Ayyaana Fannoo: Cadaddarii yookiin gulbaaniin torban ayyaanaa maaliif nyaatama?

Cadaddariin yookiin gulbaanii jedhamee kan beekamu Ayyaana Faasikaa dura Wiixataa hanga Jimaataa nyaatama
Ibsa waa'ee suuraa, Cadaddariin yookiin gulbaanii jedhamee kan beekamu Ayyaana Faasikaa dura Wiixataa hanga Jimaataa nyaatama

Waggaa waggaatti torban xumuraa Ayyaana Du’aa Ka’uu yookiin Faasikaa jedhame beekamutti hawaasni Oromoo durii eegalee mulluu affeela.

Mulluun kuni mulluu yeroo kaan affeelamurraa addadha. Kanaafis, sababoonni garaa garaa ni jiru.

Keessumaa ayyaanni Du’aa Ka’uu yookiin Faasikaa gaafa Dilbataa kabajamuuf guyyoonni Dafinoo hanga Jimaataa guyyoota itti mulluun kuni nyaatamudha.

Mulluun kuni bakkeewwan garaa garaatti maqaa garaa garaa qaba. Cadaddarii, cadaddar, bulgaanii, gulbaanii akkasumas maqaa kaaniin kan waamanis ni jiru.

Akkamin qophaa’a?

Mulluun kuni addaa. Akka mulluu yookan shuummoo yeroo kaanii dhihaatu miti. Mulluu kana sababoota adda isa taasisu keessaa tokko haala itti qophaa’udha.

Godina Horro Guduruu Wallaggaa magaalaa Shaambuurraa kan dubbisne jiraattuun magaalichaa midhaan mulluu kana qopheessuuf oolu addatti qophaa’a jedhu.

‘’Dhiqamee, dhuubamee, tumamee, gogeeti ergasii kan affeelamu. Erga qolli isaa irraa ka’ee booda jechuudha. Tumamuun isaa akka walqabatu gargaara,’’jedhan.

‘‘Baay’inaaniis akka caccabu hofcii dhagaan irra oofu.’’

Godina Shawaa Kaabaa jiraattuun magaalaa Gabra Gurraachaa Aadde Jamaanash Kabbee illee kana himu.

Wanti lammata adda godhu makaa midhaan garaa garaa ta’u isaati.

Maalirraa qophaa’a?

Mulluun gulbaanii jedhamee waamamu makaa midhaan gosa garaa garaa ta'ef maqaan kuni itti mogga'e jedhu lubni amantii
Ibsa waa'ee suuraa, Mulluun gulbaanii jedhamee waamamu makaa midhaan gosa garaa garaa ta'ef maqaan kuni itti mogga'e jedhu lubni amantii

Kan Horro Guduruu irraa dubbisne ‘’Seerri isaa Baaqelaafi Qamadiidha. Namoonni tokko tokko garuu boqqolloo itti dabalu,’’ jedhan.

Aadde Jamaanash immoo ‘’Beeqelaa kikkii, qamadiifi bisingaa adiidha kan affeelamu. Ashaboo xiqqoo keessa buusu malee wanti biraa itti naqamu hin jiru,’’ jedhan.

Horrootti garuu daabboo waliin akka dhihaatu himan kan dubbisne.

Kanaan ala, mulluu biratti mimmixa, barbaree yookiin ashaboo daakame waliin dhihaata. Kunis, gara caalu bunni danfee ollaan erga waamameeti.

Mulluudhuma kana bakka garaa garaatti ijoolleen maatiin erga buna dhugee booda waamamanii dabaree dabareedhaan manarra deemanii bakkeen nyaatanis ni jira.

Dabalataan, akka yeroo kaanii osoo hin taane mulluun kuni qorree ‘’ akkuma daabboo ta’eeti nyaatama.’’

Yoom nyaatama?

Guyyaa itti nyaatamu irratti haala garaa garaatu jira. Kanneen dabaree seenanii Wiixataa hanga Jimaataa dabareen qopheessan jiru.

Bakka kaanittimmoo Kamisa qophaa’e Jimaata yookiin gaafa Ayyaana Fannoo nyaatama.

Ayyaana Faasikaa yookiin bakka tokko tokkotti Ayyaana Maxinoo jedhamee waamamuf adamoon ni taasifama ture.

Inumaa dur akka ammaa adamoon hin dhorkamiin dura adamoo oolanii galanii mulluu nyaatu. Kunis, gaafaa Jimaataadha.

Godina Wallagga Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa Magaalaa Ayyaanaa irraa kan dubbifne Lubni Ortodoksii Kabbadaa Goobanaa Gaafa Wiixataa eegalee hanga Jimaataa nyaatama jedhu.

Maaliif nyaatama?

Lubni Kabbadaan bu’uura ayyaanaa kanaa kiristaanummaa waliin wal qabsiisu.

Akki lubni kuni jedhanittii, mulluu nyaachuun gadda ibsachuuf kan taasifamudha.

Akka isaaniitti sirni hedduu amantaa waliin gaggeeffamu kan inni dhufe ‘‘amantaa wajjiin walqabatee saboota Israa’el irraati.’’

‘’Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiin dabarsanii du’aaf laachuudhaaf guyyaan itti marii jalqabani gaafa Wiixataati.

Wiixata kanarraa kaasanii yaadannoo Kiristoosin fannisuudhaaf godhame gadda isaanii ibsuudhaaf kan bishaan tuqee bukaa’ee hin tolfamne nyaachuni hanga Jimaataatti turan,’’ jedhan.

Sirin kunis baratamaa baratamaa dhufee akka aadeeffame himu.

Akka Luba Kabbadaa Goobanaatti maqaan gulbaanii Afaan oromoos ta’e Afaan Amaaraasa miti.

Afaan Israa’el akka ta’u shakkama jedhan. ‘’Makaa midhaanii garaa garaa waan ta’eefi ,’’ gulbaanii jedhame jedhu.

Sirna amantiin alatti sirna hawaasummaa keessumaa hammeenya dhaquufi yeroo gaddaa namoonni mulluu affeelu. Mulluus mana namaa geessu.

Bakka namni du’ettis mulluutu dursee qophaa’a. Kunis, amantaa waliin walqabatee achiiti dhufe jechuun BBC’tti himan.