Ayyaana Gubaa: 'Ayyaanni gubaa Oromoo biratti amantaadhaan oli'

Gubaa

Madda suuraa, Getty Images

Oromoon birraa keessa ayyaanota waggaa gara garaa kabajata. Isaan keessaa Gubbaa ykn Masqalaafi Irreechii kanneen Oromoo biratti siirriitti beekamaniidha.

Ayyaanni Gubaa walakkeessa ji'a Fulbaanaa haala ayyaantuun murteesseen kabajama jedhu hayyuun aadaafi seenaa Oromoo Obbo Dirribii Damisee.

Masqalli Oromoo biratti mootii ayyaanaa jedhamee waan fudhatamuuf akka ayyaana bara haaraatti ilaalama jedhu Obbo Dirribiin.

Ayyaanni Gubaa Oromoo biratti attamiin kabajama?

Gubaan kun yeroo Abbaan Gadaas ibsaa ibsee birraan bar'uu isaa itti labsudha akka Obbo Diriibin jedhanitti.

Masqalli Oromoo biraatti akkamiin akka ittiin kabajamu osoo qoratamee ilaalamee gaarii ta'uu kan himan Gaazexeessaa Buleessa kan ta'an Obbo Mokonnin Birruu ammoo, amantii ta'uu isaa caalaa ayyaanni Masqalaa dhimmoota dudhaafi falaasama uumaafi uumamaa jabduu of keessaa qaba jedhan.

Akka Obbo Mokonnin himanitti Masqalli keessattu hawwaasa baadiyyaa biratti yeroo ce'umsa waqtii gannaatii gara ifa birraatti taasifamu waan ta'eef bakka guddaa qaba.

Taatewwan hedduus of keessaa qaba waan ta'eef sirriitti hojii beeksisuuti hin taasifamne malee Oromoo biratti Ayyaanni Masqalaa ayyaana guddaadha ykn mootii ayyaanaati.

Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaa Hogbarruufi Aadaa kan ta'an Dr. Darajjee Fufaas ayyaanni bara haaraa Oromoon qabu bu'uurri isaa ''bacaqiin gannaa darbee booqaan birraa dhufuudha'' jedhu.

''Oromoon Ayyaanota ganamaa jalqabee ayyaaneffatu 27 qaba.'' Guyyaa kamirra ayyanota 27 keessaa inni kum akka kabajamu kan murteessuu warra ayyaantuudha jedhu Dr. Darajjeen.

Ayyaanonni ganamaa Oromoo kunniin kaan dagatamanii kaan ammoo bifa ganamaa isaanii dhabanii kan ayyaneffatamaa jiraniif ''guyyaa akkasitti kana kabaji jedhamee Oromoon waan dirqisiifameefi'' jedhan.

Naannoo Shawaatti warri dhiiraa ''Iyyooshee daree, daraar birraa daree'' jechaa bari'uu birraa faarsu.

Shamarranis ''Aadaabirraa yaa sherree koo qarree durbaa baalliinaadu, Kutaa koo kutaa koo, kutaa miican jirbii kuraa koo kuraa koo kuraa miidhagdittii'' jechuun uumamas, namas rabbis faarsuun galateeffatu.

Ayyana kanarratti shamarran akka ayyaana ingiccaa ykn qunnii buqqifannaa qe'ee namaarra deemanii hin sirban.

Daamaraa/Ibsaa

Daamaraan mukoota jiidhaa adda addaa laaftoo, makkaanisa, nafuroofi kan biroo walitti guuranii galgalaan daamarama jedha jiraataa magaalaa Naqamtee kan ta'e Obbo Malkaamuun ammoo.

Mukti lagaa murame kun shan manatti hirkifama, sadii karaa tokko lama ammoo karaa biraan. Mukni biraan ammoo falaxamee manatti ibiddarra tuulamee gubama. Gaafa Daamaraa namni dhangaa/midhaan lafaa ga'e qofaa kan akka ancootee, raafuu, buqqee/dabaaqulafi asheeta boqqollaa qofaa nyaata jedha Obbo Malkaamuun.

Gaafa guyyaa ayyaana kana irratti dhangaa lafaa ga'e hundatu nyaatama. Yeroo lafti gara bariitti dhiyaatu ammoo ibsaatu ibsama. Ibsaa kana miseensi maatii hunduu ibsii balbala kanatti ibsamurratti argamanii 'iyookoo daraari' jedhanii sirbaa ibsatu, jedha.

Sirboota Masqalaa

Ayyaanni Masqalaa dhimmoota gara garaa of keessaa qabu keessaa tokko sirbadha.

Akkaataan Gubaan Oromoo biratti ittiin kabajamu akkuma naannoo naannootti garaa garummaa qabaatus jala bultiin yeroo torban lamaa hanga baatii tokkorraa kaasanii dhiironniifi shamarran ni sirbu jedhan Obbo Dirribiin.

Sirboota kana keessaa Iyyoolee, Iyaasee kan yeroo Masqalaa addatti sirbamu ta'uu dubbatanii, yerooo baayyee kan ittiin nama amansiisuufi maalalchiifachuu gurmuudhaan ta'anii manarra deemanii sirbamudha jedhan Obbo Mokonnin.

Sirbi biraa Goobee/Do'ee jedhamu yeroo jala-bultii Masqalaa sirbamudha. Dabalataanis akaakuun sirboota ergaa hedduufi yeedaloo mimmiidhagaa qaban akka Kaa'oo fardaa kan yeroo irreeffannaaf deeman sirbamus jira jedhu.

Ayyaanni Masqalaa yeroo ganni darbee biraan bari'u waan ta'eef Qeerrooniifi Qarreeen yeroo itti gammadanii ayyaaneffatan waan ta'eef sirbaan miira isaanii ibsatu akka Obbo Mokonnin BBC Afaan Oromootti himanitti.