Dubartoonni maaliif dhiirota caalaa umrii dheeraa jiraatu?

Madda suuraa, Getty Images
Guutummaa addunyaatti dubartooti dhiirota caalaa waggaa dheeraa jiraatu.
Gabaasni Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa bara 2016 bahe jireenyi namaa waggaa dheeraa giddduugalaan ganna 72 jedha.
Saalaan yoo gargar baasne garuu kan dubaraa ganna 74fi baatii lama yoo tahu dhiirotaaf ganna 69fi baatii saddeeti dha.

Madda suuraa, Getty Images
Lakkoofsa ummataa bara 2010 adeemsifameen Ameerikaan namoota umuriin isaanii 100 darbe 53,364 qabdi. Kanneen keessaa 9,162 dhiirota yoo tahan 44,202 immoo dubartoota.
Maaliif dubartooti giddugalaan dhiira caalaa waggaa dheeraa kan jiraatan? Sababiin addatti isaan fayyade jiraa laata?
Mee sababiiwwan ijoo sadii haa ilaallu:
1. Qaccee sanyii
Qorannoon du'a namootaa agarsiisu odeeffannoo biyyoota 40 qaba. Kunimmoo odeeffannoo biyyoota kanneen akka Siwidiiniifi Firaans kan baroota 1751fi 1816 dabalata.
Odeeffannoon biyyoota Jaappaaniifi Raashiyaa garuu kan baraa gidduugalaa jaarraa 20ffaa qofa dha.

Madda suuraa, Getty Images
Haa tahu malee, odeeffannoon biyyootaa waggaa waggaan bahu dubartoonnii dhiirota caalaa akka jiraatan agarsiisa.
Miciree
''Micireen dhiiraa kan dubaraa caalaa dafee du'a'' jedhu Piroofeesara Deeviid Geems Yunivarsiitii Koolleejjii Landan irraa.
Sababiin inni tokko shoora kiroomoozoomiin saala dubartii murteessu tahuu danda'a.
Dubartoonni kiroomoozomii XX yoo qabaatan dhiiroti immoo XY qabu.
Kiroomozomiin immoo qaccee sanyii baata.
X kiroomoozoomiin qaccee sanyii waggaa dheeraa akka jiraattu godhu of keessaa qabu.

Madda suuraa, Getty Images
''Dubaraa taatee kiroomoozomii X kee irratti rakkoo yoo qabaatte bakka buusuu dandeessa, dhiira yoo taate garuu waan bakka buufattu hin qabdu,'' jedhu piroofeesar Deeviid
Dhiiroti waggaa boodaa irrattii ulfaa'an carraan du'uu isaanii harka 20 hanga 30ti.
Dhiiroti guddina qaamaa yeroo ulfaa otoo hin raawwatiin dhalatanis harka 14 tahu.
Daa'imman dhiiraa miidhama yeroo da'umsaaf irra caala saaxilamoo dha jedhu Egzitar Yunivarsiitii kan barsiisan Loornaa Haariis.
Kan shimbirrootaa yoo ilaalle kormi isaanii koromoozoomi X lama waan qabaniif warra dhalaa caalaa jiraatu.
2. Hormoonii
Namooti umurii saalfatttoo irratti sababii hormoonii isaaniif jijjiirama guddinaa ni agarsiisu.

Madda suuraa, Getty Images
Teestestirooniin qaama dhiiraa kan guddisuufi jabeessu kana malees, sagalee furdisuufi qomni isaanii rifeensa akka qabaatu kan godhu dha.
Umurii saalfattoo kanatti yerootti teestestirooniin du'a dhiirotaaf sababa tahu dha.
Ogeessotni akka jedhanitti umriin kun yerootti dhiiroti wal'aansoo qabatan, bishkiliitiifi konkolaataa saffisaan oofuuitti barbaadani dha. Of ajjessuus akkasuma.
Waggootii muraasa dura saayintistiin Kooriyaa Haan-Naam Paark galmee dhaddachaa mootummaa Koosan kan jaarraa 19ffaa xiinxalee ture.
Dhiirota cidhaan isaani umrii saalfattoo dura irraa murame fudhachuun xiinxale.
Kanaanis, kunneen cidhaan irraa kutame waggaa 70 jiraachuu mirkaneeesseera - warri kaan garuu waggaa 50 jiraatan.
Inumaayyuu warra cidhaan irraa muramee keessaa sadii waggaa 100 gahaniiru.
Qorannoowwan biroo hundi argannoowwan akkasii agarsiisuu haa baataniyyuu malee, dimshaashatti bineensota dabalatee namooti cidhaan hin qabne waggaa dheeraa jiraatu.
Hormooniin dubaraa ostiroojin jedhamu akka farra-summiitti ilaalama kana jechuun keemikaalota dhiphina namatti fidan ni haaxaa'a jechuu dha.

Madda suuraa, Getty Images
Ostiroojiniin gama kolistiroolii balleessuu keessatti shoora waan qabuuf dhukkuba onnee ittisuutiin gargaarsa qaba.
3. Hojii fi amala
Lafa lolli jiru umriin dhiiraa gad adeema.
Haa tahu malee, lafa eegumsi fayyaa gaariin hin jirre dubartooti baayyee da'umsarratti du'u.
Dhimmooti kanneen akka dhugaatii, xuuxuu fi akka malee soorachuun garaagarummaan guddaa umrii saala lameen gidduu jiru gar tokkeen agarsiisuu malu.
Fakkeenyaaf, dhiiroti Raashiyaa sababii dhugaatiin waggaa 13 dubartoota dursanii du'u.
Umriin dheeraa garuu fayyaa-maleessa
Dubartootni umrii dheeraa haa jiraataniyyuu malee keessattuu dulluma keessaa baayyee dhukkubsatu.

Madda suuraa, Getty Images
Biyyoota garaagaraa keessatti dubartoonnii umrii 16-60 jiran dhiirota umrii wal-fakkaata qaban caalaa wal'aansa deemu.
Isteevin N. Ostaadifi Kaatliin E. Fishar Yunivarsiitii Alaabaamaarraa, keewwata barruu fayyaa irratti maxxansiisaniin akkas jedhaniiru, ''ummata Dhihaa keessatti dubartootni dhiira caalaa hakiima bira deemu, qoricha irra fudhatu, sababii fayyaatiin hojiirraa hafu, guyyaa baayyees hojiirraa hafu.
Akkasumas ''biyyoota kanneen akka Baangilaadesh, Chaayinaa, Masrii, Guwaatemaalaa, Indiyaa, Indooneeziyaa, Jamaayikaa, Maalezhiyaa, Meeksikoo, Filiippiins, Taayilaandiifi Tunisiyaa dubaroonni umrii dullumaa irratti qaamni isaanii hin ajajamuufi waan taheef ni rakkatu jedha.
Qaawwichi duudaa jira
Qorannoowwan dhiyeenya bahan garaagarumman saalaa hanga umrii namni tokko jiraatuu yeroo dhihootti ni bada jedha.

Madda suuraa, Getty Images
Qorannoon Koolleejii Impeeriyaal Landanii bahe bara 2030tti garaagarummaan umrii kanaa waggaa tokkoofi baatii sagal qofa taha jedha.
Akka Waajjirri Istaatiksii Biyyaaleessaa UKtti daa'imni dhiiraa har'a dhalatu waggaa 79 jiraachuu yoo danda'u, dubarri immoo waggaa 82fi baatii sagal jiraachuu dandeessi.
Qorannoo biraan Piroofeesara Istaatistiksiin Mana Barumsaa Biiznasii, Lees Maayhiiwin hojjetame baaxiin umrii jireenyaa dhiiraafi dubaraa 2032tti wal kipha jedha.
''Waliigalaan, tamboo xuuxuufi dhugaatii hir'isuun dhiirota dubartoota caalaa dhugaafi xuuxaa turan fayyadeera.''
''Gama dhukkuba onnee, dhiirota baayyee ajjeesu hir'isuutiin hojiin hojjatameera,'' jechuunis hima.
Biyyoota balaan konkolaataa hir'isaa jiru keessattis dhiiroti umriii dabalataa ni argatu.












