Bakkee Amaaraafi Tigraay falmisiisan qofaatti akka dorgoman murtaa'e

Madda suuraa, NEBE
Naannoleen filannoo shan Naannoon Amaaraafi Tigraay irratti wal dhaban qofaa isaanii Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf akka dorgoman murtaa'uu Boordiin Filannoo beeksise.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa ibsa gaafa Wiixataa baaseeni kana kan jedhe.
Itoophiyaan ALI Caamsaa 24, 2018 keessa filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa gaggeessuuf karoorfatteetti.
Dhimmoota filannoo kanaan walqabatee falmii kaasan keessaa tokko bakkeewwan naannoleen kaaba Itoophiyaa lamaan irratti wal dhabanidha.
Boordiin Filannoo naannoleefi buufatawwan filannoo galmee filattootaa gaggeessuuf jedhu ALI Amajjii 22, 2018 ifa godheera.
Kana hordofees Manni Maree Federeeshinii Itoophiyaa xalayaa ALI Amajjii 25, 2018 barreesseen dhimma bakkeewwan waldhabbiin itti ka'u murtee darbe itti himuu beeksise.
Akkaataa dhibdee kanaan bakkeewwan dhibdeen itti ka'u hanga furmaata argatutti ''mootummaa naannoo Tigraayiin ala ta'anii qofaa isaanii kallattiin Mana Maree Bakka Bu'oota Ummatatti'' filannoon akka taasifamu murtaa'uu beeksisuu hime.
Bakkeewwan kunneenis akka Humaraa, Aaddiramats, Koram Afilaa, Xallamtiifi Raayyaa Allaamaaxaa ta'uu eere.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Filannoon mana maree naannoo fuula duratti ''murtee heeraan gaafa furamu yeroon mijataa filamee gara fuula duratti akka taasifamu murtaa'uu'' beeksise.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaas akkaataa murtee federeeshinichaa akka hojiirra oolchu ibse.
Dhimma kanarratti gama Naannoo Amaaraas ta'e gama Naannoo Tigraay yaadni kenname hin jiru.
Filannoo Biyyaalessaa 7ffaa irratti paartileen kana dura filannoo lagatan kanneen akka ABO fi KFO dabalatee ni hirmaatu.
Haa ta'u malee, dirreen siyaasaa cufamuu ibsuun komii ibsaa turaniiru.
Dhaabni biyyattii bulchuu waajjiraaleesaanii cufuun akkasumas kaadhimamtootafi miseensotasaanii hidhuun dhiibbaa irratti taasisaa jiraachuu paartileen mormituu garagaraa irra deddeebiin yeroo kaasan dhagahama.
Komii kana quba akka qaban kan himan walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Aadde Meelaatawarq Haayiluu , rakkoolee kunneen furuuf guyya guyyaan hojjechaa jiraachuu himan.
Komii paartileen siyaasaa kaasan kana furuufis boordichi koree: bakka bu'oota boordii filannoo, paartii mormituu komii dhiyeesse fi paartii biyya bulchu ofkeessatti qabate hundeessuun hojjechaa turuu himan.
"Rakkoon waajjirri cufamuu jira, hidhamuun miseensotaa ni jira. Boordiin filannoo qaamolee hidhaa kana raawwataniiru jedhamaniif xalayaa ni barreessa, ni gaafata" jedhan.
Dabaluunis "Caasaan deebii laatu ni jira, kan deebii hin laannes jira. Dhimma kana ilaalchisee boordichi qaamolee dhimmichi ilaallatu hundaaf gabaasa godheera" jedhan.















