Benishaangul Gumuzitti barattoonni barnoota hunda Afaan Oromoon barachuufi

Kitaabilee Afaan Oromoo

Manneen barnoota naannoo Benishaangul Gumuz keessatti barnoonni Afaan Oromoo akka afaan dhalootaatti kennamufi.

''Mana barumsaa 20 keessatti barana hin jalqaba jedhameeti yaadama,'' jechuun Itti-gaafatamaan itti-aanaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Galaanaa W/Mikaa'el (PhD) BBC'tti himaniiru.

''Afaan Oromoo yeroo jennu akka Afaan tokkooffaatti. Gosa barnoota hundumaa Afaan Oromoon baratu.''

Naannoo kanatti lammiileen Afaan Oromoon barachuuf gaaffii kan dhiheessaa turan yoo ta'u barumsi Afaan Oromoon kennamu kunis yeroo jalqabaatiifi.

Qondaalli kun akka jedhanitti naannoo Oromiyaafi naannoo Benishaangul Gumuuz gidduutti waligalteen mallattaa'eera.

Yeroo ammaas kitaabota Afaan Oromootti akka jijjiiramaniifi, barsiisotaafis leenjiin kennamaa jiraachuu himaniiru.

Naannoo Hararii, bulchiinsa magaalaa Dirre Dhawaatti akkasumas naannoo Amaaraattis Afaan kana babal'isuuf hojjetamaa akka jiru kan dubbatan.

Torban darbe bulchiinsi magaalaa Finfinnee manneen barnootaa mootummaa hunda keessatti barnoonni Afaan Oromoon akka kennamu murteessuun isaa ni yaadatama.