari'amanitti deebi'anii barsiisuu kan eegalaniifi tibbanammoo Piroofeesarummaa waggoota kudhanii oliif jalaa ture kan argatan Piroofeesar Mararaa Guddinaa waliin turtiin taasifne kunooti dubbifadhaa.

BBC: Piroofesarummaan keessan maalif barfate?
Pirof. Mararaa: Barfate duwwaa osoo hin taane, hidhame jechuun ni danda'ama. Wagga 10 hidhame.
Wagga kudhan booddee naa kennamuu isaati. Umuriikoo keessatti bu'aa bahiin siyaasa biyya kanaa anas bu'aa bahii keessa na galcheera.
Digiriikoo jalqabaayyuu namni inni kaan wagga afurii fi shanitti yoo fixu ani wagga 14ttin fixe.
Akkuma yunivarsiitii seeneen wagga lammaffaa yeroo ta'u sochiin nugusa aangoorraa buuse suni dhufee barumsa dhaabnee wagga lamaaf dargiin sagantaa 'idiget behibret' jedhuuf baadiyyaattui nu erge.
Achii yeroon deebi'ummoo dhaabni ani keessa ture 'MEISON' dargii wajjin wallolee yeroo bahu gara Amboo kanatti akka shaffaxuus yaaleen ture.
Sana booddee wagga torban hidhame. Obboleessa kootii qabee warri nabira turan hunduu yoo dhuman ani nan hafe.
Sababootuma akkana akkanatif digirii jalqabaa fudhachuun wagga 14 natti fudhate.
Kan Proofesarummaa kunis kan warra kaanii ji'ootuma keessatti dhuma kan koo osuma as qabanii, achi qabanii waan godhan dhabnaan booda yunivarsiituma keessaawuu na baasan.
Bara darbedha yunivarsiitittuu kan deebi'e hidhaanis kanuma gidduutti na muudate.
Kanaaf kan piroofesarummaa kunis sababootuma akkanaatiin wagga kudhan booda argame.
BBC: Sabaabni tureef maali?
Pirof. Mararaa: Biyya kana keessatti rakkoo guddaan siyaasaa fi akkaadaamiin walitti makama. Siyaasatummoo irra olaantummaa qaba.
Kanaaf wanti baayyeen ija siyaasaatiin ilaalama rakkoonsaa kanarraa madda.
BBC: Piroofeesarummaan keessan turuu isaatin maal dhabdan?
Pirof. Mararaa: Yoo xiqqaate qarshumayyuu yoo fudhatte mindaan ji'aan argadhuratti garaagarummaa birrii kuma afurii qaba.
Waanin itti dhama'ehoo dhabuunis salphaa miti. Maqichallee namni baay'een muummee ministiraa dabalatee 'piroofeesar' jedhaniituma na waamu. Miiidiyaanis akkasumatti fayyadama yeroo baayyee.
Waan argachuu maltu dhabdee yeroo namni sibooda dhufee sibira darbee deemu xinnoo sitti dhagahama.
Dabballeen yunivarsiitii keessatti abbaa taatee eessa oola, eessa bulaa fi maal hojjetaadhaan waan siimalu yeroo sidhoowwachuu dandeessu namatti dhagahama. Malee qarshichis waan guddaa ta'eetii miti.
Waanuma mirga sabaatiifan dhaabbadha jetteef kara deemaa fi dabballeen qarshiin bitamee chocho'u ennaa sirratti murteessee yunivarsiitiidhaa sibaasee, mana jiraattu keessaa sibaasee, mana hidhaa sigalche jedhu si'aarsa.
Jarri kuni qawweema qabu malee beekumsa nucaalaa qabaatanis miti. Kuni hundi yoo namatti hojjetamu namatti dhagahama. Kanin miidhame jedhee yaadu wantoota kana.
Amma Piroofeesarummaan kiyya naaf kennamee hojii idilee kiyyas haala gaariinan hojjechaa jira.
Mindaa wagga tokkoo nadhabsiisanii fi dhimma mana jireenyaa kiyyas itti hojjechaa jiru jedheetin yaada.
BBC: Amma Piroofesarummaa argachuun keessan jijjiirama siyaasaa dhufe wajjin walqabataa?
Pirof. Mararaa: Eeyyee. Osoo jijjiiramni kuni dhufuu baatee anis mana hidhaatii hin hiikamu, keeyyata adda addaa lakkaahanii ni du'afaa jedhanii natti yaadaa turan.
Ani mana hidhaatii wagga tokkoo fi ji'a lamattin bahe. Kanaaf kanin amma argadhe maqaa jijjiirama siyaasaa amma dhufe kanaatiini.
Lammaffaammoo yunivarsiitumattuu hin deebi'un ture.
Yeroo yunivarsiitiidhaa nabaasan sana kanin hojjedhe mindaa wagga tokkoo nadhoowwatan, isuma manni barumsaa kuni na hojjechiise jechuukooti.
Amma isas waan naaf deebisan natti fakkaata naaf kennaa jedhee gaafadheera.
Kanaaf wantin argadhe jijjirama dhufeen walqabachuu duwwaa osoo hin taane osoo jijjiiramni kuni hin dhufnee hundisaayyuu hin ta'u ture. Kallattiidhaan walqabata.
BBC: Sababni yunivarsiitiidhaa ittiin isin baasan maal ture?
Pirof. Mararaa: Inni duraa umuriinkee gaheera, soorama baatu malee jedhan.
Warri yeroo Nugusaa na barsiisanuu yunivarsiitii kana keessa jiru, Hindiinimmoo wagga 20 biyyasaatii soorama bahe asitti waanuma nuti barsiisnu barsiisu.
Warri akkumakoo umuriin isaanii anuma waliin walqixa yunivarsiitii kanatti qacaramnee jirrus yeroo dabalataa kennaniifii anaan na dhoowwatan.
Dura yeroo sooromaa sana dheeressuu didan. Sana booddeemmoo yoo dheereffachuu dadhabde kontiraataan mirga qaxaramuu ni qabaatta.
Kanaafimmoo muummeen ani barsiisu wagga lamaaf seeruma yunivarsiitii eegee kontiraataan naqaxaree ture.
Ergan ji'a sadii barsiiseen booda dhaabi naan jedhan. Muummeen ani barsiisuu akkan dhaabu hin barbaanne kanaaf namni nadhaabsisus dhabameen itti fufeen gara wagga tokkoo barsiise.
Warri muummee keenyaa kaan warra wajjin wagga dheeraa hojjenedha, kaan ammo warruma barataakoo turantu achitti barsiisaa ta'an waan ta'eef namuu akkan dhaabu nan gaafanne. Qaaneffatanis ta'uu mala.
Kanin barsiisaa ture mindaa malee sumunii tokko osoo hin argatin waan ta'eef booda dhiisee deemutu narra ture achumaanin dhiisee deeme.
Barsiisuu nan jaaladha, ijoolleen ani barsiisummoo warra PhD baratanfaadha ijoollee kana callisee bakkeetti dhiisee deemuu waan hin barbaanneefin waggaa tokko sana mindaa malee barsiise.
BBC: Rakkoon suni hariiroo isin bulchiinsa Yunvarsiitichaa waliin qabdanirraa kan maddee?
Pirof. Mararaa: Ani isaan baayyee waanin komadhu hin qabu. Siyaasichadha.
Yunvarsiitiin kuni mana kaadiree fi dabballee ta'eera. Kan itti ajajus dabballee fi warra tikaati.
Kanaaf warri yeroo sana yunivarsiiticha bulchaa turan warra ajaja fudhatanidha malee jibbas waan guddaa narraa qaban natti hin fakkaatu.
Rakkoon isaanii yunivarsiitii gadi buusanii dabballeetu akka fedhetti irratti ajajaa ture.
Sababa kanaaf isuma dabballeen 'inni siyaasa keenya balleesse, akkana nugodhe, akkas nugodhe' jedhan fudhatanii asii haa bahu jedhan.
Malee ofii isaanii waliin waan irratti walitti dhufnees irratti waldhabnus hin qabnu.
Ani Yunvarsiitii keessatti siyaasa hin hojjedhu. Anis pirofeesar Bayyanaanis siyaasa kan hojjennu mooraadhaan alatti.
BBC: Gaafa yunivarsiitiidhaa sin baasan rakkoon isinirraan gahan maali?
Pirof. Mararaa: Yeroo sana manan keessa jiraachaa ture keessaas na baasan. Booda kiraa fudhadheen Buraayyuu naannoo ashawaa meedaan jiraachaa ture. Kanin hidhames achumaayi.
Kanaaf mindaa narraa dhaabuun, yunivarsiitiidhaa na baasuun, mana jireenyaa yunivarsiitichaa keessaa na baasuun, hunduu walqabateeti.BBC: Abdii kutachuu dhiisuun keessan maalirraa madda? Dargaggootaaf maal dhaamtu?
Pirof. Mararaa: Akkuman dura jedhe kan mana hidhaatiiyis nu baase, kan siyaasa biyya kanaas sirreessaa kan jiru dargaggoota keenyadha.
Kanaaf qeerroon keenya osoo humnasaa hin diigne, osoo wal hin hirre mirga saba ofiitiif dhaabbachuu itti fufuu qaba.
Amma siyaasni saba keenyaa laga guddaa tokko gubbaa gaheera. Bilisummaan fagoo hin jiru natti fakkaata.
Kanaaf kutannoodhaan tokkummaa isaanii eeganii qabsoo kana itti fufuutu irra jira.
Nutis hamma humnaa fi beekumsa keenyaatti qooda fudhachaa jirra, gara fuula duraatis itti fufna.
Hamma qabsoon Oromoo fi biyya kanaa galma gahutti qeerroo keenya waliin taanee kutannoodhaan qabsoo jalqabne galmaan gahuutu nurra jiran jedha.















