Dargaggeessa Asoosaa kanniisa madaqsee itti hasaasu

Namoonni kanniisa sodaatanis dargaggoo Taammiraat garuu hariiroo addaa waliin qaba

Madda suuraa, Taammiraat

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni kanniisa sodaatanis dargaggoo Taammiraat garuu hariiroo addaa waliin qaba

Dargaggoon kun mudhii ol uffata ofirraa baasee qaamasaa kanniisaan uwwisuun alatti kanniisota harkaan hammaaree afaan keessa kaa’a.

Fuulasaa guutuus hoomaa kanniisaan uwwisee tasgabbaa’ee viidiyoo yoo waraabamu mul'ata.

“Keessattuu funyaan fi gurrakoo osoon hin haguugiin kanniisota ofirra kaa’uun dandeettii addaa ani qabudha” jedha.

Taammiraat Getaachoo dargaggeessa ganna 18’ti. Naannoo Benishaangul Gumuz magaalaa Asoosaa keessatti dhalatee kan guddate, ammas achuma jiraata.

Ji’oota darban keessa viidiyoon fuulli dargaggoo kanaa kanniisaan haguugame agarsiisu miidiyaalee hawaasummaarratti qoodamee namoota baay’een ajaa’ibsiifameera.

Kunneen 'akkamiin kana gochuu danda’e' jedhanii gaafatanis hindhibne. Inni garuu kanniisaan jaalatamuun kennaasaa akka ta’e hima.

“Kanniisota waliin walitti dhiyaachuu kanan eegale naannoo waggaa shan har’aa ture. Iddoo kanniisni itti horsiifamutu ture.

''Akka tasaa gara achii yemmuun deemu kanniisota waliin walbaruu eegalle” jedha dargaggoo Taammiraat.

“Achiin yemmuun darbu dhufanii qaamakoorra qubachuu eegalan, wantan dubbadhus qalbeeffachuu eegalan” jechuunis hima.

Naannoo gaagurri kanniisaa itti jiru kanatti yemmuu taa’u immoo kanniisonni baay’inaan dhufanii qaamasaarra akka qubatan hima.

Yeroo sanatti sababasaa beekuu baatus miirri rifaatuu akka itti hindhagahamne dubbata.

'Kennaakoon bare'

Naannichatti taateen akkanaa kana dura uumamee turuusaa akka hinbeekne kan himu dargaggoo Taammiraat, wayita inni kanniisota waliin walitti dhufuu eegalutti maatiifii ollaan yaadda’anii akka turan hima.

“Baay’ee sodaatanii ture. Dhiisi si ajjeesu naan jedhan. Kanniisonni nama ajjeesuu danda’u. Ani garuu kennaakoo yeroo sanan bare” jedha.

Adeemsa keessas maatiifii ollaan hariiroon inni kanniisota waliin qabu 'kennaasaa' akka ta’e hubachuun yaadda’uu akka dhiisan hima.

“Namoonni kaan dammayyuu yemmuu muran halkaniin aara aarsaniifaa muru. Kankoo garuu kennaa Rabbiiti jedheen yaada” jedha.

“Kanniisni nama itti dhiyaateef akkuma namaati” kan jedhu dargaggoon kun, kanniisonni waan itti dubbatu akka dhagahaniifi ajajasaa akka raawwatanis hima.

Taammiraati kaannisa ofitti waamee qaama isaatti duudanii jiru

Madda suuraa, Taammiraat

Ibsa waa'ee suuraa, Taammiraati kaannisa ofitti waamee qaama isaatti duudanii jiru

Kana malees akka tasaa kanniisota yemmuu fuulasaarraa harkaan dhiibutti summiin kanniisota miidhamanii du’anii yoo itti bu’e hidde malee kanniisonni itti yaadanii isa hiddanii akka hinbeeknes dubbata.

Dargaggoo Taammiraat erga kana hubatee booda hojii horsiisa kanniisaa fi omisha dammaa akka eegale hima.

Dabalataan, dandeettiisaa kanaan dorgomuufii galmeewwan dinqisiisoorratti galmaa’uuf fedhii akka qabu himun hanga ammaatti garuu carraasaa akka hin arganne dubbateera.

“Dandeettiin kun maqaa biyyaa waamsisuu kan dandeesisudha. Anis maqaa biyyakoo osoon waamsisee baay’een itti gammada” jedha.

Kanniisi yoo nama hidditu summii namatti darbuun qaami dhiita'urra darbee hanga lubbuu galaafachuyyuu gahuu akka danda'u qorannoowwan agarsiisu.