Keeniyaatti daldaltootni foon gaazexaan gurguran hidhaman

Daldaltoonni foonii kun gaazexaan maranii akka hin gurgurree akeekachiifamanii turan

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Daldaltoonni foonii kun gaazexaan maranii akka hin gurgurree akeekachiifamanii turan

Fooni gaazexaan maranii gurguruun fayyaarratti rakkoo fida waan jedhameef Keeniyaatti daldaltoonni foonii yeroo gurguran waraqaa qulqulluutti akka maranii gurguraniif itti himamee ture.

Akka maddi oduu abbaa qabeenyaa dhuunfaa Keeniyaa Zee Istaandardi jedhamu gabaasetti daldaltoonni foonii 10 ta'an foon gaazexaatti maranii gurguruusaaniitiin to'annaa jala oolaniiru.

"Gaazexaan kan maxxanfamu halluu/qalama liidiifi sibiiloota ciccimoo of keessaa qabu kan yeroo sooratamu ykn garaa seena dhala namaa ajjeesu irraa omishamu," jedhan qondaalli fayyaa Hoomaa Beey Kaawontii - bakka daldaltoonni kun itti qabaman hojjetan.

Ogeessi kun akka Zee Istaandarditti himetti waraqaan qulqulluu - adii ykn dalacha - fayyadamuutu fala.

Namoonni 10 addabaman kunneen - kan warra mana qalii qabaniifi foon ammoo warreen mana qalii kanneenirraa fuudhanii daldalan of keessatti qaabtu - fooni gaazexaatiin maranii akka hin gurgurreef akeekkachiisa guyyoota 14 isaaniif kenname cabsanii argamaniiru.

Akka Zee Istaandardi jedhutti shakkamtoonni kunneen mana murtiitti dhiyaachuuf jiru.

Hojii Pireesii biyyattii tuffachuun, bara 2015 keessa Pirezedaanti Uhuuruu Keeniyaattaa gaazexaan Keeniyaa foon ittiin maranii gurguruuf qofa fayyada jechuu isaanii miidiyaaleen biyya keessaa gabaasanii turan.