Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras- wantoota beekuu qabdan

Namoota lama maaskii uffatan siree keessatti

Madda suuraa, Getty Images

Yoon wal qunnamtii saalaa taasise koronaavaayirasiin na qabataa? Kana yaaddee garuu gaaffachuuf qaanofte ta'uu danda'a.

Dhugaa jiru oduu sobaa irraa adda baasuuf oggeessota gaafanneerra.

Oggeessa fayyaa Dr Aleeks Joorji fi geezexxessituu saal-qunnamtii Aliiks Fooks gaafanneerra.

Alix Fox and Dr Alex George

Madda suuraa, Paul Cochrane/Jessie Whealey

Yeroo weerara koronaavaayirasiitti qunnamtii saalaa gochuun ni danda'amaa?

Dr Aleeksi Joorji: Yoo jaallallee qabda ta'e… nama sana waliin jiraatta ta'eefi naannoo tokko keessa waliin ooltu ta'e halli jiru hin geeddarramu.

Haa ta'u malee isin keessa namni tokko mallattoowwan vaayirasichaa qaba yoo ta'e, manuma keessattillee walirraa faggaachuun filatamaadha.

Akka yaadaatti mana ofii keessattilee, namni hundi meetira lama utuu walirraa fagaatee gaaridha, kun garuu waan badaa hin danda'amne ta'uun nuuf gala.

Aliiksi Fooksi: Dabalataan ati mallattoo koronaavaayirasii salphaa ta'e qabda yoo ta'e jaalalleen keefis akkasuma ta'e jette yaaduu dhiisuun barbaachisaadha.

Kanaaf, yoo maallattoo kamiyyuu qabda yoo ta'e hanga dandeessutti jaallalleekee irraa fagaadhu.

Nama haaraa wajjiin saal qunnaamtii gochuunoo?

Dr Aleeksi: Yeroo kanatti jaalallee haaraa qabachuun gaariidha jedhee hin qorsu, sababiinsaa vaayirasicha daddabarsuu dandeessa.

Aliiksi Fooksi: Namootni vaayirasicha qaban tokko tokko maallattoo dhukkubichaa akka hin argarsiisne hin dagatiin.

Kanaaf yoo guutummaatti fayyummaan sitti dhaga'ama ta'ellee… walitti hiquufi dhungoon nama sanatti vaayirasicha dabarsuu dandeessa ykn namni sun sitti dabarsuu danda'a.

Koronaavaayirasii wantoota gochuu qabdu

Namni ani dhiyeenya dhungadhe maallattoo dhukkubichaa agarsiisuu eegalaniiru. Maal gochuun narra jira?

Dr Aleeksi: Namni ati dhiyeenyatti dhungatte ykn waliin hariiroo qabbaatte koronaavaayirasii qaba jettee yoo shakkita ta'e, qofaatti adda of baasuu qabda.

Yoo mallaattoo agarsiisuu eegalte, of eeggannoo dabalataa goochuu qabda. Sana booda wal'aansa oggeessotarra argachuu qabda.

Aliiksi Fooksi: Ofii keenyaafi nama haariroo qabnuuf itti gaafatamummaa qabaachuu qabna.

Mallattoo dhukkubichaa agarsiisuu yoo eegalte nama dhiyeenya sanatti dhungatte ykn waliin haariroo qabaattetti himuu qabda.

Yoo namni ati waliin turte sun mallaattoo dhukkubichaa qabaatee ati garuu hin qabaannellee, qoofatti adda of baasun sirra jiraata.

Koronaavaayirasii dura jaallalleekoo waliin kondoomii hin faayyadamnu ture, amma eegaluu qabnaa?

Aliiksi Fooksi: Deebiin isaa jalqabuma maaliif kondomii hin fayyadamtanii kan jedhu irraatti hundaa'a.

Sababni isin kondomii hin fayyadamneef, waan lamaan keessanuu dhibee saal-qunnamtiin darburra bilisa taataniif ykn ammoo maloota ulfa dhorkan biraa fayyadamtaniif yoo ta'e rakkoo hin qabu.

Garuu sababootaa kana utuu hin qabaatiin fayyadamaa hin jirtan yoo ta'e, yeroo kaan caalaa amma fayyadamuu qabdu.

Koronaavaayirasii wantoota gochuu qabdu

Qaamaa saalaa nama tokko tuquun koronaavaayirasiin na qabuu danda'aa?

Dr Aleeksi: Qaama saalaa walii tuqxu taanaan wal dhungachuun keessan hin oolu, akkuma beeknu immoo vaayirasichi hancufaan ni darba.

Walumaa galatti carraan koronaavaayirasiin - afaan keessan irraa harka keessanitti - harka irraa gara afaan ykn funyaan nama biraatti darbuu jiru carraa vaayirachaan qabamuu dabala.

Carraa kana hanga dandeenyutti xiqqeessuu barbaadna. Kanaaf wal tuxxuqaa jaallallee wajjiin hin jiraannee waliin qabnu hir'isuu qabna.

Yeroo kanatti akkamiinaan bultookoo ykn hiriyyummaakoo akkamiinan eeggadha? Yeroo kanatti qofaa ta'uu hin barbaadu.

Aliiksi Fooksi: Weerarri kun namootni baay'ee karaa ittin jireenya saalqunnamtii gaarii ittin qabaatan irratti akka yaadan taasiseera.

Jaallellaawwan yeroo kanatti bakka adda adda jiran ammoo maloota haraa uumaa jiru.

Yoo mala uummachuu dandeesse, yeroo gaarii dabarsuuf jaalalleekee waliin qaamaan waliin jiraachu hin qabdu.

Yoon HIV qaba ta'e carraan koronaavaayirasiin qabamuukoo ni guddataa?

Aliiksi Fooksi: Yoo qorichaa HIV fudhachaa jirta ta'e lakkoofsi CD4' kee (lakkoofsa seelii dhiigaa adii dhibee ofirraa lolu) gaariidha kanaaf qaamnikee dhibee ofirra ittisuu danda'a.

Kana jechuun waanti addaa koronaavaayirasiif si saaxilu hin jiru. Yoo HIV qabda ta'e, qorichakee fudhachuu itti fufi. Akkuma nama kaaniis seeraa qofatti adda baasuu hordouu qabda.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa