Namoonni badii uuman qarshiidhaan socho'aa turan

Madda suuraa, Feesbuukii FBC
Guyyoota darbaniif rakkoo nageenyaa keessa kan ture Buraayyuu fi naannoon isaa yeroo ammaa tasgabbaa'eera.
Hoogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Naannoo Oromiyaa Dr. Nagarii Leencoo ibsa kennaniin ta'e jedhanii saboota walitti buusuuf maallaqi guddaan ramadameefii Magaalaa Finfinneerraa eegalanii socho'aa akka turan ibsaniiru.
Garee of gurmeessee badii geessisuu kaayyeffate kan miseensota 99 qabaachuun bira ga'ame kana keessaa namoonni ja'a kilaashii sadii fi shugguxii saddeet akkasumas konkolaataa lama,Akkaawuntii Baankii fi chaappaa sobaa kan magaalaa Buraayyuutii baafatan waliin to'annoo jala oolaniiru jedhan.
Qarshii sobaa fi maallaqa guddaa waliin qabamuusaanii kan ibsan Dr.Nagariin Akkaawuntii Baankii namoota to'annoo jala oolanii keessaa qarshiin miiliyoonni saddeet argameera jedhan.
Guyyaa har'aas namoota badii balleessuurratti xiyyeeffatan kanneen hafan qabuuf poolisiin hojiisaa hojjechaa jira jedhan.
Ummata magaalaa Buraayyuu waliin mari'achuun namoota miidhaan irraa ga'ee qe'eesaaniirraa buqqa'an 300 iddoosaaniitti akka deebi'an hojjetameeras jedhaniiru.
Isaan hafanis qe'eesaaniitti deebisuuf mootummaaan federaalaa, Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee fi Mootummaan Naannoo Oromiyaa waliin hojjechaa jiru jedhan.
Namoota shakkamanii qabaman 200 keessaa 23 irratti odeeffannoon qindaa'e argamee mana murtiitti dhiyaachuuf jirus jedhan.
Namoonni qabeenyisaanii jalaa saamame warren saaman harkaa deebisuun harkasaanii ni galchina, Mootummaan naannoo Oromiyaas qabeenyi namootaa akka deebi'uuf cimsee akka hojjetu beeksisaniiru.
Jiraatotti Magaalaa Buraayyuus ijjeechaan saba gaamoo ka sanbata fi dilbata maqaa qeerrootin tae , qeerroo fi jiraatoti naannicha baka hin bu'u jedhanii balaaleffatan .
Maanguddoon Magaala Buraayyuu obbo Malkaa Hurrisaa, wani tae sun, Oromoo biratti safuu jedhu.
''Oromoon safuu qaba, aadaa qaba, ni guddifata. Gocha akkanaa asitti dhalatee hin beeku arginees hin beeknu. Wanti raawwatame ummata Oromoo bakka hin bu'u. Qeerroo buraayyyuu kan bakka hin buunedha. Namoota bakki isaan dhufan hin beekamnetu kana raawwate waan ta'eef balaaleffanneerra. Weerroon Buraayyuu dhugaadhaaf falma malee gocha suukanneessaa akkanaa namarratti akka hin raawwanne beekamaadha.Ammas taanaan jarreen buqqa'an kanneen mannisaaniillee kan duraa barbadaa'e yoo jiraate qeerroo magaalaa keenyaa waliin taanee ijaaruuf qophiidha.Uummanni magaalaa Buraayyuu namoonni kunneen qe'eesaaniitti akka deebi'an fedha. Iddootti deebisuuf hojii hojjetamus ni deggera.''
Ijeecha tanafi, nami hedduun qae isanirra buqae, finfineetti baqate. Har'a ammo jarooleen biyya buufata warri baqate qubate dhaqe, qae teesaniti debia jedhani kadhatani jedh obbo Malkaan.
''Dr. Abiyyi dhufanii dubbii dubbataniin buqqa'iinsi kun saboota kibbaarratti akka xiyyeeffachuu hin qabne, kanaan durallee badiin akkasii saba Oromoorra ga'ee waan tureef ,diina gidduu seenee waan kana raawwatu, ummanni biyyattii akka hin tokkoomne namoota hookkara kaasan balaaleffachuu fi dura dhaabbachuu qaba jedhaniiru,kanaafuu isinis gara qe'ee keessaniitti deebi'aa jedhanii gorsaniiru. Isaan garuu hin deebinu jechaa jiru. Nutimmoo akkasaaan deebi'an maanguddoosaanii waliin bilbilaan dubbanneerra. Waliin mari'annee nageenyasaaniif wabii taanee, qe'eesaaniitti deebissuuf walii galleerra.''
Daraggaggeeyyiin magaalichaa dubbisnee, nageennaa Saboota bira mirkaneessuuf akka hojjetan himan.













