Veetinaam lammiileeshee ''Lakkii foon saree hin nyaatinaa'' jette

Madda suuraa, Getty Images
Qondaaltoonni magaalaa guddoo Veetinaam, Haanoy, jiraattota magaalattii foon saree nyaachuu dhaabaa jechaa jiru.
Foon saree nyaachuun dhukkuba saree fiduun dabalata maqaa magaala keenyaa qaroomtuufi ammayyooftuuf gaarii miti jedhaniiru.
Magaalattii keessa suuqqiiwwan foon saree fi adurree gurguran 1000 caalantu jira.
Kana malees, qondaaltonni kunniin foon adurrees hin sooratinaa jedhaniiru - foon adurree nyaachuun hagas haa baramuu baatullee.
Magaalaa Haanoy keessa adurreewaanii fi saroonni 490,000 ol tahan akka jiran ni tilmaamama.
Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaa hedduu murtee kana deeggaraniiru.
Kanneen biroo ammoo kuni barmaata lammiilee Veetinaam waan taheef, akka salphaatti waan gatamu miti jedhan.
Nami tokko waan Facebook irra jedhe, sooranni kun guutummatti dhoorgamuu hinqabu. Kun dhorga walabummaa irratti dhufeen walmadaala.
Haatahu malee, nyaata kanarratti gibira guddaa dabaluun yookaan ammoo iddoowwan murtaa'ootti akka gurguraman taasisuudha jedha.
















