Dantaa hawaasaa eegsisuuf tarkaanfii ni fudhanna - Poolisii Federaalaa

Obbo Zeynuu Jamaal

Madda suuraa, FBC

Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Zeynuu Jamaal

Rakkoo Buraayyuutti mudateen miidhaan dhaqqabuu fi namoonni buqqaafamuun walqabatee hiriira magaalaa Finfinneetti har'a ba'amerratti ibsa kan kennan Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Obbo Zeynuu Jamaal, poolisiin tarkaanfii fudhachuu cimsee itti fufa jedhan.

''Magaalaa Finfinnee keessatti dargaggoota muraasa walitti qabanii maallaqa kennuufiidhaan hiriira ba'anii jeequmsa arrabsoo sabarratti xiyyeeffaterratti akka hirmaatan namoonni taasisan to'annaa jala oolfamaa jiru.'' jedhan.

Hiriira kanarratti namoonni nagaan yaadasaanii ibsachuu barbaadanis waan hirmaataniif obsinee nageenyasaanii eeguurratti xiyyeeffanne. Gareewwan muraasni biyya shororkeessuuf ba'anis jiru. Kanneen boombii qabatanii ba'an to'atamaniiru. Faddaalonni saamichaaf ba'anis naannoo Markaatootti to'annoo jala oolaniiru.'' jedhan Komishinar Zeynuun.

Obsi daangaa qaba kan jedhan Komishinar Zeynuu Jamaal, ummata bara dheeraaf dimokiraasii dheeboteef carraa haa bannu jennee haala eegumsa nageenyaa jijjiiruun keenya kallattii hin taanetti deemuu waan eegaleef daangaa itti gochuu qabna jedhan.

''Gareewwan hiriira ba'an keessaa kan meeshaa waraanaa qaamolee nageenyaarraa fudhate jira. Wayita kana miseensonni poolisii biroon tarkaanfii fudhachuun seera qabsiisaniiru.'' jedhan.

Hiriira kanaan namoonni shan du'uu fi hedduunis madaa'uu eeran Komishiner Zeynuun.

Gareewwan hiriira ba'aa jiran kunneen maqaa dhaabbilee siyaasaa qabatanii saboota walitti buusuuf ergama akka qaban bira geenyeerra jedhan. Kanneen jijjiirama amma argamaa jiru gufachiisuuf qindaa'anii socho'an ta'uu hubanneerra jedhan.

Maqaa paartilee tibbana gara biyyaa deebi'aniin socho'uun wal dhabdee sabaa kan barbaadaniidha jedhan.

Ummata baroota dheeraaf hacuucamee amma ifatti ba'aa jiruuf hacuuccaa biraa hin gumaachinu jennee obsine kan jedhan Komishiner Zeynuun poolisiinillee kanumaaf tasgabbiidhaan dhimma kana hordofaa turuu eeran.

''Garuu hanga meeshaan humnootii nageenyaa harkaa fudhatamutti obsuu hin dandeenyu. Wayita inni humna qabu isa humna hin qabne hacuucu teenyee hin ilaallu. Obsi keenya hanga olaantummaan seeraa kabajamuttidha.'' jedhan.

Ergamni keenya warra humnaan deemaniif osoo hin taane ,dantaa ummataaf waan ta'eef amma booda tarkaanfii fudhachuu cimsinee itti fufna jedhan.

Badiin raawwatamuusaatiin dura maaliif tasgabbiin uumamuu dadhabame kan jedhurratti wayita yaada kennan,''Qaamoleen nageenyaa dursanii qolachuuf dirqama qabu turan. Gama kanaan qaawwaan uumameera" jedhu.

Qaamoleen rakkoo uuman kunneen qindaa'anii bakka qaamoleen nageenyaa itti ramadamnirraa fagaatanii ergamasaanii raawwataa turan jedhu.

Ta'us garuu warri badii geessisan hedduun to'annoo jala oolaniiru. Naannoo buraayyuutti naannoo namoota 300, Finfinneettis namoota 300 caalan to'annoo jala oolchineerra.'' jedhan Komishiner Zeynuun.

Komishiner Zeynuun ummanni qaamolee nageenyaa bira dhaabbachuun namoota rakkoo uuman seeratti dhiyeessuu akka qabuu fi dargaggoonnis ergama namoota kanneenii milkeesuuf socho'uu akka hin qabne dhaamaniiru.

''Faddaalota gareedhaan qindaa'anii nageenya hawaasaa yaaddoo keessa galchan kan funaannee seeratti dhiyeessinu ta'a. Uummanni keenya kanaaf yaadda'uu hin qabu. Nama nama ajjeesee deemuuf eegumsa taasisuu fi mirgasaa eeguuf miti kan dhaabbanne. Dantaa hawaasa keenyaa eegsisuuf ergama nageenyaa kamiyyuu ni baana.'' jedhan Komishiner Zeynuun.

Gareen qindaa'e guyyaa lama dura Buraayyuutti jeequmsa kaasuun miidhaa geesisaniin hanga ammaatti namoonni 23 du'uu, kaan madaa'uu fi qe'eerraas buqqa'uu dubbatu Komishinerri Komishinii Poolisii Oromiyaa Alamaayyoo Ijjiguu.

Gaaffiin namoota kanneenii maali, dhugaadhumaan namoonni kunneen sabarratti xiyyeeffatanii miidhaa geessisaa turanii gaaffii jedhuuf wayita deebii kennan Obbo Alamaayyoon,'' Dhugaan jiru namoota du'an keessa Oromoonis jira, saboota biroorratti miidhaa geessisuunis mul'ateera.'' jedhan.

Ibsa wa'ee raadiyoo, "Wanti Buraayyuutti ta'e simannaa ABO'n wal hin argu"

Humni qindaa'ee socho'u kun ammaaf eenyummaansaa fi eenyu akka duuba jiru kan hin qulqulloofne ta'us, garuu jijjiirama amma biyyattii keessatti argamaa jiru cilee dibuu warra barbaadaniidha jedhan.

''Gaafa jimaataarraa kaasee Buraayyuutti qabeenyi barbadaa'ee jiraa, namnis miidhamee jiraa, kana kan raawwatemmoo dargaggeessa Finfinnee osoo hin taane, garee faayidaansaanii jalaa hanqateedha'' jedhu Obbo Alamaayyoon.

Namoonni gocha akkanaa keessatti hirmaatan 200 ta'an deggersa ummataa fi poolisiitiin to'annoo jala oolaniiru jedhan Obbo Alamaayyoon.

''Badiin raawwatame simannaa ABO irratti waan qeerroorratti raawwatame haaloo bahuudhaan wal hin qabatu, ummanni Oromoo erga sirna simannaa xumuree karaa nagaadhaan manasaatti galeera. Qaamni rakkoo uumaa ture durumaanuu tureera. Poolisiinillee qabuuf hari'aa ture. Tokkollee hiriiraan wal hin qabatu.'' jedhan.