Afrikaa Kibbaaatti 'adamsitoonni' leencaan nyaataman

Madda suuraa, Sibuya game reserve
Afrikaa Kibbaa bakka namoonni bineensota daawwachuun bashannana keessatti yoo xiqqaate namoonni lama warseessa/raahinoo adamsaa turan jedhamanii shakkaman leencaan nyaatamuu aanga'oonni biyyatii himaniiru.
Eegdannii bakka kunuunsa bineensotaa namoota qaamni isaanii leencaan nyaatamee irraa hafe lama ykn sadii ta'uu danda'u kunuunsa bineensotaa Sibuyyaa Kibba Bahaatti argamu keessatti arguu dubbatu.
Qawwee fi qottoon tokkos argameera.
Yeroo dhiyootiin asitti fedhii gaanfa warseessaa Eeshiyaa keessatti dabalaa jiru guutuuf Afrikaa keessatti adamoon baballachaa dhufeera.
Chaayinaa, Veetinaamiifi biyyoota biroo keessatti gaanfi warseessaa akka fedhaafi raawwii saal-qunnamtii cimsutti waan amanamuuf baayyinaan barbaadama.
Abbaan qabeenyaa bakka kunuunsa bineensotaa Sibuuyyaa, Niik Fooksi akka ibsa fuula feesi-buukii bakka kunuunsa kanaarratti baasaniin akka jedhanitti adamsitoonni shakkaman kunneen bakka kunuunsa bineensotaa kana kan seenan Dilbata alkan ykn Wixata ganama ta'uu mala jedhan.
"Osoo hin beekiin hoomaa leencaa keessa seenan - hoomaa guddaa waan tureef yeroo dhabanii muddaman," jechuun Obbo Fooksi madda oduu AFP'tti himan.
"Meeqa akka ta'anillee sirriitti hin beeknu - qaamni isaanii garri caalu nyaatameera, waan baayyee hafan miti."

Madda suuraa, Sibuya game reserve
Qaamni namoota leencaan nyaatamanii kun jalqaba kan mullate Kibxata naannoo saatii 10:30 irratti ture.
Gareen adamoo ittisanii bakka sana yeroo ga'an qammee ittiin adamsan kan sagalee ittiin ukkaamsan qabu, qottoo guddaafi kan gamada ittiin muran adamsitoonni kunneen ittiin fayyadaman argameera.
Raaffa adamsitootaa hafe walitti qabuufillee dura leencota qorichaan adoochuun dirqama ture jedhan Obbo Foksi.
Adamsitoota keessaa kan lubbuun hafe tarii yoo jiraateef jecha poolisiin yeroo ammaa naannoo sana keessa sakkatta'aa jira.
Bara kana qofa Kutaa Bulchiinsa Keeppi Taawon Bahaa keessatti yoo xiqqate warseessonni sagal ajjeefamaniiru.
Waggoota kurnan darban keessa ammoo 7,000 ol kan ta'an Afrikaa Kibbaa keessatti ajjeefamaniiru.













