Obbo Gadduu Andaargaachoo MM Abiy 'gara Ertiraatti ergeera' jechuu irratti maal jedhan?

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad Kibxata (Guraandhala 3, 2026) haasaa paarlaama abiyyattiif taasisan keessatti miidhaa loltoonni Ertiraa Tigraay keessatti raawwatan dubbataniiru.
Loltoonni Ertiraa kunneen wayita waraana Tigraay miidhaan raawwachaa turan akka dhaabbatuuf ergaa gara Asmaraatti erganii akka turan dubbatan.
Kana keessatti maqaansaanii kan eerame ministirri dhimma alaa duraanii Itoophiyaa Obbo Gadduu Andaargaachoo dubbii kana haalaniiru.
Yeroo sanatti gara Ertiraa ergamuu kan hin haalle Obbo Gadduu Andaargaachoo, ergaan Ministira Muummee irraa itti kenname ''duula maqa balleessii dhiittaa mirga namoomaan walqabate ilaalchisee of eeggannoo waloo,'' gochuurratti akka hojjetamu ture jedhan.
Tibba waraanni Tigraay gaggeeffamaa turetti loltoonni Ertiraa raayyaa ittisaa Itoophiyaa waliin ''akka waraana biyya tokkootti,'' qindoominaan hojjetaa turan jedhan qondaalli duraanii Itoophiyaa kun.
Inumaa loltoonni Ertiraa hanga Dabrataaboritti Itoophiyaa keessa seenuun lolaa akka turan ibsan Obbo Gadduun.
Yeroo ammaa mootummaa Ministira Muummee Abiy Ahmad kan morman Obbo Gadduun, haasaa ministira muummee irratti deebii kan kennan Roobii, Guraandhala 4, 2026 ture.
Qondaalli duraanii Itoophiyaa kun ejjennoosaanii kan beeksisan xalayaadhaan yoo ta'u, xalayaan kunis miidiyaa hawaasummaarratti bal'inaan qoodamaa ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Xalayaan kun sirrii ta'uu fi kan Obbo Gadduun barreeffame ta'uu BBCn mirkaneeffateera.
Ministirri Muummee Abiy haasaa isaanii dhimma Ertiraa irratti xiyyeeffatee fi maqaa Obbo Gadduu eeran keessatti, Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti dhibdeen kan dhalate yeroo waraana Tigraay ta'uu ibsan.
Loltoonni Ertiraa, yeroo sana mootummaa Itoophiyaa faana hiriiruun humnoota Tigraay lolaa turan, magaalaa Aksum keessatti ''dargaggoota jumlaan ajjeesaniiru,'' jedhan MM Abiy haasaa isaanii paarlaamaa biyyattiif taasisan keessatti.
Magaalota akka Shiree, Adwaa fi Adigiraat keessatti ammoo warshaalee fi gamoowwan barbaddeessaniiru jechuun himataniiru.
Loltoonni Ertiraa dararaawwan kunneen raawwachuu hordofee ''aanga'oota hedduu gara Ertiraatti erguu,'' kan ibsan MM Abiy, miseensi kaabinee duraanii Obbo Gadduun namoota ergaman keessa akka turan dubbatan.
MM Abiy ''yeroo sana kabajamoo Obbo Gadduun ministira dhimma alaa turan. Yeroo tokko, lama gara Ertiraa ergeera. Kanan ergeef 'uummata koo Tigraay hin dararinaa, qabeenyasaa hin saaminaa, dhibdeen keenya TPLF faana malee uumata Tigraay faana mitii' ergaa jedhu akka ittiin ga'aniif,'' jedhan.
''Obbo Gadduun amma nu waliin hin jiran. Garuu amantii qabu, sammuu yaadu qabu, maal naan jedhuu nama beekaniidha. Har'a yoo dhoksan seenaan gaaf tokko ni baasa. Maaliif garas deemanii akka dubbatan isaan ni beeku. Shaabiyaanis ni beeka. Nutis ni beekna,'' jedhan.
MM Abiy haasaa isaanii kana keessatti Obbo Gadduu Andaargaachoo dhimma kana ilaalchisee dhugaa bahuu akka danda'an dubbataniiru.
Obbo Gadduun dhimma kanarratti dabalataan Ministirri Muummee Ittaanaa duraanii Obbo Dammaqee Mokonnin fi yeroo ammaa sirna mootummaa keessa kan jiran qondaalonni lama, sadi ta'an ergaa walfakkaataa fudhatanii gara Ertiraa imalanii akka turan xalayaa barreessan keessatti eeraniiru.
Obbo Gadduun haasaa MM Abiy Ahmadiif wayita deebii kennan yeroo taateen kun mudatutti ministira dhimma alaa akka hin turre ibsaniiru.

Madda suuraa, Office of the Prime Minister-Ethiopia
A .L.I Ebla 2011 ministira dhimma alaa ta'anii kan muudaman Obbo Gadduun, gaafatamummaa kanarra kan turan hanga waraanni Tigraay eegalamutti ture.
Waraanichi eegalee guyyaa tokko booda Onkololeessa 25, 2013 Ministira Gorsaa Dhimmoota Nageenyaa Ministira Muummee ta'anii akka muudaman ibsame.
Obbo Gadduun Amajjii 2013 ergaa minitira muummee Pireezdaantii Ertiriyaa Isaayyaas Afawarqiin gahuuf "qondaala ministira dhimma alaa tokkoo" waliin gara Asmaraa imaluu mirkaneessaniiru.
Haa ta'uu malee, ergaan isaan yeroo san gara Asmaraa fuudhanii deeman kan ministira muummee Abiyyi Ahmadiin himame akka hin turre ibsan.
"Uummata koo hin dararin ergaa jedhu na qabsiisani gara Eertiraa akka na ergan akkan mirkaneessu ragaa na waammatani. Kabajamoo ministira muummee asirratti dogoggora guddaa raawwattanii jirtu," jedhan Obbo Gadduun xalayaa isaanii keessatti.
Akka ibsa Obbo Gadduutti ergaan gara Eertiraa ergame "dhimmoota sadirratti kan xiyeeffate" ture. Dursa qabiyyeen ergaa eeranii ibsa gammachuu kan ilaallatu dha.
"Oppireeshinii qindaawaa waloon Wayyaanee irratti fudhanneen injifannoof gahuu keenyaan ergaa baga gammaddee Pireezdaant Isaayyaasiif dabarsuu [kan jedhu] ture" jechuun qabiyyee ergaa jalqabaa jedhaniinii ibsan.
Ergaan lammeessoo;"Galata uummataa fi mootummaa Eertiraaf dhiyeessuu" ka ilaallatu jedhan.
Galatni kan dhiyaate mootummaani Eertiraa "Ajajni Kaabaarratti wayita haleellaan raawwate waraana simatanii kunuunsa godhaniifiif2 akkasumas "boodarras deebisanii haleeluuf
deeggarsa obbolummaa godhaniif" akka ta'ee Obbo Gadduu ibse.
Akkaataa ibsa Obbo Gadduutti, "sarbama mirga namoomaa waliin wal qabatee" dhimmi "duula maqa-balleessii babal'aa" baname jedhamee immoo qabiyyee sadaffaa ergaa sanaa ture.
Duulli kun "deeggartoonni Wayyaanee tokko tokkoo fi humnoonni alaa michummaa Itoophiyaa fi Eeritiriyaa hin feene dhaabbilee idil-addunyaa fi miidiyaaleedhaan" kan banan akka ta'e ergaa kana keessatti hammatamuu eeran.
Ministirri dhimma alaa duraanii [Gadduun], "wanti kun oolee bulee lamaan keenyattuu rakkoo fiduu fiduu waan maluuf of eeggannoo waloo akka qabna" ergaa jedhu fudhatanii dhaquu ibsan
Ergaawwan kunneen erga isaanitti kennamanii booddee "Maaliif mootummaan Eeritiryaa akka waraanasaa baasu ifatti itti hin himnu" yaada jedhu kaasuu isaanii
Eeran.
"Isin garuu waraana keessan baasa jettanii gonkuma akka hin gaafanne jedhanii na akeekkachiisan. Achiis ergama natti kennan fudheen adda baane" jechuun deebii naaf kenname jedhan ibsan.
Dabaluunis,"kanaan ala uummata Tigraay waan ilaallatu, kan naa kaasanis kan natti kennanis wanti tokkolle ergaan ture hin jiru" jechuun yaada ministirri muummee paarlaamaarratti kaasan morman.
"Wayita sanatti dhiphinni keessan rakkoo himannaan sarbama mirga namoomaa fidee dhufu malee uummata Tigraayirra dararaan gahaa ture gonkuma ajandaa keessan hin turre" jechuun himatu.
Obbo Gadduun ergaa ministira muummeen itti kenname qabatanii gara Eertiraa deemuu fi Pireezdaant Isaayyaasiif dhiyeessuu eeran. Isaayyaasiif wayita dhiyeessanis, "Ergaa qabannerratti atakaarooon tokkollee hin turre" jedhan.

Madda suuraa, Ministry of Foreign Affairs of Ethiopia
"Duula sarbama mirga namoomaa" jedhame ilaalchisee deebiin pireezdaantii Eertiraarraa kennameef "of eeggannoo danda'amu akka godhamu nus isinis caasaawwan keenya gara gadiif qajeelfama haa dabarsinu, kanarraa kan hafe Anaa fi Abiyyi akka waliigalletti hojiiwwan hojjechuu qabnu ammallee hedduu dha kan jedhu dha" jedhan.
Deebii kana ministria muummee Abiyyiif dhiyeessuu himan. Obbo Gadduun xalayaa kanaan hirmaannaa waraana Eertiraas kaasanii jiru.
"Waraanni Tigraay eegalee hanga waliigaltee Piriitooriyaatti waraanni Eertiraa waraana Itoophiyaa waliin yeroon hin hirmaanne jira natti hin fakkaatu" jedhan.
"Kan biraa haa hafuutii bara 2013 ganna keessa humnoonni Tigraay gara naannoo Amaaraa wayita seenan waraanni Tigraay hanga Dabrataaboor dhufuu ni yaadanna" jechuun barreessan.
Raayyaan ittisa biyyaa fi waraanni Eertiraa "Oppireeshinii waloo kan dhaaban" waliigalteen Piriitooriyaa erga raawwatamee booda. "Hanga achiitti garuu hanga waraana biyya tokkoo fakkaatutti waliin turan" jedhan.












