Baakteeriyaan qaama saalaa dubartootaa keessa jiru maal hojjeta?

Fakkii gadameessaa ababoon hojjetame

Madda suuraa, Prashanti Aswani

Baakteeriyaan qaama saala dubartii keessa jiru fayyaa waliigalaatiif baayyee barbaachisaa ta'ee osoo jiruu hanga baakteeriyaa mar'ummaan keessa jiru xiyyeeffannaa barbaachisu hin arganne.

Keessumaa baakteeriyaa mar'immaanii waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu xiyyeeffannaan gahaan hin kennamneef.

Qaama saalaa dubartii keessa gosoota baakteeriyaa, fangasii fi vaayirasii kumaatamatu jira. Kunneen nyaataafi iddoodhaaf wal dorgomu.

Qaama saalaa keessa kanneen jiraatan lubbu-qabeeyyiin fayyaadhaaf faayidaa qabu. Dhibee ittisuu fi ulfa fooyyee qabu uumuun beekamu.

Baakteeriyan Laaktoobaasilas jedhamu yoo gahaa ta'e maseensummaa, ulfi namarraa bahuu fi ulfa yeroo malee dahuu, akkasumas kaansarii gadameessaa hir'isa.

Saayintiistonni yeroo ammaa madaala maayikiroo-orgaanizimii kanaa eegsisuun akkaataa danda'amurratti qorannoo fi waldhaansa kanarratti wal dorgomaa jiru.

Yoo kun dhugoome yaala wal hormaata fayyaa keessatti warraaqsa guddaa ta'a jedhameera.

Kanaafuu, Baakteeriyaan Maayikiroobaayoomiin fayyaa namaa irratti akkamiin dhiibbaa qabaata? Baakteeriyaa kana to'achuuf maaltu hojjetamuu mala?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo ijoollummaatti Baakteriyaan qaama saalaa dubartootaa 'Maayikiroobaayom' baakteeriyaa haala oksijiinii gadaanaa qabu 'Anaayroobik maayikiroobs jedhamuun dhuunfatama.

Boodarra yeroo umrii saalfattoorra gahamu ol ka'uu ostiroojiniitiin haalli naannoo qaama saalaa kanatti naannoo mijataan maatii baakteeriyaa Laaktoobasilas ni uumama. Laaktoobaasilas bakka dhuunfata.

Laaktoobaasilas yeroo kana fayyaa namaaf murteessaa ta'ee argama.

Baay'inaan jiraachuu fi bakka qabachuun isaanii dhukkubbiiwwan cimoon naannoo Fuchii qaama saalaa dubartii (sababa baakteeriyaa, fangasii ykn vaayirasiin) uumaman akka namatti hin deddeebine godha.

"Isaan kun jarmoota kanneen nyaataa fi iddoo irraa saamuuf itti duulu" jedha dura taa'aan Ejensii To'annoo Qorichaa fi Meeshaalee Fayyaa UK Chiriskii Sergaakii.

Laaktoobasilas akkanuma laaktik asiidii waan oomishuuf fuchiin dubartii iddoo jireenya jarmootaa akka hin taane gargaara.

"Bakkichi jarmootaaf balaafamaa akka ta'u godha. Kanaafuu, jarmaoonni iddoo kana akka hin dhufne godha" jedha Sargaakiin.

"Isaan [Lactobacillus] madinummaa (dandeettii dhukkubbii naannoorraa dhufu damdamachuu) ni to'ata. Antibaayotiksii uumamaas ni oomisha. Kanaafuu, baakteriyaawwan biroo alaa dhufan ni ajjeesa."

Faallaa kanaa kan ta'ummoo, yoo maayikiroobaayomiin fuchii (qama saalaa dubartii) jeeqamee fi laaktoobaasilas dhabameedha. Madaallii dhabuun kun, 'Vaajinaal diisbiyoosis' jedhama. Yeroo kana dhukkubbii fuchii, hooqsisuu fi miirri gubuu ujummoo fincaanii keessatti dhagahamu carraan uumamuu baay'ee olaanaa dha.

Dubartiin takka wayita fedha saal-qunnamtii qabaattutti immoo vaajinaal daayisbiyoosis balaa dhibeewwan saal qunnamtiin daddarban akka HIV fa'iif saaxilamuu ishee dabala. Fakkeenyaaf, dubartiin Laaktoobaasilasiin ishee gad aanaa ta'e hireen dhibee HIV'tiif saaxilamuu ishee olaanaa dha.

"Afrikaa Kibbaa magaalaa Keep Taawun keessatti reetiin tatamsa'ina HIV 20-30%, ta'us dubartoonni daldala saal-qunnamtii irratti bobba'an akka carraa ta'ee carraa dhukkubbii qaama saalaaf hin saaxilaman" jedha Yunivarsiitii Livarpuul UK'tti barsiisaa barsiisaan fayyaa haawwanii fi daa'immanii Laawuraa Goodfeeloow.

"Afrikaa keessatti dubartoota daldala saal-qunnamtiirratti bobba'aniif hireen HIV'f saaxilamuu maayikiroobaayottaa fuchii fi gad bu'uu Laaktoobasilas waliin wal qabata jedhuudha"

Dubartoonni Laaktoobaasilasiin isaanii gad bu'aa ta'e ammas hiree olaanaa Human Pappiloma Virus (HPV)'dhaaf saaxilamuu qabu. HPV'dhaaf saaxilamuun immoo carraa kaansarii gadaamessaa, fiixee gadameessaa fi kaansarii fuchii hordofsiisa.

Dubartiin 'Vaajinaal daayisbiyoosis' qabdu takka immoo carraan daftee dhukkubbii HPV irraa fayyuushee xinnaa dha. Wayita kaansarii gadameessaa immoo dhukkuubbiin itti hammaata.

"Maayikiroobaayomiin akka waan daggalaa ti." jedha Guudfeeloow. "Bosona rukkaa fayyaalessa ta'e keessatti yoo sanyii wayii darbatte hin margu. Maaliif jennaan, jalqabumaa sirnakkoon achi jiru fayyaalessa waan ta'eef.

''Garuu maayikiroobaayomiin bakkichaa yoo sinaawaa hin taane baakteriyaawwan hamoonii fi vaayirasiin salphuimatti marguu danda'u."

Haala ulfaa murteessuu

Bishaan baayyee dhufuun, kondomii fayyadamuufi hirriba gahaa rafuun fayyummaa maayikiroobita qaama wal hormaata adubartootaaf barbaachisaadha.

Madda suuraa, Prashanti Aswani

Wanti nama dinqu, gurmuun baakteriyaa qaama saalaa dubaraa keessa jiraatu, hiree ulfaawuu fi dheerina yeroo ulfaa ni murteessa. Fakkeenyaaf: dubartiin gulantaa Laaktoobasilasii gad aanaa qabdu

hireen irra deddeebiin ulfi irraa bahu ishee olaanaadha-yookaanis carraan micireen ulfaa gadaamessaan alatti uumamuu– fiitasiin (micireen) gadaamessaan alatti gabbachuu jechuu dha.

Ulfi Vaajinaal daayisbiyoosiif saaxilamte carraan guyyaan osoo hin gahin dahuu ishee olaanaa ta'a. Torbaanota ulfaa 37 gaditti da'uu dandeessi.

"Daa'imni yeroo dhalachuu hin gahin dhalachuu hordofsiisuu qofa osoo hin taane, daa'imni guyyaa isaa eegee kan dhalatu yoo ta'es balaan ni dabala." jedha Guudfeeloow.

Karaa biraatiin immoo, Bifidoobaacteriiyem, baakteeriyaan biraa fayyaaf fayyadu, dhalachuu ulfa yeroo malee akka ittisu yaadama –ta'us Bifidoobaacteeriyem darbee darbee mul'ata. Addatti dubartoota 5% keessatti mul'ata.

Daayisbiyoosis dhiibbaa wal hormaataa kan biraas qabaachuu qorannoowwan ni akeeku. "Namni tokko yoo daayisbiyoosisii qabaatee fi mala laaboraatoriitiin sanyii kormaa fi dhalaa walitti fidachuu (In vitro fertilization [IVF]) carraan micireen (lubbuun) uumamuu gad aanaa dha."jedha Guudfeeloow.

Vaajinaal daayisbiyoosis maaliif bu'aa ulfarratti balaa qabaata waan jedhurratti, tiwooriin jiru daayisbiyoosisiin qaamni nama gubuu waliin wal qabsiisa. Qaamni gubuun kun sirni dhibee dandamachuu qaama keenya (madinummaan) madaa fi dhukkubbiif deebii kennuu hordoifee waan dhufu.

Qaamni nama gubuun sadarkaa wayiitti damdamachuu qaamaf bayeessa. Yoo baay'ate garuu, dhibee onnee, sukkaaraa, borcii fi Alzaayimariif nama saaxila.

Miirri gubuu qaama saala dubartii (fuchii), obbaatii ykn ulfa dagaagaa jiru irratti uumamuun ulfi dursee guyyaa malee akka dhalatu ykn ulfi namarraa bahu gochuu danda'a. Carraa dubartiin deebitee ulfaawuus ni xiqqeessa.

"Dubartoonni Laaktoobaasilas qaban dhangala'aa fuchii isaanii keessatti qabiyyee prootinii gubaatii uumu xiqqaa qabu."jedha Guudfeeloow.

"Kanaafuu, mala-malteen yaadaa amma jiru daayisbiyoosisiin gubaatii qaamaa olaanaa fida, sunis ulfi guyyaa malee akka dhalatu taasisaa kan jedhu dha"

Waan nama ajaa'ibu, Laaktoobaasilas akka "baakteeriyaa gaariittis" fudhatama. Mar'imaan keessaa isa qabaachuun gubaatii namatti dhagahamu salphisuun beekama.

Karaa kaan immoo, dhukkubbiin dhibeewwan saalqunnamtii daddarnbanii kanneen akka chlaamiydiyaa, cophxoo, fanxoo fi dhukkubbii sababa baakteeriyaa naannawa fuchii fa'illee dubartoota da'umsa yeroo malee, maseenummaa, ulfi irraa bahuu fi kaansarii gadameessaa saaxiluu danda'a.

Laaktoobaasilas gabaabumatti jarmoota wal dorgomanii fi dhukkubbiif sababa ta'an kunneen akka bakka hin qabanne ni ittisa.

"Kanaafuu, maayikiroobaayomii gaarii qabaachuun gubiinsa naannawa fuchii baakteeriyaan fidu ni ittisa. Yeroo malee ulfi akka hin dhalannes ni godha"jedha Sergaki.

Jabana haaraa ofiin of yaaluu

Gaaffii ijoo: Argama maayikiroobaayomii [baakteriyaawwan] naannawa qaama saalaa dubartii madaalawaa gochuun dhiibbaa wal hormaataa dhufu hir'isuu dandeenyaa, keessumaa baay'ina qaccee Laaktoobaasilas, Bifidoobaakteriyem ykn kanneen biroo dabaluun fa'i ulfarra balaa gahu salphisuun danda'amaa?

Kun waan qorattoonni Kolleejjii Impeeriyaal London itti jirani. Yaaliin kun Laaktin-V, 'baakteeriyaa gaariin' Laaktoobaasilas krispaatus jedhamu qabuu fi lubbuun jiru, balaa yeroo ulfaa dursanii dahuu ni hir'isa moo miti kan jedhu mirkaneessuufi.

"Garuu, tarkaanfiiwwan tokko tokko baakteeriyaa naannawa qaama saalaa dubaraa yoo madaalan kuun jeequu danda'u"

Hanga ammaatti, qorannoon tuuta kanaa naannoo qaama saalaatti baakteeriyaa Laaktoobaaasilas kriispaatas heddummate qabaachuun balaa dahumsa yeroo malee hir'isuun wal qabata. Baakteeriyaa Laaktoobaasilas krispaatus qaama saalatti dabaluun immoo madaala baakteeriyaa qaama saalaa akka fooyyessu akeeke.

Tuutni qorannoo kun hariiroo gosti dhiigaa dubartii ulfaa fi balaan ulfa yeroo malee dahuu waliin qabu adda baaseera.

Fakkeenyaaf, akka qorannoon ifoomsetti dubartoonni gosa dhiigaa B fi O balaa tasa ulfisaanii yeroo dhalachuuf saaxilamu. Kanneen gosa dhiigaa A ta'aniif immoo balaan jiru xiqqaa dha.

Qorattoonni dubartoonni gosa dhiigaa A qaban carraa qabiyyee baakteeriyaa Laaktoobaasilas krispaatus horachuu qabu.

Bakkeewwan biroottis, saayintiistonni US, UK fi Afrikaa Kibbaatti Laaktin -V'n dubartoota saaxilamummaa HIV olaanaa qaban ittisuu danda'aa kan jedhu qorachaa jiru.

Sergaakii fi Guudfeeloow garee saayintiistootaa tooftaa qorannoo dhibee maayikiroobaayomii irratti hundaaye dhugoomsuu jajjabeessan keessa jiru. Akka tiwooriitti tooftaan qorannoo dhibee kun saffisaa fi meeshaa laaboraatorii qaama saalaan osoo hin tuqin kan itti maalummaa baakteeriyaa qaama saalaa dubartiin ittiin barani. Kunis balaawwan ulfi irraa bahuu, ulfi yeroo malee dhalachuu, maseenummaa fi kaansarii gadameessaa dursanii tilmaamuf fayyada. Kun immoo dursanii qorannoo tolchuu fi miidhaa san ittisuuf qofa osoo dubartii takka ofumaan of yaaluu ishee dandeessisa.

"Ani addumatti saayinsii gulantaan isaa daran olaanaa kana yaalamtoota keenyaaf saffisaa fi karaa mijaawaan dhiyeessuuf hawwii guddaatu na keessatti uumame" jedha Sergaakiin.

"Tanaan dura amaloonni baakteeriyaa haala dhibeen akka wal qabatu baakteeriyaa mar'imaanii irraa barree jirra. Kun baakteeriyaa qaama saalaa dubartiif hojjechuu isaa qorachaa jirra"

Fakeenyi tokko kan itti wanni kun damee fayyaa idlee keessa seeneen qorannoo tatamsa'ina HPV waliin wal qabateeti. Kunis qorannoo isa ijoo kaansarii adda baasuu ykn duraa seelota kaansarii laaluu bira osoo hin geenye qorannoo durseeti.

HPV qorachuun amma tooftaa itti gadaamessa itti qorata ta'eera. Maalif jennaan balaa kaansarii gadameessaa adda baasuuf fayyada.


Laaktoobaasilas kirispaatus maayikiroobiyamii qaama hormaataa dubartootaa keessa jiraachun balaa ulfa yeroon osoo hin ga'iin dhalatu xiqqeessa

Madda suuraa, Prashanti Aswani

Baakteeriyaa qaama saalaaf of eeggannoo gochuu

Baakteeriyaa qaama saalaaf of eeggannoon godhamuufii q aburratti wanti namoonni gochuu danda'anii fi tasumaa akka hin goone gorfaman muraasi ni jiru.

Fakkeenyaf qaama saalaa dubartii dhiqachuun miidhaa qaqqabsiisa. Dhiqannaan kun bishaan itti naqanii dhiquu dha.Kun fayyaa qaama saalaa dubartii fooyyessuun malee balaawwan akka Baakteeriyaal Vaajinoosis, guyyaa malee ulfi dhalachuu, dhukkubbii qaama olii qaama saalaa kan maseenummaatti geessan fa'i.

Dubartoonni oomishaalee qulqullinaa akka jeelii, spireeyii fi waayips fayyadamuun sirnakkoo maayikiroobiyaal balaaf saaxiluu danda'a.

Dubartiin yeroo fedha saal-qunnamtii si'oofte keessa jirtu immoo tooftaa da'umsa dhorkan fayyadamuun maayikiroo-orgaanizimoota naannoo qaama saalaa ishee ni eega. Fakkeenyaaf, warra kondomii fayyadamaniif carraan babal'achuu Laaktoobaasilas ni dabala.

Isparmiin dhiiraa tuuta maayikiroobiyaal mataa ofii qaba. Kun baakteeriyaa qaama saalaa dubaraa keessaa waliin walitti dhufa.

Nyaata madaalawaa nyaachuun gaariidha. Qorannoon akka agarsiisutti nyaata keessaa dhangaalee akka vaayitaamin A, C, D and E, β-kaarootin, foleetii fi kaalshiyemii dhabuun, balaa BV dabaluu dabnda'a. Cooma (faatii) olaanaa soorachuunis akkanuma. Dubartoonni borcii cooma garaa qabanis baakteeriyaa Laaktoobaasilasii, gad aanaa qabu jedha akka danda'an qorannoowwan muraasi ni agarsiisu. Kanaaf qaama madaalawaa qabaachuun murteessaa dha.

Tamboo aarsuunis, baakteeriyaa baakteeriyaa qaama saalaarratti dhiibbaa qaba. Qorannoo samuda qaama saalaa dubartoota aarsan 20 fi 20 kan hin aarsinerratti fuudhameen kanneen aarsan walakkaan isaanii baakteeriyaan Laaktoobaasilasiin isaanii gad aanaa dha warra hin aarsine 15% wajjin wal bira qabamee yoo laalamu. Kanneen tamboo aarsan carraa ulfa yeroo malee dahuus ni qabu.

Kanaafuu, tamboo aarsuu dhiisuu fi nyaata madaalawaa vaayitaminootaan badaadhe nyaachuun filatamaa dha jedha Guudfeeloow. Kunneen fayyummaa fi fooyya'iinsa baakteeriyaa qaama saalaaf ni fayyadu.