Fannoofi fannifamuun yoom, eessatti eegale?

Madda suuraa, Getty Images
Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa biratti Fannoon Kiristoos Iyyasuus dhala namaa cubbuu keessa kuferraa qulqulleessuuf guyyaa itti aarsaa ta'e jechuun yaadatu.
Guyyaa itti Iyyasuus jaalala dhala namaaf qabu mul'isuuf jecha ofii isaa dabarsee itti kenne.
Fannoo irratti fannifamee kan du'e Kiristoos Iyyasuus barruulee seenaa biratti bakki guddaan kennamuufis, duuti cigaasisaan akkasii baroota dheeraaf raawwatamaa tureera.
Iyyasuus dhalachuu isaa jaarraawwan hedduu dura adabbii fannoo jalqabameen lubbuun dhala namaa hedduu darbeera.
''Bara durii nama tokko du'aan adabuuf karaalee cigaasisaa itti raawwataman keessaa tokko fannisuun isa hamaa akka ta'e yaadama ture'' jedhu Yunivarsiitii biyya Afrikaa Kibbaa Free State jedhamu keessatti barreessituu fi qorattuu aadaa durii kana ta'an Luwiiz Siliyeer.
Adabbiiwwan hamoon fannisuun alatti raawwataman ammoo ''jiraa gubuufi morma muruudha.''
''Uummata gidduutti hanga danda'ameen goolama uumuuf haala hammeenyaan guuteen namoota ajjeesuun baratamaa ture'' kan jedhan ammoo Yunivarsiitii biyya Ispeen Navaaraa jedhamutti damee qorannoo amantaa keessatti piroofeesara gargaaraa kan ta'an Diyaagoo Peereezi Randeezi.
Namni fannifamee du'u battalumatti lubbuun keessaa hin baatu. Namni hunduu akka isa argu daandii gubbaatti kan fannifamu yeroo ta'u, lubbuun isaas guyyoota booda baati.
Guyyoota gidduutti namootni fannifaman afuura baafachuu dadhabu, dhiigni dhangala'uun, goginsi fi sirni qaama isaanii hojii dhaabaa deemu.
Adabbiin du'aa kun yoomiifi eessatti akka jalqabame hammam beekna?
Dhaloota Kiristoos wagggaa 500 dura
Yeroo ammaa naannoo gidduugala bahaa jedhamee waamamutti warri abbaa qaroomina guddaa Asooriyaafi Baabilooniyaa jedhaman jiraatanitti akka eegalame Dooktar Siliyoor ni amanu.
Dabalataaniis jaarraa jahaffaa warra Parzhiyaatiin malaan raawwatamaa ture.
Dooktar Peereez akka jedhanitti ragaaleen hedduun kan argaman masaraa warra Asoor miidhagsuuf fakkiiwwan kaafaman irraayi.
''Keenyan masaraa irratti injifannoo waraanaa, boojuu waraanaafi haala booji'amtootni itti ajjeefaman fakkiiwwan agarsiisan turan. Malli ajjeesuu kun fannisuu waliin kan walfakkaatanis turan.''
Dooktar Siliyar bara 2003 dhuufatii fi maalummaa ajjeechaa fannoo irratti barruu tokko turan. Warri Fariis(Paarzhiyaa) fannoo idileerra namoota mukeen ykn wantoota dhaabatan irratti fannisaa turan jedhu.
''Teeknikoota turan keessaa muka irratti fannisanii afuura dhabuufi dadhabbiin akka du'u gochuudha'' jedhu piroofeesar Peereez.
Babal'achuu fannoo
Jaarraa afraffaa keessa Iskindir tokkoffaan fannoon adabuu gara Baha Meditiraaniyaatti fide.
''Iskindir tokkoffaafi loltootni isaa magaalaa Xeeroos(amma Libaanoos) jedhamtu marsan. Gara gidduugaleessaa seenuufis rakkatanii ture'' jedhu dookatarittiin.
Boodas erga magaalittii seenanii namoota 2,000 ta'an fannisan jedhu.
Achii boodas adabbiin fannoo kun gara Masrii, Siiriyaa fi Tuniiziyaa fa'atti babal'ate.
Dhaloota Kiristoos dura bara 264-146'tti waraanota godhaman keessatti warri Roomaa mala kana kan baratan yeroo ta'u, sana booda ''waggoota 500'f fooyyessanii itti fayydamuuniiru'' jedhu ogeettiin kun.
Waraannii warra Roomaa bakka gahan hundatti fannisanii ajjeesuu baru turanis jedhu.
Dhaloota Kiristoos dura waggaa sagal dura janaraalli warra Jarman warra Roomaa waraanee erga mo'atee booda loltootni Roomaa akka fannifaman ajajeera.

Madda suuraa, Getty Images
Biyya qulqulluu taate
Biyya Israa'eel ishee duriitti warri Roomaa dhufuun duras namootni fannifamanii ni ajjeefamu ture.
''Warri Roomaa biyya qulqulluu weeraruun dura fannoon raawwatamaa akka ture ragaaleen agarsiisan jiru'' jedhu piroofeesar Peereez.
Gosti isaa warra Roomaafi Yihuudaa irraa kan ta'e ogeessii seenaa, nama siyaasaafi loltuu kan ture Filaaviyees Joosefis dhalachuu Iyyasuus waggaa 88 dura jumlaan fannisuun raawwatamaa akka ture ibseera.
''Mootiin warra Yihudaa haadholii warraa isaa waliin osoo bashannanuu Yihudootni 800 ta'an akka fannifaman akkasumas ijoolleen isaaniif haadholiin warraa isaanii adda baabayiitti akka ajjeefaman ajajeera'' jechuun Filaaviyees barreessee ture.
Warra Roomaa
Warrri Roomaa bara san fannoo kan irratti raawwatan bifa X qabaachaa akka ture Dooktar Siliyoor ni dubbatu.
Irra caala garuu fakkii beekamaa warra Laatiin Taaw jedhamu kan qubee afaan Amaaraa ተ fakkaatutti dhimma bahu tures jedhu.
Fannoowwan kunasii olee dhaabamanii kan raawwataman ta'anis akkasuma ammoo kan lafarra ciibsamanis turanii jedhu.
Namni fannifamee akka du'u irratti murame akkuma Kiristoos Iyyasuus godhe fannoo isaa baatee bakka fannifamutti akka deemu godhama.
''Warri fannifaman qullaa hin buune yoo ta'e uffatni isaanii irraa baafamee dugdaan ciisaniitu harka isaanii bal'isanii mismaarri itti rukutama.''
Qaama dhiigaan faalame
Harki isaanii fiixee mukaatti akka hidhamu godhamee barruu isaaniirraa gadi siiqee mismaarrii itti rukutama. Kan barruu keessa hin dabarreef foon keessa yoo ce'e qaama nama sanaa hin baatu waan jedhamuuf lafee keessa akka bahu godhama.
Mismaarri ittiin fannifaman dheerinni isaa seentii meetira 18 furdinni isaa ammoo seentii meetira tokko ta'a.
Miilli nama fannoon du'uus akkasuma walirra akka bu'u godhameeti iddoo lafeen jiru mismaara tokkoon rukutama. dhukkuubbiin isaa jecha hin qabu jedhama.
Piroofeesar Peereez adeemsa kana keessa narvoota baayyeetu miidhama jedhu.
Dabalataanis dhiiga hedduutu dhangala'a. Afuura baafachuunis waan rakkisuuf sababa kanaatti kan du'anis hedduudha jedhu.
Sa'aatiiwwaniifi guyyoota dararaan guutan
Fannoon ajjeefamuu gara jabina guddaa wanti godhu du'uuf yeroo kan fudhatu ta'uu isaati. Namootni fannifaman gariin yeroo gabaabaa keessatti lubbuun kan keessaa bahu ta'us, Iyyasuus Kirsitoos sa'aa jaha booda lubbuun akka keessaa bahe Macaafni Qulqulluun ni hima.
Namootni fannifaman gariin dafee lubbuun keessa akka bahu miilla isaanii cabsanii dafee lubbuun isaanii akka bahu akka godhanis Piroofeesar Peereez ni himu.
Akka Macaafni Qulqulluu jedhutti warri Roomaa miilla yakkitoota Lama Iyyasuus waliin fannifamanii cabsaniiru. Iyyasuus garuu dursee waan lubbuun keessaa baheef isarratti hin raawwanne.
''Iyyasuus fannifamuu isaa dura alangeen garafameera. fiixeen alangee kanaa caccabaa sibilaafi lafee qaraa waan qabuuf dhiigni isaa hedduun dhangala'eera. Kanneen garafamanii qofa du'an jiraachuunis seenaa keessa jira'' jedhu.
Diinota hamoorratti adabbii raawwatu
Fannisuun namoota balaaleffataman, namoota jibbaman saaxiluufi qaanessuuf kan raawwatamuudha jedhu piroofeesar Peereez.
''Warri Roomaa namoota fannisuun yoo adaban yakkichi deebi'ee akka hin raawwanne gochuufi diinota isaanii hamoofis qophaa'e.''
Irra hedduu kan raawwatamu ''garboota''y, namoota orma ta'an malee warra Roomaa ta'an irratti darbee darbee raawwatama.
''Adabbiin fannoo yeroo hedduu biyya ganuu, fincila loltootaa, shororkeessummaa fi dhiiga dhangalaasuu wajjiin yakkoota walfakkaatan irratti murtaa'a.''
Kanaaf Iyyasuus fannifamuun isaa sababa gahaa irratti kan hundaa'edhaa jedhamee amanamaa jedhu piroofeesa Peereez.
Hafuu fannoo
Roomaa keessatti fannoon akka hafu kan godhe dhaloota Kiristoos booda jaarraa afraffaa keessa mootii Roomaa kan ture mootii Qosxaanxiinoos isa jalqabaadha. Mootiin kun mootii Roomaa amantaa kiristaanaa fudhate isa jalqabaati.
Amantii kiristaanaa seera qabeessa gochuun amantiiwwan kaan kan gochuu dadhaban, Impaayeera Kiristaanaa Roomaa ijaaruu danda'eera.
Ta'uyyuu adabbiin fannoo gara biyyoota kaaniitti babal'ate. Bara 1597'tti miisiyoonota 26 fannoon kan adabde yoo ta'u, amantoota kiristaanaa ari'achuus jalqabde.
Fannoon baroota keessa gocha gara jabina yaadachiisu ta'us kiristiyaanotaaf garuu Iyyasuus jaalala ibsuuf kan aarsaa itti kaffale ta'uu isaaf yaadannoodha.












