Koroonaavaayiras: Guyyaa ayyaanaa amantii waliirraa fageenya eeeguun akkamiin kabaju?

Muslim prayers during Ramadan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ramadaanni Muslimoonni ji'a gara Rabbiitti dhiyaatanidha

Kaalendara amantaa warra Yihudootaa keessatti Eebla 7 guyyaa gurguddoo waggaa keessaa isa tokkodha.

Maatiifi firri Yihudootaa walitti qabamuun nyaata addaa Seder jedhamu nyaatu, kitaaba amantiirraa ni dubbisu, ni faarfatu, akkasumas odeessaalee walitti himu.

Guyyaan kun guyyaa Muuseen abbootiisaanii durii garbummaa Masrii jalaa itti baase kan itti yaadatanidha.

Haatahu malee bara kana wayita waliirraa fageenyi hawaasaa eeguuf jecha, bara kana dhangaa Sederif hawaasni kun manatti wal hin waaman.

Ayyaanni Faasikaa fi Ramadaanis dhiyaachaa jiru. Kanaafuu ayyaana amantii kabajuun kiristaanootaafi musliimota addunyaatif gaaffii guddaadha.

Waldaalee fi paastaroonni Ameerikaa keessaa tokko tokko ajaja 'mana turaa' daddarbaa jiru. Haatahu malee kanneen manatti adda ofbaasanii jiraniif, ayyaana waggaa akkamiin kabaju?

Irbaata qulqulluu intarneetaan

Good Friday procession in Kenya

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Guyyaa 'Jimaata Qulqulluu'tti Yesuus fannifamuusaa yaadatu

Waqtiin amma kun Kiristaanota addunyaarra jiraniif yeroo haalaan eeggatanidha. Ayyaanni Faaasikaa du'aa ka'uu Yesuus Kiristoos kan itti kabajatanidha.

Yeroo kanatti namoonni hedduun bataskaana keessatti walitti qabamu, keessattuu guyyaa Jimaataa fi Dilbata (Faasikaa).

Sagantaan waldaatti lubaan gaggeeffaman, amma jijjiiramaniiru.

Kaarol Kutisushii kiristaana magaalaa Naayiroobii keessa jiraattudha. ''Irbaata Qulqulluu gaafa Jimaata Fannoo karaa appilikeeshinii viidiyoo 'Zoom'n gaggeessina,'' jette.

''Haala amma keessa jirruun qixxaa waldaa keessatti fayyadamnu argachuu hin dandeenyu, kanaafis waanuma isa fakkaatu fayyadamna.

Daabboo manaa qabnuufi cuunfaa wayinii fudhannee, irratti kadhachuun, irbaata qulqulluu altokkotti fudhanna.''

Sunday morning catholic mass. Holy communion in Lome, Togo

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Irbaatni qulqulluu waaqeffannaa Kiristaanaa keessatti sirna olaanaadha

Keeniyaan guutummaatti hin cufamne. Haatahu malee galgala sa'aa tokkoon booda namuu manaa akka baane jedhameera.

Waldaan Kaarol yeroo kaan garee gareen tahuun manasaanii keessatti walitti qabamu turan.

Amma garuu, walitti qabamuun kun intarneetaan taheera jetti. Kunis isa durii caalaa akka walarginu godheera jetti.

''Gaggeessitoonni waldaa luqqisa kitaaba keessaafi mataduree nuuf ergu. Guyyaa Kibxataafi Jimaataa mara marii fi kadhannaa karaa Zoom gaggeessina.

''Xiqqooshii rakkisaadha. Ta'us manuma keenyatti teenyee gara Waaqaa akka dhiyaannu carraa bana. Ijoollee keenyas Macaafa Qulqulluu akka dubbisanis ni goona.''

''Isa durii caalaa walitti nu fideera''.

Ramadaana amma dura tureen adda

Muslim prayers during Ramadan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ramadaanni Muslimoonni ji'a gara Rabbiitti dhiyaatanidha

Jiini qulqulluu Ramadaanaa ALA Ebla 23 eegala. Ji'a kanatti Muslimoonni Ergamaa Rabbii Muhaammadif Qur'aanni yeroo jalqabaaf itti mul'achuu yaadatu.

Yeroo kanattis hordoftoonni amantichaa aduun baatee haga dhiitu nyaataafi bishaan lagatu.

Galgala wayita aduun dhiitu, maatiifi hiriyoonni walitti qabamuun Ifxaar gochuun soomana xumuru. Hedduunis gara masjiidaa deemuun salaatu.

Faxiiruu biyya Indoneeshiyaatti

Madda suuraa, Getty Images

Dargaggoonni muuslimaa UK keessa jiran haala amma irra jirru kana akka carraatti fayyadamaa jiru.

Piroojektiin The Muslim Tent jedhamu sagantaa 'Open Iftar' jedhamu ni qopheessu.

Jarri kunis iddoowwan bebbeekamoo kan akka addabaabaayii Trafalgar Landanitti argamutti dunkaana dhaabuun, namoota amantii kamuu keessa jiran nyaataaf affeeru.

Bara kanas, guyyaa jalqabaa Ramadaanaa ifxaara intaneeta gubbaan taasisu. Namoonni kumaatamaan lakka'aman akka hirmaatanis abdii qabu.

Gareen kun namootaaf saanduqa wantoota garagaraa okeessaa qabu ergaa jiru. Isaan keessaas wantoota nyaata qophessuuf gargaaran, taphoota garagaraafi odeeffannoowwan.

Guutuu ji'a Ramadaanaa keessa karaa Zoom waliin ta'uun nyaata nyaachuun akkasumas, azaanni salaataa ni taasifama.

''Salaatni halkanii Maagrib jedhama. Kanaanis soomana keenya waliin hiikanna,'' jetti Rohmaan.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa