Arsii, Shanan Kooluu: Namtichi gogaa qeerransaa 10 waliin qabame hidhame

Namichi gogaa qeerransaa goggoge 10 fi ilkaan akkasumas qeensa isaa hedduu laastikiitti maruun shaanxaatti naqee osoo imalu qabame waggaan 2fi ji'a jaha itti murtaa'e.
Godina Arsiitti manni murtii Aanaa Shanan Koluu kaleessa murtii kana dabarsuu isaa Saajiniin Itti-aanaa Daadhii Dagoo BBC'tti himaniiru.
Aliyyii Qaasoo Huseen konkolaataa Harargee Lixaa Machaaraa irraa gara Godina Arsii Aanaa Golochaa magaalaa Caancootti imalu keessatti sakatta'insa poolisiin tasa gaggeessen Kibxata darbe harkaafi harkatti qabame.
''Gogaa Qeerransaa 10 alatti ilkaan Qeerransaa dachaa 27 akkasumas qeensa isaa festaala kurtuutti walitti hidhame jiru qabameera.''
Yeroo gaafatametti nan bite ykn namatu natti kenne malee waan biraa hin dubbanne jedha poolisiin.
Gara Adaamaa akka geessuufi qarshiin kuma shan akka kanfalamuf dubbachuu isaa hogganaan Kominikeeshinii Anichaa Obbo Ibraahim Ammayyuu dubbatanis boodarra yaada kana waakkachuu isaa poolisiin ni hima.

Dabalataanis, Konkolaataa Caancoo deemu keessaa qabamus ka'umsi isaa Harargee Lixaa Aanaa Habroo magaalaa Waaccuu irraatii jedhu Obbo Ibraahim.
Qondaaltonni aanichaa akka jedhanitti wanta akkanaa Aanichatti mudate hin beeku.
Aanaan Shanan Kooluu Aanaa Golochaa irraa cituun waggaa lama dura waan hundoofteef manni amala sirreessaa hin hojjetamne.
Sababa kanaaf, Aanaa Amartii mana amala sirreessaa Abboomsaatti hidhama jedhameera.
Manni Amala sirreessaa itti geeffamu kunis kiloomeetira dhibbaa ol fagaata jechuun Poolisiin BBC'tti himeera.
Seerri maal jedha
Saajin Itti-aanaa Daadhii wantoota akkanaa irratti hirmaachuun seeraan ala jedhu.
Ofii ajjeesuun isaa mirkanaa'uu waan hin dandeenyeef malee hidhaan kana caalaa irratti murtaa'u himu.
Dhaabbata 'Born Free' bineensota kunuunsu Itoophiyaa keessatti argamuuf daarektara kan ta'an Zelaalam Tafarraa (PhD) dhimma gootummaa fi kaaniif duruu eegale qeerransi ajjeefamus ammammoo qarshii irraa horachuuf ni ajjeefama jedhu.

Kunimmoo ''Bineensota sanyiin isaanii baduu gahe lakkoofsi isaanii akka xiqqaatu taasisa'' jedhu.
Akka isaan jedhanitti Abbaan taayitaa eegumsa bineeldota Itoophiyaa osoo hin eeyyamin bineensa adamsuu hin danda'u.
''Biyya keenya keessa sanyiin isaa bakka baay'ee kan jiraatuufi sanyii adurree keessaas lakkoofsaan baay'ee kan jedhaman Qeerransa.''
Gara caalu, gogaa isaa biyyoota ollaatti erguf ajjeesu jechuun dubbatu. Ogeessi kun badii akkanaa hir'isuuf hubannoo hawaasaa guddisuu irratti daran akka hojjetamuu qabu akeeku.














