Biyya kamitti foon baay'inaan nyaatama?

Raw meat

Tarii namootni hedduun foon soorachuu hir'isuuf ykn guutuummaatti dhiifna wayita jedhan dhageessanii beektu ta'a. Sadarkaa addunyaatti garuu foon sorachuun waggoota 50'n darban saffisaan dabaleera.

Soorata Foonii hir'isuun fayya-buleessummaa cimsuun dhiibbaa naannoorra gahuu hir'isa.

Lammilee Biriteen keeessaa harki 3 foon soorachuu akka dhiisaan ykn akka hir'isan dubbatu.

Lammileen Ameerikaammoo harki lama foon sooratan yoo xiqqate gara yeroo tokkotti hir'isu himan.

Namootni beekamoon fi dhaabbileen sagantaa 'meat free Friday' ykn guyyaa foon irraa bilisaa jedhamu qindeessanii miidhaa bineensotarraa qaqqabu xiqqeessuuf hojjatan foon soorachuu hir'isuurratti gumaacha qabu.

Foon soorataaf qopha'uus jalqaba bara 1960 fi 1970 wajjin wal bira wayita madaalamu dachaa 5'n caale. Bara 2017tti oomishni jiru toonii miliyoona 330 tti ol guddate.

Lakkoofsi Uummata dachaan dabaluun sababa jalqabaati. Lakkoofsi uummata addunyaa amma biliyoona 7.6 qaqqabee jira.

Sababni foon soorachuun dabaleef kan biraammoo, walakkeessa jaarraa kanaa keessa galiin gidduu galeessaan namni tokko argatu addunyaatti dachaa 3'n guddate.

Ragaan bara 2013 argame akka mul'isutti biyyoota adunyaa keessaa Ameerikaa fi Awustiraaliyaan biyyoota foon baay'inaan sooratani.

Ameerikaatti jiddugaleessaan namni tokko foon amma kiloogirama 100 soorata
Ibsa waa'ee suuraa, Ameerikaatti jiddugaleessaan namni tokko foon amma kiloogirama 100 soorata

Niw Zilaand fi Arjentinaan kan itti aanaan yoo ta'u, biyyota kanneen keessatti namni tokkoo waggaatti jiddugaleessaan amma kiloogirama 100 soorata. Kunis indaaqqoota 50'n wal gita.

Itoophiyaan biyyoota foon baayinaan sooratan keessaa hin jirtu. Jiddugaleessaan lammiin Itoophiyaa tokko waggaatti foon kiiloogiraama 7 nyaata.

Lammiin Ruwaandaa jiddugaleessaan kiiloo 8 yoo nyaatu kan Naayijeeriyaa ammoo kiiloo 9 nyaata. Kuni kan biyyoota lixaa waliin yoo madaalamu harka 10 caalaa xiqqaata.

Biyya kamitti foon baay'inaan nyaatama?
Ibsa waa'ee suuraa, Biyya kamitti foon baay'inaan nyaatama?

Hammi foonii biyya tokko keessatti nyaatamu guddina diingadee biyyattiin kallattiin wal qabata.

Biyyoota akka Chaayinaa fi Biraaziil saffisaan guddataa jiran keessatti hammi foon nyaatamus saffisaan dabalee jira.

Fooni fi Aannan hamma giddugaleessaa soorachuun fayyaaf gaariidha . Keessattuu, biyyoota galii xiqqaa qabani fi nyaata madalamaa hin argannetti.

Biyyoota baay'eetti garuu foon soorachuun qabiyyee soorataa ijoo argachuun olitti ilaalama.

Foon diimaa fi saamsamuun gurguraman baayyinaan soorachuun carraa dhibee Onnee, Kaansarii fi dhiigni Sammuu keessaatti dhangala'uu akka dabalu ragaaleen qo'annoo kan mul'isu.