Gabaasni lakkoofsa namoota Buraayyuurraa buqqa'anii turan maaliif waldarbe?

Obbo Malkaa Hurrisaa jiraataa magalaa Buraayyuudha. Walitti bu'insa naannichatti torban darbe uumameen namoonni yeroo qe'ee isaanii dhiisanii bahan jaarsoliin dura gorree kadhachaa turree jedhan.
Namoonni qe'ee isaaniirraa buqqa'an kunneen deebi'anii akka galaniifis jaarsolii waliin hojjechaa turre jedhan.
Jaarsoliin waliin taane kantiibaa magaalaa keenyaa waliin bakka buufatan deemnee daawwachuun akka qe'eetti galaniif kadhachaa turre kanaaf erga Jimaataa as deebi'aa jiru jedhan Obbo Malkaan.
''Qabeenyi isaaniis akkuma dhiisanii bahanitti jira. Dargaggoonni keenyas mana isaaniifi dallaa isaanii caccabe deebisanii ijaaruun tumsa gochaa jiru,'' jedhan.
Haatahu namoonni durumaaniyyuu sobaan manni nurratti gubateera jechuun himataa turan ammas galuudhaaf fedhii kan hin qabne jiru jedhu Obbo Malkaan.
FBC'n Bulchiinsa magaalaa Finfinnee wabeeffachuun akka gabaasetti lakkofsi namoota buqqa'anii kuma 15 fi 86 yoo tahu isaan keessaa 11 fi 902 kan tahan gara qe'ee isaaniitti deeb'aniiru.
Haatahu malee Dubbii Himaan Bulchiinsa Magaalaa Buraayyuu Obbo Damee Mulaatuu lakkoofsi kun dogoggoradhaa jedhan.
''Daldala siyaasaa yaadaniif jecha bakkeewwan garaagaraa irraa dhufanii namoonni itti dabalaman lakkofsichi akka dabalu gochuu danda'u. Ragaan of harkaa qabnu kan agarsiisu garuu namoota 3050 tahan qofatu Buraayyuu irraa buqqa'e,' 'jedhan Obbo Dameen.
Namoota buqqa'an kannen keessas akka miidiyaaleedhaan gabaafamu osoo hin taane baay'een isaanii gara qe'eetti deebi'uun namoota 100-200 hin caalle qofatu bakka qubannaa isaaniitti hafee jedhan.
Faayidaa Addaa
Namoonni baay'een faayidaa addaa waan argatan se'anii odeeffannoo dogoggoraan qe'ee isaanii dhiisanii bahanis jedhan.
Erga jeequmsi naannoo keenyatti uumamee guyyota lamaafi sadiin booda odeeffannoo sobaa Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee mana waliin jireenyaa isiniif kenna jedhuun mana isaanii cufanii deemuu Obbo Dameen himaniiru.
Dabalataan namoota kanneeniif tajaajilli addaa kennamu hin jiru deegaranii gara qe'ee isaaniitti deebisuurra kan hafe jedhan
''Akkuma lammiilee warra kaanii tajaajila kennamu irraa kan hafe qofaatti lafas tahe tajaajilli isaaniif kenninu hin jiru,'' jedhan
Namoonni yakka kana keessaa harka qabu jedhamuun shakkaman 394 to'annoo seeraa jala ooluun qorannoon gaggeefamaa jiras jedhan.
Isaan keessaa namoonni 46 tahan yakka ajjeechaa raawwatame keessaa harka qabu jedhuun shakkamuun himanni irratti banamuun poolisii beellama qabatee dhimmicha hordofaa jiras jedhan.
Nageenyi uummata naannichaas haala gaarii irratti akka argamu himuun uummanni keenya tasgabbaa'uun hojiisaa itti fufeera jedhan, Obbo Dameen.













