Pirezidaant Omar al-Bashir warra Feesbuukiin isaan mormanitti qoosan

Madda suuraa, Reuters
Pirezidaantiin Sudaan Omar Hasan al-Bashir namoota miidiyaa hawaasummaa fayyadamuun bulchiinsa isaanii irratti mormii kakaasaa turan irratti qoosan.
"Mootummaa jijjiiruun yookiin pirezidaantii kuffisuun WhatsApp fi feesbuukiidhaan osoo hin taane filannoo qofaan ta'a" jechuun deggartoota isaaniif ergaa dabarsan.
Wayita pirezidaantichi dubbii kana taasisu hiriirri mormii bifa haaraan magaalaa Kaartuum keessatti geggeeffamaa ture.
Mormiin har'a bulchiinsa Omar al-Bashar xumuruu irratti xiyyeefate kun, muddee darbe keessa daballii gatii daabbootiin eegale.
Mormii kanaan lubbuun namoota 30 darbeera jedha mootummaa Sudaan, gareen falmitoota mirga namaa garuu namoonni 40 caalan du'aniiru jedha.
Pirezidaanti al-Bashir maal jedhan?

Madda suuraa, AFP
Obbo Bashir gara baha magaalaa Kasaalaatti fuul dura deggertoota isaaniitti ba'uun warra isaan morman irratti qoosaniru.
Kan mootummaa jijjiiru filannoo qofa jedhan.
''Kun waadaa nuti lammiilee Sudaan fuul duratti seennuudha. Waan feetan murteessuun mirga keessan.Mirgi kan uummata bal'aati'' jedhan Obbo Bashir.
Qondaaltonni Sudaan mormii hawaasaa qabbaneessuuf miidiyaa hawaasummaa cufaa turan.
Fulaadhuma Kasaalaa keessatti pirezidaanti Omar al-Bashir daangaa biyyasaanii fi Eertiraa kan waggaa tokkoo oliif cufamee ture akka bansiisan ibsaniiru.
Daangaan Sudaan gara bahaa erga biyyattiin daddabarsa meeshaalee waraanaa seeraan alaa hammaatee ture to'achuuf jecha labsii yeroo muddamaa labsitee akka jirutti cufamee ture.













