Phaaphaas Firaansis daawwannaa seena qabeessaaf UAE seenan
Phaaphaas Firaansis daawwannaaf Yunaayitid Arab Emireets seenaniiru. Kun phaaphaasiin biyyoota Arabaa yoo daawwatu seenaa keessatti kan jalqabaati.
Abu Dhaabi wayita gaahanittis ilma mootii UAE Mohaammad bin Zaayid al-Nahyan simatamanii jiru.
Phaaphaasichi kora amantaalee adda adda irratti kan hirmaatan yoo ta'u, Kibxata yaa'ii guddaa namootni 120,000 irratti ni argamu jedhames ni gaggeessu.
Osoo garana hin dhufiin dura waraana biyya Yaman UAE'n qooda keessaa qabdu ilaalchisee yaaddoo qaban ibsani turan.
"Lakkoofsi uummataa Yaman waraana dheeraa biyyattii keessa jiruun xiqqaachaa jira, daa'immanis nyaata dhabanii beelaan dararamaa jiru" jechuun dubbatan.
"Iyyi daa'imman kanaafi kan maatii isaanii Waaqa bira ni gaha" jedhan.
Daawwannaa isaanii UAE kanaan dhimma waraana kanaa ni kaasu moo hin kaasan kan jedhu ifa miti. UAE gama walta'iinsa Sa'udiin durfamuun waraana Yaman keessaa qooda qabdi.

Madda suuraa, Reuters
UAE keessa namooti amantaa Kaatolik miliyoona tokko ta'an jiru, hedduun isaanii Filippiins ykn Indiyaa irraa kan dhufani.
Namooti hedduun yaa'ii Kibxata phaaphaasichi gaggeessu irratti hirmaachuuf hiriiranii waraqaa seensaa fudhatan.
Isaan keessaa tokko "daawwannaan phaaphaasichaa haasaa waa'ee wal danda'uu addunyaan dhaga'uu feetuuf karra bana" jechuun Rooyitarsitti himeera.
Gabaasaan BBC Afaan Arabaa kan Abu Dhaabii jiru Muraad Bataal akka jedhutti ammoo Vaatikaan daawwannaan kun uggura manneen amantaa Kiristaanaa ijaaruu naannoo sana jiru ni salphisa abdii jedhu qabdi.
Ollaa UAE kan taate Sa'udii Arabiyaa keessatti amantaa Islaamaan alatti manneen amantaa ijaaruun dhorkaadha.
Vaatikaan kaatilikoota UAE jiran caalaatti tajaajiluuf manneen amantaa ijaaruuf fedhii akka qabdu Rooyitars gabaaseera.














