Poolisii Finfinnee: Rakkoo nageenyaa Finfinnee yeroo dabreen lubbuu 28 darbe

Madda suuraa, Facebook/Addis Ababa Police Commission
Komishinarri Komishinii Poolisii Finfinnee Mejar Jeeneraal Daggifee Badii ibsa miidiyaalee biyya keessaaf kennaniin waan jedhan, sababa alaabaatiin walqabatee, akkasumas sababoota seeraan alaa biroon waliigalatti lubbuun namootaa 28 darbeera.
Kanneen keessaas hedduun lubbuunsaanii ka dabre dhakaafi uleen reebamanii akka tahe, akkasumas 7 ka du'an ammoo humnoota nageenyaatiin akka tahes dabalanii himaniiru.
Hojiin hayyamaa fi dhorkaa alaabaa dhaabuufi haalluu diibuun walqabatee jiru kan poolisii tahuyyuu, qaamoleen eenyummaan isaanii hin beekamne, mandaroota keessaa bahuun haala seermaleessummaan ta'een dhaabsisuu wayita yaalanitti okkorri uumame jedhan.
Kanumaanis walqabatee ALI Fulbaana 2 hanga 7tti okkorri magaalaa Finfinnee keessatti ka'eera jedhaniiru Komishinarichi.
Kunis Kutaalee Magaalaa Kolfee keessa lubbuun namootaa 14, Addis Katamaa keessa 5, Nifaas Silk Laaftootti 3, Qirqoos keessa 5 akkasumas Araadaa 1: walumaagalatti 28 lubbuun darbeera.
Kanumaanis walqabatee tattaaffii poolisiin okkora kana dhaabsisuuf taasiseen, namoota kallattiin harka keessaa qabu jedhaman 2,000tti siqan to'annoo jala oolchuus MJ Daggifee Badii himaniiru.








