Marga jiidhaadhaan jaarsolii badii oolchan

Magaalaa Arbaa Mincitti jaarsoliin marga qabatanii wayita araaraaf kadhatan

Madda suuraa, Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Arbaa Mincitti jaarsoliin marga qabatanii wayita araaraaf kadhatan

Akkaataa aadaa saba Gaamootti wayita nageenyi boora'u, nagaa fi araara buusuu keessatti ga'een jaarsolii biyyaa olaanaadha.

Bakka gurmuu namootaatti rakkoon yoo uumame, jeequmsii fi walitti bu'iinsi rakkoo hamaa fiduuf sodaachisullee yoo jiraate, jaarosliin biyyaa, abbootiin amantaa, fi kanneen umuriin jaaran marga jiidhaa fi baala qabatanii baanaan namuu hin socho'u, akka aadaa saba Gaamootti.

Aadaan kun duudhaalee sabni kun dur durii kaasee kunuunsee asiin ga'eedha.

Margi fi baalli jiidhaan mallattoo nageenyaati jedhamee amanama, kanaafuu hiikaa margaa fi baala qabatanii ba'uu nageenyaa fi tasgabbii uumuudha.

Tibbana Magaalaa Buraayyuutti rakkoo mudateen walqabatee lubbuu namaa fi qabeenyarra miidhaa qaqqabe mormuuf dargaggoonni magaalaa Arbaa Minci hiriira ba'aniiru.

Baankiiwwan Oromiyaa magaalattii keessa jiran irrattis dhagaa darbachuun haaloo ba'uuf yaalaa turan.

Gochi akkanaa kan isaan yaadesse jaarsoliin biyyaa akkaataa aadaa saba Gaamootiin margaa fi baala jiidhaa qabachuun qabeenya dabalataan barbadaa'uuf itti aggaamamaa ture dura jilbeenfachuun kadhatanii hambisaniiru.

Walitti qabaan koree jaarsolii biyyaa magaalaa Arbaa Minci Obbo Sadiiqaa Simee ''Kaayyoon jalqabaa hiriira mormii kanaa miidhaa geessisuu fi qabeenya barbadeessuu hin turre, boodarra garuu yaaliin akkanaa wayita eegalamu, eegdota baankii waliin dubbachuun marga jiidhaa qabannee jilbeenfannee dargaggoonni gochasaanii irraa akka deebi'an taasifneerra.'' jedhan.

Jaarsoliin Arbaa Minci marga jiidhaa qabatanii jiru

Madda suuraa, Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Jaarsoliin Arbaa Minci marga jiidhaa qabatanii jiru

Yeroo mormiif ba'an sana keessan ture kan jedhu Ganashaa Maadaa ''Jalqabarratti akka waan namni Gaamoo keessaa du'eetti akka aadaa saba Gaamootti boo'aa turan, gama biraatiinimmoo wanti raawwatame seera maleessa, gaamoon nama hin ajjeesu, yoo miidhamellee dhiifamaan irra darba sagalee jedhu dhageessisaa turan.'' jedha.

Akkaataa aadaa saba Gaamootiin namni kadhaa jaarsolii biyyaa kanarra ejjetee darbe abaaramaadha waan ta'eef dargaggoonni irraa of qusataniiru.

Maalumaafuu akka sodaatame otoo hin taane rakkoo utuu hin geessisin namoonni karaa nagaadhaan mormiisaanii dhageessisanii galaniiru.

Jaarsi biyyaa dubbisne kan biraan Anjeloo Arshoo haala ture gara jeequmsaatti geeddaruuf kan abbalaa turan jiru jedhu. ''Oromoota magaalaa Arbaa Minci keessa jiraatan irraan miidhaa geessisuuf yaalaniiru. Garuu Baankota Oromiyaa qofarraan miidhaa geessisan. Isa boodadha kan jilbeenfannee kadhannee akka gochasaaniirraa of qusatan taasisne,'' jedhan.

Hoogganaa Biiroo Haqaa, Nageenyaa fi Bulchiinsaa Bulchiinsa Magaalaa Arbaa Minci Obbo Gabayyoo Xaaraa, ummanni namoota sabaan Gaamoo ta'an irra miidhaa qaqqabe mormuuf hiriira nagaa akka ba'an eyyamameefii ture jedhan.

Ta'us garuu gidduutti garaagarummaan yaadaa uumamuun, qabeenyarraan miidhaa geessisaa kan turan jiru jedhu.Qaamoleen nageenyaas miidhaan lubbuu namaa fi qabeenyarra akka hin geenyeef jecha gara samiittti dhukaasaa turan jedhan.

Wayita kana lubbuun namoota 2 darbee, sadi ammoo miidhaan irra ga'eera jedhan. Namoonni jeequmsa kaasuu keessatti hirmaatan 20 ta'an to'annoo jala oolaniiru jedhan.

Magaalattiin har'a nagaa qabaachuushees ibsaniiru.