Bakka bu'oonni qeerroofi abbootii gadaa 60 saba Gaamoo galateeffachuuf Arbaamiinci galan

Jaarsolii Gaamoo

Madda suuraa, MILKEESSAA MIIDHAGAA

Walitti bu'iinsa tibbana naannoo Buraayyuutti umameen walqabatee olmaa fakkeenyummaa jaarsooliin saba Gaamoo taasisaniif galata galchuuf bakka bu'oonni qeerroo fi abbootii gadaa har'a Oromoo Arbaaminci galan. Imala kan kan hoogganan hoogganaan Biiroo Dhimma Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Dr. Milkessa Miidhagaa akka BBC'tti himanitti, kaayyoon imala galataa kun inni guddaan jaarsoolii Saba Gaamoo jaalala dhugaa fi obbolummaa agarsiisaniif galata agarsiisuuf.

Jilli gareen gara Magaalaa Arbaaminciitti imalee kunis dargaggootaa, maanguddootaa fi abbootii gadaa 60 tahan of keessaa qaba.

Wayita gara sanatti imalanittis simannaa ho'aan daandiirratti taasifamaaf turuu isaa kan himan Dr Milkeessaan, jaarsoolii saba Gaamoo hojii gaarii raawwatan kanneen qaamaan dhaqanii galateeffachuu waan barbaadaniif imalicha taasisuusaanii himaniiru.

Kana malees ''biyyi tokkoo ijaaramuu kan jaalalaan kan ijaaramtuufi akkasumas mo'achuun kan danda'amu jaalalaan qofaan'' kan jedhan hoogganaan kun, kisaaraa malee bu'aan nama ajjeessu irraa buufatamu akka hinjirree dubbataniiru.

DArgaggoota

Madda suuraa, Milkessa Midhega

Walitti dhiyaatanii mari'atuun ijaarsaa biyyaafi jaalala sabaafi sablamileetiif gummaacha guddaa akka qabaatulleen himaniiru. Gochaan amma isaan taasisaa jiran kunis qaamuma falaasama 'ida'amu' ministirri mummichaa Dr Abiyyi hordofan ta'ulleen dabaluun himaniiru.

Haaluma imala isaanitiin walqabateenis kabaja ayyaana Masqalaa Saba Gaamoo biratti Kamisa haala ho'aan kabajamu fi jijjirraa bara haaraa Sabichaa waliin kabajuuf karoora akka qabanis barameera.

Haaluma kanaanis bakka bu'oonni dargaggoota Oromoo garasitti imalanis dargaggoota Gaamoo waliin jala bultii ayyaanichaatii kaasuun waliin jaalalaan akka dabarsan himaniiru.

Jilli garee gara Magaalaa Arbaamincitti imale kunis dargaggoota, abbootii gadaafi maanguddootaa naannoo Oromiyaa bakkee garaa garaa irraa walitti babbahaniifi qondaaltoota mootummaa kan hammate ta'unsaa illeen barameera.

Akkasumas imalichi walitti dhufeenya ummattoota biyyattii cimsuun alattis, keessatti aadaawwan nageenyaa, wal qixummaa fi tokummaa ummattoota kibbaa bara dheeraa akka ifatti bahuuf yaadamee kan kiyyeeffate ta'ulleen Dr Milkeessaan himaniiru.